TPLF kora waliigalaa qopheessuuf ture miseensotuma isaarraa mormiin mudataa jira

Sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf gaggeeffameen qaama seerummaasaa kan mulqame TPLF kora walii galaa 14ffaa gaggeessuuf qophiirra akka jiru beekisus miseensotuma isaarraa mormiin isa mudataa jira.

Namoota koricharratti hirmaatan filachuudhaf naannicha keessatti bakkeewwan garaa garaatti walgahiin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, kaansaanii korri walii galaa akka hin gaggeeffamneef murtee dabarsanii jiru.

Kanneen morman keessaa Godiinni Kibba Tigraayi tokko yoo taatu, aanota godiinichaa 14 keessaa 12 yeroo kanatti TPLF kora walii galaa gaggeessuu hin qabu jechuun murteessan.

Dursaa TPLF kan ta'an Dr. Dabratsiyooni Gabramikaa'elifi pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayi kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaa gidduutti garaa garteen akka dhalate gabaasaalefi ibsa gaggeessitoonni kun kennan irraa hubachuun ni danda'ama.

Godiina Kibba Bahaa Aanaa Andartaatti miseensonni TPLF walgahii taa’aniin korri walii galaa yeroo kana akka hin gaggeeffamne murteessuu maddeen BBCtti himan.

Af-yaa’ii Aanaa Indartaa kan ta’an Sillaas Haftuu uummanni rakkoo wal-xaxaa keessa osoo jiruufi paarticha keessa tokkummaan yeroo hin jirre kanatti kora walii galaa gaggeessun waan dursa kennamuufii qabu akka hin taane BBCtti himan.

“Gaggeessan paartichaafi ittaanansaanii tokko osoo hin ta’in, gaggeessaa Komishinii to’annoo paartichaa dabalatee miseensonnisaa bakka hin jirretti kora gaggeessun sirrii miti,” jechuun paartichi ejjannoosaa ganamaatti deebi’uu qaba jedhan.

TPLF Keessatti gartuun dhalachuu

TPLF kanaan dura ibsa kenneen umuriisaa waggaa 50 keessatti qormaanni jabaan isa mudachuu amanuun torbanootan dura beeksisee ture.

Aanaa Wajaraatitti qondaala TPLF kan ta’an namni maqaansaanii akka hin eeramne gaafachuu BBCtti dubbatan toko akka jedhanitti miseensonni komii kan kaasaa jiran naannicha keessa rakkoon hawaas-diinagdeefi siyaasaa mudachuurraa kan ka’eedha.

“Waa’ee kora gaggeeffamuu caalaa dhimmi uummata Tigraay dursa argachuu qaba kan jedhutu jira. Miseensonniifi qondaalonni wal-gahii bu’uuraa paartichaarratti argamuu qaban hin argamne,” jechuun wal-gahiiwwan amma gaggeeffamaa jiranuu iftoomina kan hin qabne akka ta’e himu.

Godiina Kibba Baha Tigraayitti itti gaafatama gurma’ina uummataa kan ta’an Obbo Girmaa Dastaa BBCtti akka himanitti TPLF mootummaa federaalafi Boordii Filannoorraa beekamtii osoo hin argatin kora gaggeessun uummata Tigraayif balaa fidee dhufa jechuun kan morman jiru.

Gama biraan ammoo Komishinii To’annoo Giddu Galeessaa TPLF miseensota Koree Kora 14 qopheessan miseensummaarraa kaasuu beeksiseera.

Gaggeessaa Komishinii To’annoo TPLF kan ta’an Obbo Taklabirhaan Arayyaa paarticha keessa gareen karaa hin malleen deemu akka jiru eeran.

“Gaggeessan kaayyoosaarraa yoo maqe dhaabicha mancaasa. Gaggeessan fayidaa dhuunfafii angoosaa giddu galeessa godhachuuni socho’aa kan jiru. Paarticha keessa gareen faallaa dhabbattan jiru. Waan hunda kan balleesse isa garee ofiif dhaabatan kanaadha,” jechuun BBCtti dubbatan.

Godiina Baha Tigraayitti itti gaaftaamaa ijaarsa uummataa kan ta’an Obbo Dastaan gamasaanin, “paartin tokko yeroo yeroon kora gaggeessun gaaridha. Garuu, qophiirratti wantoonni qophii barbaadan jiru,” jechuun yaada faallaa qabatanii koratti dhiyaachun sirrii akka hin taane kaasu.

“Garee lamatu jira. Gareen tokko bulchiinsa yeroo kan to’atu yoo ta’u, kan biraa ammoo paartichaan kan durfamuudha. Kanaaf, korichi akka hin gaggeeffamne kan morminuuf gareen tokko garee biraa mancaasa jennee waan yaannefi, jedhu.

“Yaaddoo waraanaa biraa”

Waliigaltee Piritooriyaa hordofuun kan hundaa’e bulchiinsa yeroo Tigraayi irratti TPLF maqa balleessii gaggeessa jechuun bulchiinsi yeroo irra deddeebin himata.

TPLF Boordii Filannootti akka haaratti galmaa’ee beekamtii osoo hin argatin kora gaggeessus ta’ee filannoo biyyaalessaa keessatti hirmaachuu akka hin dandeenye MM Abiy Ahmad akeekkachiisanii ture.

Gaggeessitoota TPLF gidduu walii galteen dhabamuufi mootummaa federaalaa wajjin walitti mufachuun rakkoo inni geessisuu danda’u yada keessa galchuun korri walii galaa TPLF gaggeeffamuu akka hin qabne kaasu Obbo Dastaan.

“Haala akkanaa keessa taanee kora gaggeessun caalatti garee lamatti waan gargar nu baasuf, tarii waraanatti deebisuu waan nu seensisuu maluuf korichi kufaa akka ta’u godhameera. Miseensonni Aanaa Indartaas kora kanarratti hin hirmaannu jedhanii murteessaniiru,” jedhan.

TPLF fi mootummaan federaalaa waraanatti seenuu hordofee Boordin Filannoo Itoophihyaa qaama seerummaa TPLF mulquunsaa ni yaadatama.

Waraanni dhabbatee araarri erga bu’ee booda irra deebin galmaa’ee qaama seerummaasaa akka argatu jedhamus, TPLF garuu akka haaratti galmaa’uu osoo hin taane qaamni seerummaa akka deebi’uufii qabu dubbi himaan TPLF Obbo Asaffaan BBCtti himan.

Kantiibaa magaala Maayichawu kan ta’an Obbo Yamaanaa Nigusee BBCtti akka himanitti hunda dura dhaabichi kora gaggeessee gaaffii uummataa osoo deebisee yaada jedhu qabata akka turaniifi boodarra TPLF keessa garee ofiin hojjachuufi wal-qoodun akka jiru hubatan.

Dabaluunis gareen tokko garee biraa kuffisuuf akka dhama’uufi akka wal-beekanitti hojjachuun rakkoo bara dheeraf hidda fageeffate ta’uu kaasun miseensonni Komishinii To’annoo sadi erga keessa bahanii eenyutu kora walii galaa qopheessa? Jechuun gaaffii akka itti ta’e kaasu.

Qondaalonni paartichaa kora gaggeessurra qaama seerummansaa akka deebi’uuf karaa nagaafi mariin itti deemun gaarii akka ta’e kaasu Obbo Yamaanan.