Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojiiwwan hubannoon nam-tolchee (AI) nama jalaa hin fudhanne jiruu?
Hubannoon nam-tolchee (Artificial Intelligence-AI) addunyaa ajaa'ibsiisaafi shororkeessaa jira.
Yaaddoo namoonni hedduu qaban sababa tekinooloojii kanaan hojii keenya dhabna kan jedhudha.
AI waraqaa qorannoo hojjetu, AI wallaansa fayyaa kennu, AI daa'imman taphachiisu, AI hojii qulqulleessuu hojjetu, AI daandii namatti agarsiisu, AI barsiisu, ... kam keessaa isa dhabuu?
Kanaaf, namoonni maal hojjetanii jiraatu, hojiin AI nama jalaa hin fudhanne isa kami?
Ogummaa dhala-namaa irraa waraabamee kan hojjetame AI, tarii guyyaa tokko ammoo warruma isa uumeyyu tuffachiisuu danda'aa laata?
Wanti haaluu hin dandeenye AI'n si'oominaan dhala-namaa caalaa dhufuu isaati.
Haata'u malee, amalli umaamaafi dandeettiin addaa dhala-namaa ammayyu yeroodhaaf gahee bakka hin bu'amne qaba.
Tekinooloojiin akka malee saffisuun yaada sammuu namaan ol ta'aa kan dhufe yoo ta'u, hojii addunyaa itti aanee dhufu maal akka ta'u yaadda'uun keenya waan nama dinqu miti.
Haala kanaan hojii akkamii keessatti yoon bobba'edha kan addunyaan na dhiisee hin deemne? jedhanii yaaduun hin oolu.
Faallaa kanaan ammoo, jaarraa tekinooloojii kun karra hojii isaaniif banee kan durooman xiqqoo miti.
Gabaasa kanaan yaaddoo AI uumeen garasitti carraawwan hojii inni uume yaa ilaallu. Damee AI'n yeroo dhiyootti bakka hin buunes waliin qabsiisnee kaasnee ilaalla.
Tekinooloojiin hojiiwwan isaan kam uume?
Akkuma hojiiwwan kaan tekinooloojiiin hambise, foyyeesse, balleesse, jiran, kan akka haaraatti fide hoo?
Hoji-gaggeessaa Ayikoog Laabs kan ta'eefi dhimma kanarratti kan hojjetu Geetinnat Asaffaa gaafanneerra.
"Namoonni hedduun tekinooloojiin guutummaan guutuutti hojii balleessa jedhanii yaadu. Hanga ta'een yeroo ilaalamu sirriidhuma. Wanti amma hojiidha jennee yaadnu gara fuula duraatti hin jiraatu," jedha ogeessi kun.
Kana jechuun garuu hojiin guutummaatti bada jechuu miti. Akkuma damee kamii hojiinis ni jijjiirama.
Fakkeenyaaf, waggootaan dura barreeffamni kallee hoolaafi re'ee irratti barreeffama ture. Boodarra foyyaa'ee taayippiidhaan barreeffamuu eegale. Taayippii ammoo kompiitarri bakka bu'e. Osoo si'a dhibba barreessuun hin barbaachisiin fuulli tokko koppii ta'a.
Barreessuun osoo hin barbaachisiin jechoota dhaga'ee maashiniin gara barreeffamaatti jijjiiru dhufeera.
Ji'oota muraasa dura Gooldmaan Saachis tilmaama baaseen AI'n qabiyyee uumuu danda'u kan namoonni amma hojjechuu danda'an nuusa isaa hojjechuu ni danda'a.
Awurooppaafi Ameerikaa keessatti qofa hojii namootaan hojjetamu maashinaan hojjechiisuun (Automation gochuudhaan) hojiiwwan miliyoona 300 ni dhabamu.
Hojiiwwan tekinooloojiin fide keessaa miidiyaa hawaasaarrattidhiibbaa uumuun (Social Media Influencer) kan eeramudha.
Ofii keenya karaa adda ta'een beeksisuudhaan, hordoftoota miidiyaa hawaasaa horachuu, hordofotootaaf beeksisa hojjechuudhaan galii beeksisarraa argamuun jiraatu.
Ogummaan kun har'a maallaqni guddaan kan keessaa argamu ta'eera.
Qabiyyee miidiyaa hawaasarratti kan tamsa'u uumuun (Content Creator) damee biraadha.
Geetinnat akka jedhutti, namoota miidiyaa hawaasaa gurguddoo uumaniin alatti warri appilikeeshinii uumanis ogeessota gadaa tekinooloojii kana keessa murteessoo ta'anidha.
"Namni tokko osoo herrega baankii hin qabaatiin interneetiirra galee hojii hojjeta. Mana isaa keessa taa'ee laaptooppii isaarraa galii argata. Interneeta qofa fayyadamuun giraafik dizaayin hojjeta ykn hojii biraa hojjeta. Hojii dhaabbileen gurguddoo maallaqa guddaa baasanii hojjechiisan keessatti baayyinaan kan dargaggoonni galii guddaa irraa argatan ta'aa jira," jedha ogeessi kun.
Amma hojiin akka kanaan duraa fuula isa qacaruu ilaalanii, amansiisanii kan argatan qofa miti. Kan namoonni yunivarsiitiirraa eebbifaman qofati hojjetanis miti. Namoonni dandeettii qabaniin gara marsariitiitti deemuudha.
Roobootiks, konkolaataa shufeera malee deemu, maxxansawwan 3D fi kanneen kana fakkaatan karaa galiin guddaan ittii argaman ta'aa jiru.
"Namoonni baruma baraan waan haaraa uumu. Chaayinaa keessatti qoor-qalbii saree hojiin jedhamu uumameera. Seektara guddaadha. Wanti hara' gatii qabu bor kan gatii hin qabne ta'a. Addunyaa jijjiiramudha. Seenaanis kan nu agarsiise kanadha," jedha.
Hojiin ni dhabamaa?
Akka ogeessi kun jedhutti, hanga dinagdeen baayyee guddaa ta'e hin uumamnetti hojiin hin dhabamu. "Hojiiwwan turan ni du'u. Hojiiwwan haaraa ammoo uumaa deemna," jechuun ibsa.
Rakkooleen hawaasa keessa jiran irratti hundaa'uudhaan furmaata kennuun karaa hojiiwwan haaraan ittiin uumamanidha.
Karaan biraan hojiiwwan amma jiran tekinoolojii waliin walitti qindeessuun ammayyeessuudha. Fakkeenyaaf, wallaansi fayyaa tekinolloojiidhaan deeggaramee (Telemedicine) hojiirra oolaa jira.
Hakiimonni mana isaanii keessa ta'anii marsariitiidhaan, biyyoota gara garaa keessatti wallaansa fayyaa kennuu danda'u.
Wantota haaraa uumuun akkuma jirutti ta'ee, haalota galteefi humni maallaqaa murtaa'aa ta'e keessatti garuu kalqawwan waraabuun (Copying) filannoo foyyaa'aa akka ta'e gorsa Geetinnat.
"Chaayinaan waggoota 40f galagalachaa ykn koppii gochaa turte. Dinagdee adunyaa irratti guddinaa lamaffaa ta'e kan uuman koppii gochuudaanidha," kan jedhu ogeessi tekinooloojii kun, dargaggoonni Afrikaa interneetaafi miidiyaa hawaasaa fayyadamuun addunyaa hojii mataa isaanii akka uummatan gorsa.
"Rakkoon hanqina beekumsaafi odeeffannoo hin jiru. Gaafiin akkamiin gara madda maallaqaatti jijjiirra kan jedhudha," jedha.
Hojiiwwan AI'n hin balleessine jiruu?
Maartiin Foordis kitaaba ‘Rule of the Robots: How Artificial Intelligence Will Transform Everything’ jedhu qaba.
Lammii Ameerikaa waan gara fuula duraatti ta'u qoratudha.
Turtii fuula BBC Worklife jedhu waliin taasiseen, hojiiwwan AI'n hin balleessine ykn hin dhabamsiisne jiruu? gaaffii jedhu gaafatamee seekteroota ykn dameewwan sadii eere.
"Sekataroonni/dameewwan sadii ni hafu jedheen yaada. Inni jalqabaa hojii kalaqaati. Kun wanta tokko waanuma arganirraa damee uumuuti," jedha.
Sekatarri kalaqaa hunduu garuu hin badu jechuu miti. Fakkeenyaaf, giraafik dizaayiniifi aartiin viizhuwal kana keessatti hin ammataman.
AI'n miidhagina kalaqaa hubatee wanti haaraa akka uumamu gochuu yoo danda'ame, saayinsiin, fayyaan, seeraafi sektara daldalaan ilaalchawwan haaraa jiran namoota uumuu danda'anidha.
"Sektarri hojii lamaffaan hin badne hojii hariiroo namaafi nama gidduu cimaa ta'e gaafatudha," jedha Maartiin Foord.
Fakkeenya kanaaf yoo kennu, neersota, gorsitoota daldalaafi gaazexeessummaa qorannooti kaasa.
Sektarooonni kuunneen namoota gadi fageenyaan hubachuu warragaafatanidha. Akkuma seensa keenya irratti eerre ammoo amaloonni namaa uumamaafidandeessiin uumamaa garuu yeroodhaafis ta'u kan bakka hinbuunedha.
"Sektarri hojii sadaffaan ammoo hojiiwwan sochii gaafataniifi rakkoowwan hiikuu barbaadanidha," jedha Maartiin Foord.
Hojjetaan ujummoo bishaaniifi kan elektiriika suphi kana keessatti hammatamu. Ogeessonni kunneen rakkoowwan yeroo yerootti isaan mudatan haaraadha. Kanaaf, dandeettii yaaduu isaanii fayyadamanii furmaata fiduuti isaaniirraa eegama.
Sektaroonni hojii amaloota isaanii jijjiiraa akka deeman Geetinnat Maartiin Foord waliin waliigala.
Ogummaawwan hariiroo namoonni waliin akka taasisan barbaadu, ogummaawwan dandeettii namootaa yaaduufi xiinxaluu, akkasumas murteessuu gaafatan akkuma jiraniin itti fufu.
Namni tokko kaanserii akka qabu baruudhaaf qorannoo taasifamu keessatti AI nama caalaa gadi fageenyaan qorannoo gaggeessee deebii foyyaa'aa kennuu danda'a. Namoonni garuu wallaansa isaa argachuu kan barbaadan namarraati.
Hojiiwwan humna namootaa akka malee saaman gara maashinaatti ceesisuun sadarkaa olaanaa gadaan kun irra gahedha.
Gama biraan AI dabalatee kalqawwan biroo miseensota hawaasaa galii xiqqaa argatan ykn kutaaleen hawaasaa saalaafi bifa irratti hundaa'uun loogiin irratti taasifamu ilaalcha keessa bifa hin galchineen akka hin qixeessine kan jedhu ogeessonni ni qorsu.