Waraana Kaaba Itoophiyaan badiinsa dhaqqabeef eenyutu itti gaafatama? Akkamiin ammoo deebisanii ijaaru?

Waraanni Kaaba Itoophiyaa Sadaasa 2020 Naannoo Tigraayitti jalqabee naannolee ollaatti babal’ate karaa nagaan akka furamu, Afrikaa Kibbaatti waliigalteen nageenyaa erga mallattaa’ee ji’i tokko darbeera.

Bakka buutonni mootummaa Itoophiyaa fi TPLF Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaa akkasumas Keeniyaa magaalaa Naayiroobitti walarganii waliigalticha mallatteessuu hordofee waraanni qabbanaa’eera.

Qarqaarsi hangi barbaadamu galaa hinjiru jedhamee komiin dhiyaatus, naannichatti qarqaarsi namoomaa galaa jiraachuufi tajaajiloonni bu’uuraas deebi’aa akka jiran gabaafamaa jira.

Waraana kanaan rakkooleen namoomaa guddaa fi barbadiinsi bu’uuraalee misoomaa akkaan guddaa tahe akka qaqqabe, gabaasaaleen garagaraa ni mul’isu.

Lolli dhiiga hedduu dhangalaase kun karaa nagayaan ni goolabama taanaan, dhimmi ijoo itti aanu naannolee waraana kanaan akkaan miidhaman deebisanii ijaaruu yookaan dhaabuudha.

Lola kanaan badiinsi bu’uuraalee misoomaa dhaqqabe hagami? Maallaqaafi yeroo hangamii fudhata? Kan itti gaafatamu hoo eenyu?

Mancaatiin dhaqqabe hangami?

Waraana waliinii waggoota lama ture kanaan bu’uuraaleen misoomaa hedduu manca’aniiru, hambaaleen duriifi kaanis baduun isaanii yeroo garagaraatti gabaafameera.

Jaarmiyaaleen garii guutummaatti ogguu barbadaa’an, kaan ammoo gariin manca’uu ragaan BBCn argate ni mul’isa.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa ALI 2013tti magaalaa Maqalee ennaa to’atetti, gama bulchiinsa yeroo Tigraay hundeessee tureen manca’insa dhaqqabe irratti ragaa walitti qabee ture.

Odeeffannoon kun kan walitti qabame magaalaa Maqalee fi naannoosheetti tahus, badiinsaafi saamichi dhaqqabe akkaan guddaa tahuu ibsa. Naannichatti jaarmiyaalee manca’an keessaa dhaabbilee barnootaafi warshaaleen keessatti argamu.

Yunivarsiitiiwwan Addigraat fi Aksum, warshaan huccuu Almadaa akkasumas warshaan qorsaa Addigraat kanneen manca’an keessaati.

Waraanichi wayita naannolee ollaa Amaaraafi Affaaritti cehu manneen barnootaa, dhaabbileen fayyaa, warshaalee fi bu’uuraaleen misoomaa biroo manca’insi irra gaheera.

Naannoon Amaaraa qo’annoo gaggeesseen; waraanichi gara naannichaa cehee wayita ture ALI Waxabajjii 2013 hanga Mudde 2014 gidduutti, qabeenyi Birrii biiliyoona 292’tti tilmaamamu barbadaa’uu bira gaheera jedhe.

Biiroon Geejibaa Tigraay qorannoon gaggeesse ammoo; konkolaattonni hedduun saamamuu, boodarra garuu raayyaa ittisaa wajjin waltahuun muraasni deebiyuu isaanii agarsiisa.

Dhaabni fandii Tigraay ‘Effort’ jedhamu, hojjettoota 50,000 tahan qacaree hojjechisaa akka ture himama. Miseensa boordii dhaabichaa kan turan Muluu Alam, badiin dhaqqabe Birrii biiliyoona 11 tilmaamama jedhu. Dabaluunis deebisanii dhaabuuf Birrii biiliyoona 60 baasuu hinoolu jedhu.

Ministeerri Barnootaa gabaasa baaseen, sababa waraana Kaaba Itoophiyaan maneen barnootaa 7,000 ol tahan guutummaa fi gariin barbadaa’uu ibsee ture.

Ministeerichi waraana kanaan naannoo Tigraayitti barattoonni miiliyoona 1.4 fi barsiisonni 48,000 ol tahan barnoota addaan kutuu himeera.

Manca’insi gara caalu kan dhaqqabe Naannoo Tigraay keessa tahus, Affaari Amaaraa keessattis maneen barnootaa hedduun manca’uu himameera.

Dhaabni mirgoota namoomaaf falmu Human Rights Watch gabaasa baaseen ammoo, maneen barumsaa kaampii waraanaa tahaniiru jechuun qeeqee ture.

Dhaabni tola ooltotaa MSF gamasaan gabaasa 2013 ALI baaseen, Tigraayitti wiirtuulee fayyaa harka afur keessaa sadiirra saamichaafi mancaatiin dhaqqabuu himeera.

Dabalataan lolli kun hambaalee bara durii fi hawwata turizimiillee hin hambifne.

Gadaamonnifi masjiidonni umurii dheeraa qaban miidhaan irra gahuufi saamamuun alatti, hambaaleen manneen amantii keessaa saamaman marsaalee gabaa onlaayinii gubbaa gatii rakasaan gurguramaa turuunillee gabaafameera.

Bakkatti deebisuun akkamiin raawwata?

Bakka bu’ummaa Gamtaa Afrikaa – AU’n nagaan akka bu’u shoora guddaa kan taphatan keessaa pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoo isaan adda dureedha.

Obaasaanjoon dhiyeenya kana barreeffama marsariitii Semaafor dabalatee kaan gubbaatti barreessaniin, Kaaba Itoophiyaatti deebisanii ijaaruuf doolaarri biiliyoona 25 barbaachisa jechuun tilmaama isaanii kaa’aniiru.

Kaameruun Hadsan miseensa duraanii tika Ameerikaa CIA fi gorsaa olaanaa Sagantaa CSIS Afrikaati.

Lola Kaaba Itoophiyaatti dhalate dhiyeenyaan hordofaa kan turan Hadsan, dhimmi jalqaba raawwatu ‘konfireensii tumsitootaati’ jedhu.

Kunis dhaabbileen qarqaarsaa walitti dhufuun, maallaqni hangam tahu nu barbaachisa jechuun kan itti murteessanidha.

Badii naannoo Tigraay keessa qaqqabeef adda durummaan kan itti gaafatamu mootummaadha kan jedhan gorsaan kun, itti gaafatamummaa kana mootummaan federaalaa fudhachuu qaba jedhu.

Ogeessi seera idiladdunyaa fi gameessi dippiloomaasii Obboo Baay’isaa Waaqwayyaa, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii - UN keessa itti gaafatamummaa garagaraan ganna 30’f kan hojjetan ennaa tahu, bakka bu’aa dhaabbatichaa Raashiyaa keessaa tahanis tajaajilaniiru.

Waraanaan booda deebisanii ijaaruun dura dhimmi ijoo balleessaa sanatti geessu maal kan jedhu waa lamarratti hundaa’a jedhu.

Inni jalqabaa lola biyyoota lama gidduutti gaggeeffamudha jechuun: “humni alaa dhufee biyya weeraree, daangaa cabsee yeroo seenudha. Kunimmoo seera idiladdunyaa kan cabsudha,” jedhu ogeessi kun.

Yeroo kun tahutti biyyoonni ollaa, akkasumas hawaasni idiladdunyaa taatee kana cimsanii balaaleeffatu jedhu. Lolli kun haala adda addaatiin yoo xumuramus qaamoleen kunniin biyya sanaaf ‘gara laafina’ agarsiisu jedhu Obboo Baay’isaan.

“Mana keetti weeraramte, daba hin hojjenne, dhufanii waan si cabsaniif, hundumtuu horii sii buusa. [Hawaasni] idil-addunyaa garaa sii laafa,” jedhu.

Haalli lammaffaan ammoo yeroo biyyuma tokko keessa waraansi waliinii raawwatutti dhimma mudatudha.

“Lola biyya keessatti tahe yeroo tahu, biyyi lafaa garaa si hin laafu. ‘Mootummaanis, dorgomtonnis taa’anii nagaan haasa’uu qabu…’ jedhu [qaamoleen idil-addunyaa]. Akkan biyya lafaarratti argetti yeroo kun tahu, gara laafinni hinjiru,” jechuun dhimmi Itoophiyaatti tahe haala isa lammeessoodha jedhu.

Akka ilaalcha isaaniitti yoo tahe, bu’uuraalee misoomaafi badiinsa mudate kaan deebisanii ijaaruufi dhaabuuf, qarqaarsi qaamolee idil-addunyaa akkaan barbaachisa jechuun, lolichi dhimmuma biyya keessatti mudate waan taheef, qaamolee qarqaarsa taasisanirraa ‘gara laafinna’ argachuun guddoo rakkisa jedhu.

Akka Obboo Baay’isaan jedhanitti gama waraanaafi deebisanii ijaaruun walqabatee xiyyeeffannoon addunyaa wayita ammaa waraana Yukureenitti raawwataa jirurratti akka tahes kaasu.

“Kan keenya garuu qarqaarsa namoomaa bira dabree waan baay’ee nu qarqaaran natti hin fakkaatu,” jedhu.

Obboo Hadsan illee akkasuma dhaabbileen qarqaarsaa deebisanii ijaaruu Tigraay keessatti hirmaachuuf ni tumsu yaada jedhu hin qaban.

Baankiin Addunyaa fi Dhaabni Maallaqaa Idil-Addunyaa harka hiixatu yoo tahe malee, tumsa biyyoota biraatti taasifamu akka hin raawwanne kaasu.

"Diinagdee deebisuun danda’ama taha, hariiroo uummataa deebisuun cimaadha"

Sooviyet diigamuu hordofee waraanaafi waldhabdeewwan addunyaarra mudatan keessaa tokko, lola biyyattii Yugozlaaviyaa jedhamtu keessatti adeemeefi biyyattiin diigamuuf sababa tahedha. Kanaanis biyyi duraanii kun biyyoota: Islooveeniyaa, Kiroo’eeshiyaa, Bosniyaa fi Herzegovinaa, Montenegroo, Sarbiyaa fi Masedooniyaa Kaabaa jedhamanitti gargar cite.

UN keessa itti gaafatamummaa garagaraan, akkasumas biyyoota garagaraatti ganna 30’f kan hojjeta Obbo Baay’isaan, waa’ee waldhabdee kanaa dhiyeenyaan beeku – yaalii fi adeemsa biyyoota kana deebisanii ijaaruuf godhames akkaan himu.

Sarbiyaa fi Kiroo’eshiyaa akka fakkeenyaatti kan kaasan ogeessi kun, biyyoonni lamaan kunniinis qaamota alaarraa deeggarsa guddaa jedhamu hin arganne jedhu.

“Waraanni sun erga dhaabbatee waggaa 27 guuteera, garuu wanta bade guutummaatti deebisanii ijaaruudhaaf hanga har’aattiyyuu hin dandeenye.”

Haatahu malee biyyoonni kun lammiilee diyaaspooraa sooreessa tahan hedduu akka qaban kaasu. Lammiileen biyyoota kanaa wayita Waraana Addunyaa 2ffaatti biyyaa hari’amanii bahuun biyyoota adda addaatti facahan.

Lammiileen biyyoota alaa jiran kunniin hedduu biyyasaanii waraanaan miidhame akka gargaaran himuun, durumayyuu bu’uuraaleen misoomaa turan sadarkaa gaariirra turan jedhu.

Obboo Baay’isaan akka jedhanitti diinagdee fi bu’uuraalee misoomaa maloota adda addaan hanga tokkos tahu deebisuun danda’ameera jedhu. Haatahu malee “madaa nama gidduutti uumame sana deebisanii ijaaruu hin dandeenye,” jechuun cimsanii dubbatu.

“Saba Yugoozlaaviyaa gidduu jaalalaafi hariiroon hawaasaa ture, akkuma cicciteetti hafe – kana cimsee kaasuun barbaada,” jedhu.

Kaaba Itoophiyaa keessaafuu naannoo Tigraay keessa mancaatii waraanni dhale bakkatti deebisuuf maallaqni eessaa argama kan jedhu gaaffii isa ijoodha.

Lola kana hordofee dhibbaan diinagdee biyyattiirra gahe, mootummaa jiddugaleessa bajata deebisanii ijaaruuf oolu hinqabu yaadni jedhu jira.

Akkuma Obboo Hadsanitti, ogeessi seera idiladdunyaa Obboo Baay’isaanis, gahee hawaasni idiladdunyaa deebisanii ijaaruu keessa qaburratti gaaffii kaasu.

Balleessuun salphaadha, waa tokko bakkatti deebisuun garuu eessumattillee cimaadha kan jedhan gameessi kun, “akka kootti yeroo gabaabaa keessatti bakkatti waan deebi’u natti hin fakkaatu,” jedhu.

Ogeessi kun yaada furmaata taha jedhanis ni kaasu. “Namni keenya of amansiisee, kan bade badeera, inni darbes darbeera… [garuu amma] mudhii keenya hidhannee, zeroorraa jalqabnee olguddanna jedhee hojjechuu qaba.”