Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hospitala Gondar hanqinni oksijiniifi qorichaa mudachuu himame
Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti mudateen hospitaala Gondaritti hanqinni qorichaa, oksijinii fi dhiigaa mudachuu maddeen hospitaalichaa BBC'tti himan.
Magaalota naannoo Amaaraa keessaa walitti bu’insi fi dhukaasni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti mudate keessaa tokko Gondar yoo taatu, namoota nagaa irras miidhaan gahuu jiraattonni himaniiru.
Walitti bu’insa magaalittii fi naannaa isheetti guyyoota muraasa tureen namootni gara 20 tahan du’uun gara 200 kan tahan ammo miidhamuun gara hospitaala Gondar galuu hakiimonni hospitaalichaa BBC'tti himaniiru.
Hakiimni hospitaalichaa tokko akka jedhanitti, namoota rasaasaan dhahamuun yaalaaf dhaqan keessaa dargaggeessi ganna 16 fi umurii guddaan ammoo dubartiin ganna 50 akka jiran himan.
Walitti bu’insichaan wal qabatee namoota rasaasaan dhahamuun hospitaalicha galanii du’an keessaa ''irra caalaan isaanii namoota nagaa fi hidhattootadha’’ jedhan ogeessonni fayyaa.
Raayyaa ittisa biyyaa keessaa loltuun rasaasaan miidhamee hospitaalicha gale akka hin jirres maddeen hospitaalaa kunneen himaniiru.
Haatahu malee, BBC’n maddeen wallaba tahan irraa waa’ee miidhaa dhaqabe jedhamee kanaa qulqulleeffachuu hin dandeenye.
Sababa wlaitti bu’insichaan sochiin magaalichaa danqamuu irraa kan ka’e hanqinni oksijinii hospitaalicha mudachuu kan himan maddeen hospitaala Gondar, tibbana tajaajila baqaqsanii yaaluu kennuu akka hin dandeenye himaniiru.
Maddeen hospitaalichaa maqaan isaanii akka hin eeramneef gaafatan, guyyoota sadan darbaniif sochiin magaalichaa dhaabbachuu irraa kan ka’e hanqinni nyaataa namoota dhukkubsatanii hospitaala ciisaniif kennamu mudachuu himaniiru.
Dabalataan rakkoo geejibaa irraa kan ka’e namoonni miidhaman baa’aa namaatiin gara hospitaalaatti geeffamaaa aakka turan himaniiru.
Jirraattoonni magaalaa Gondar BBC Amaariiffaa har’a Hagayya 9, 2023 dubbisee akka jedhaniitti, walitti bu’iinsa ganda 4, 11, 12 fi 18 keessa turaan namoonni rasaasaan rukutamanii du’an jiraachuu fi kanneen awwaalaman jiraachu himan.
Jiraattoonni dabalunis Kibxata waaree boodaa kaasee raayyaan ittisaa magaalicha keessatti mul’achu eegaluufi dhukaasa raraasaa har’a naannoo ganda 18iitti dhagahameen alatti sagaleen dhukaasaa hir’achu himan.
Guyyaa Wiixataa Gondariitti dhukaasni meeshaa gurguddaa akka ture kan dubbatan jiraattoonni keessattuu bakka Piyaasaa jedhamuun beekamuutti haalli kun mudachu himan.
Kaleessa waaree booda irraa kaasee magaalichatti tasgabbii umammaa jiraachu kan dubbatan oggeessoon fayyaa, humni raayyaa ittisaa naannawa hosipitaalaatti akka argamus dabaluun himan.
Mootummaan naannoo Amaaraa ibsa Kibxata galgala baasuun booda kaaseen, tarkaanfii mootummaan heera kanachiisuuf fudhateen ‘‘magaaloonni rakkoon keessatti mudatee ture irra caalaan gara nagaatti’’ debii’aniiru jedhee ture.
Itti dabalunis, naannoolee Walloo Kibbaa, Walloo Kaabaa, Waag Himraa, Shawaa Kaabaa, Dabira Birhaan, Kaabaa fi Kibba Gondariitti haalli nagaa deebii’uun jiraattoonni gara jireenya idileetti deebii’uu akkasumas Baahir Daariifi Magaala Gondar hidhattootarraa bilisa gochuuf alkan Wiixataa irraa kaasee tarkaanfii fudhataa jiraachu ibse.
Haaluma walfakkaatunis Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balaliinsa isaa gara Baahir Daariifi Gondariitti taasisuu adda kutee ture, Kamisa boruu Hayyaga 10, 2023 irraa deebiisee akka eegalu beeksiiseera.
Daandiin qilleensichaa har’adabalatee guyyoota sadan dhufaniif baalaliinsa isaa gara Kombolchaa, Gondar, Laalliibalaa fi Baahir Daariitti taasisuu haquusaa kaleessa beeksiisee ture.
Baatii Ebla mootummaan federaalaa humnoota addaa naannoolee gara caasaa raayyaa ittiisaafi qamoolee nageenyaa kaaniitti akka makamaniif murtee dabarsee hordoofuun mormiin naannoo Amaaraatti umamee cimaa adeemuun, humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo jidduutti walitti bu’iinsi taasifamaa ture.
Walitti bu’iinsa naannichatti gaggeeffamu kanaan wal qabatees geejjibiiwwan lafoo fi qilleensaa dhaabbachuu, tajaajilli inatneetii adda cituun himamee ture.
Torban darbe ammoo tasgabbii dhabiinsichi naannichatti cimaa dhufuun naannoon Amaaraa mootummaan federaalaa jidduu akka galuuf gaaffii dhiyeessuun isa ani yaadatama.
Gaaffii naannichi dhiyeesse kana hordofuunis mootummaan federaalaa murtee mana maree ministirootaan Jimaata darbe dabarseen, naannichatti labsii yeroo muddamaa baatiiwwan dhufan jahaaf labsuun, izzii qajeelfama waliigalaa labsiicha raawwachiisuu hundeesseera.