Iluu Abbaa Booritti namtichi haadhasaa fi miseensota maatii kaan abiddaan gubee ajjeese adabame

Madda suuraa, Qaj/ pol/ Godina Iluu Abbaa boor
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Daarimuu Ganda Beenaa 3ffaa jedhamutti himatamaan Ahimad Usmaan jedhamu ajjeechaa gara jabinaa maatii isaarratti raawwateen hidhaan adabame.
Abbaa Alangaa godinichaatti Abbaa Adeemsa Dhimmoota yakka adda addaa kan tahan Obbo Guutaa Dhugumaa BBCtti akka himanitti, ajjeechaan kuni A L I waxabajjii 29 bara 2016 ture kan raawwatame.
“Himatamaan kuni gaafa yakka kana raawwate galgala haatisaa maallaqa akka liqeessituuf gaafatee waan dhabeef galgala haaloo qabatee hanga halkan sa’aatii 7tti boqqoolluma keessa ture.”
“Halkan sa’aatii torba yeroo ta’u mana haadhaatti deebi’uun balbala karaa alaatiin cufee mana citaa isaan keessa jiraatanitti abidda qabsiise,” jedhan.
Balaa abiddaa kanaanis haadha himatamaa kanaa, obboleettiisaafi daa’imman lakkuu kan obboleettiisaa lama abiddaan gubatanii du’an jedhan abbaan alangaa kun.
Daa’imman lakkuun balaa kanaan lubbuun isaanii darbes kan waggaayyuu hin guunne reefu erga dhalatanii ji’a saddeetidha jedhu.
Yakki kuni erga raawwatameen booda poolisiin Aanaa Daarimuu himatamaa kana too’annaa jala oolchuun abbaan alangaa aanichaa galmee banee gara mana murtii olaanaa Godina Iluu Abbaa Booaaitti dabarse.
Dhimmicha kan ilaale Manni-murtii Olaanaa Godinichaas himatamaan kuni yakkicha raawwachuu erga amaneen booda yaadota adabbii cimsaniifi laaffisan adda baasuun murtii yakka raawwachuu kenne.
“Himatamaan kuni haati warraasaa ulfa akka taate, qaama miidhamaa ta’uu fi rikardii yakkaa waan hin qabnee adabbiin akka hir’atuuf mana murtii gaafate.”
“Abbaan alangaa ammoo yakki raawwatame daddabalamaa fi gara jabummaan kan guutamee fi haaloo qabachuun kan raawwatame waan ta’eef adabbiin akka cimu gaafate” jedhan Obbo Guutaan.
Yaadota gama lamaanii kan ilaale manni murtichaas yaadota himatamaan dhiheeffatee fi kan abbaa alangaa keessaa lama lama fudhachuun gulantaa adabbii 39 irraa gara 37tti adabbii gadi buuse jedhan.
Manni murtichaa dhadhacha A L I gaafa Hagayya 28, bara 2016 ooleen himatamaan kuni hidhaa cimaa waggaa 25 akka adabamu murteessuu himan Obbo Guutaan.
Murtiin kenname kuni ajjeechaa sukaneessaa raawwatame faana madaalawaa fi barsiisadhaa? jennee kan gaafanne qondaalli abbaa alangaa kun, ol iyyannoo gaafachuuf yaadaa jiraachuu himan.
“Akka abbaa alangaatti murtiin adabbii yakka sukaneessaa lubbuu nama afurii galaafate kanaaf kenname quubsaadha jedhee hin yaadu.”
“Garuu manni murtii maalirra dhaabbatee murtii kana kenne kan jedhu ilaaluuf garagalcha murtii gaafannee ilaaluuf jirra. Akkaataa adeemsa seeraan itti aansinee ol iyyannoo kan gaafannu taha” jedhan.












