MM Abiy Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa waliin hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa irratti mari'atan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan waliin hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa irratti mari'atan.

Bulchaan Itophiyaa Kora hoogganoota US-Afrikaa irratti hirmaachuuf yeroo ammaa Ameerikaatti argamu.

Dhimmoota mari'atan keessaa tokko dhimma waraanni Ertiraa Itoophiyaa keessaa bahuurratti ta'u Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa ibsaniiru.

Mootummaafi TPLF waraana waggaa lamaaf ture baatii Sadaasa keessa nagaan xumuruuf waliigalteerra gahaniiru.

'Hanga yoonaa hamma waliigalteen walitti bu'iinsa dhaabuu hojiirra ooleefi hunda hojiirra oolchuun Itoophiyaa deebisanii ijaaruurratti qooda qabuurratti,' mari'anne jedhan Biliinkan.

MM Abiy gama isaaniin ''nagaa akka argannu qooda Ameerikaan baatef dinqisifannaa kiyya ibseefiira,'' jechuun fuula Tiwiitaraa isaanii irratti ibsan.

''Waggoota dheeraaf Itoophiyaan Afrikaa keessatti michuu Ameerikaati. Karaatti michummaa keenya cimsinu mari'anne,'' jechuun ibsan.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa karaa nagaan akka xumuramu biyyoota dura aantummaan dhiibbaa uumaa turan keessaa Ameerikaan tokkodha.

Humnoota TPLF mariitti akka dhufan kan taasisan Ameerikaadha jechuun kana dura qondaalli Itoophiyaa ibsanii turan.

Haa ta'u malee, aangawoonni Itoophiyaa Ameerikaan TPLF'f caalsifatte jechuun yeroo waraanaa himataa turan.

MM Abiy Ahimad kora dimookiraasii Ameerikaatti qophaa'erra hirmaachuun isaanii hariiroon isaan biyyoota Lixaa waliin qaban fooyya'uu agarsiisa kan jedhan jiru.

Dhimmoota marii ijoo

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Ned Piraayis dhimma waliigaltee nagaa Itoophiyaa keessa nagaan waaraa akka dhufu taasisanirratti mari'atuu himan.

Biliinkan tarkaanfii mootummaan gargaarsi namoomaa gara Tigraay akka seenuufi sochiiwwan tajaajiloonni bu'uuraa akka eegalan taasisan jajaniiru jechuun ibsan.

Torban darbe magaalaa Maqalee keessa tajaajilli ibsaa yoo eegalu tajaajilli bilbilaa illee Shireetti eegalu ibsameera.

Biliinkan ''Waliigalteen nagaa atattamaan akka raawwatuufi qorattoonni mirga namoomaa idil-addunyaa bakkeewwan walitti bu'iinsi ture,'' akka seenanii qoratan gaafachuu dubbatuu ibsani.

Dabalataan, hogganoonni lamaan ''waraanni Ertiraa hundi Itoophiyaa gadhiisanii akka bahanirratti mari'achuu'' Piraayis himaniiru.

Akka waliigaltee nagaa Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti walii galameetti humnoonni TPLF meeshaa hiikkachuuniifi humnoonni alaa Naannoo Tigraay gadhiisuu erga takkaa raawwata.

Waliigaltee nagaa mootummaan Itoophiyaafi humnoota TPLF waliin mallatteessan keessatti maqaan Ertiraa ifatti hin ibsamne.

Humnoonni Tigraay loltuu isaanii keessaa 65% lafa adda waraanaarraa fageessuu ibsaniiru.

Waraanni Ertiraa garuu bahuu isaarratti ragaan agarsiisu hin jiru. Dhimmi kuni saffisaan akka furamuufi badiiwwan raawwataa jiru jechuun humnoonni TPLF ni ibsu.

Gama Ertiraa dhimma kana irratti wanti ifatti dubbatamu hin jiru.

Ertiraa mootummaa Itoophiyaa bira gorte lolaa turte.

Waraanni waggaa lamaaf ture lammiilee kumaan lakka'aman yoo galaafatu, miiliyoonaan kan lakka'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.

Kanneen jiruufi jireenya isaanii buqqa'an kunneenis deeggarsa malee akka hin jiraanne ta'aniiru.