'Akkaataa hojiirra oolmaasaa malee hawaasa keenya tajaajiluu hin mormine' -Barattoota Yunivarsiitii

Madda suuraa, SW
Mootummaan Itoophiyaa sagantaa tajaajila biyyaalessaa waggaa tokkoo barattoonni yunivarsiitii akka kennaniif dirqama ta'a jedhe hojiirra oolchuuf sochii erga jalqabee bubbuleera.
Ministirri Barnootaa, Piroofeesar Birhaanuu Naggaa Ebla 2025 ture haasaa paarlaamaarratti taasiseen karoora maqaan isaa "Ethiopia University Service" [Tajaajila Yunivarsiitii Itoophiyaa] jedhu bara dhufu keessa hojiirra akka oolu kan bakka bu'oota ummataaf ibse.
Akka sagantaa Ministeera Barnootaa kanaatti barattoonni barnootasaanii xumuruuf waggaan tokko yeroo isaan hafu naannolee biyyattii gara garaatti bobba'uun tajaajila kennu.
Mootummaan akka jedhutti, kaayyoon sagantaa kanaa barattoonni muuxannoo hojii qabatamaan akka gonfatan, akka bilchaatan/gahooman, akkasumas miira biyyasaaniif gumaachuu cimsuuf jedhameeti.
Sagantaan kun addatti hanqina barsiisotaa guutummaa biyyattii kessatti mul'achaaa jiru furuudhaaf faayidaa akka qabu kaasuun Pirof. Birhaanuu Naggaa dubbateera.
Kaartaan kallattii (Roadmap) barnootaa Itoophiyaa bara 2018 akka agarsiisuttis barattoonni yunivarsiitii yeroo barnoota digiriisaanii jalqabaa xumuruuf waggaan tokko isaan hafutti tajaajila waggaa tokkoo akka kennan bobbaasuun akka barbaachisu yaada dhiyeesseera.
Kaartaan kallattii barnootaa kun barattoonni dhimmoota gosa/muummee barnootaasanii walqabaturratti bakka dhalataniin alatti ramadamanii akka hojjetan gaafata. Yaadni kun kan dhiyaateef ammoo kaayyoo dhaabbileen barnootaa keessatti tokkummaa jabeessuu kan jedhus of keessaa qaba.
Kaartaan kallattii barnootaa kun erga sirni federaalaa Itoophiyaa keessatti hojiirra oolee "tokkummaan barattoota yunivarsiitii gidduu jiru laaffatuu" eera.
Sanadiin kun "Sagantaan Tajaajila Yunivarsiitii Itoophiyaa kun qaama barnootaa ta'uu qaba," jedha.
Dhaabbileen barattoota kana simatuufi yunivarsiitiin isaanii ammoo baasii sagantaa kanaa akka danda'us kaa'a.
Barattoonni sagantaa kana akkamiin simatan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sagantaan tajaajila yunivarsiitii kun bara itti aanurraa kaasee hojiirra oola oduun jedhu dhagahamuu hordofee barattoonni yunivarsiitiiwwan biyyattii tokko, tokko mormii dhageessisaniiru.
BBCn barattoota yunivarsiitiiwwan Arsii, Amboo, Salaalee, Jimmaa fi Wallaggarraa yaada sagantaa biyyaalessaa kanarratti qabaniifi sababiin mormii dhageessisaniif maal akka ta'e gaafateera.
Barataa Seeraa waggaa afraffaa Yunivarsiitii Arsii maqaan isaa akka hin dha'amne gaafate ministeerri barnootaa tajaajila tola-ooltummaa kennitu jechuun waggaa tokko nutti dabale jechuun karoorasaafi kan maatiisaa keessa kan hin jirre ta'uu dubbata.
Barataan waggaa tokkoo booda akka eebbifamu karoorfachaan ture jedhu kun, waggaan tokko inniifi maatiin isaa hin eegne itti dabalamuu komata.
"Waggaan dabalamuun alattis, erga tajaajila kenninee boodas yuniversiitiitti deebinee erga waggaa tokko turreeti digirii keenya akka fudhannu godhame."
Akka barataan kun jedhutti, barataan waggaa afuritti eebbifamuuf ture waggaa shan, kan waggaa shanitti eebbifamuuf ture ammoo waggaa ja'a itti ta'a jechuun yaaddoo qabu dubbata.
Hojii tola-ooltummaatti bobba'uufi hawaasa ofii tajaajiluurraa mormii hin qabu kan jedhu barataan Yunivarsiiti Arsii kun, osoo eebbifamnee baanee tajaajillee barattootaafis ta'e maatii isaaniif gaarii ta'a jedhee amana.
Barataa Seeraa waggaa lamaffaa Yunivarsiitii Salaaleerraa BBCn dubbises gaaffiin barattootaa waggaan isaanitti dabalamuudha malee jibba hawaasa tajaajiluu miti jedha.
"Barataan hawaasa isaatiif tajaajila kennuu jibbu hin jiru garuu waggaan dabalame yunivarsiitii keessatti umurii nurratti dheeressuuti rakkkoodhaa."
Muummeen barnootaa silaa waggaa afuritti xumuruun isaanirra ture, waggaa sadaffaa xumuranii booda osoo waggaa afraffaa hin jalqabiin waggaa tokkoof bahanii hawaasa tajaajilanii deebiyanii waggaa tokko baratanii xumuru jechuun ibsa.
Addatti ammoo barattoonni warra kaan biraa hafan sagantaa gargaarsa addaan walqixxeessuu (remedial) waggaa lama akka itti dabalamuu danda'u dubbata barataan Yunivarsiitii Salaalee kun.
"Kana jechuun, barataa 'remedial' dabalatee waggaa shanitti kan xumuru waggaa torba itti fudhata," jechuun yaaddoo qabu dubbata.
Yunivarsiitiiwwan gara garaatti barattoonni mormii hojiirra oolmaa sagataa tajaajila yunivarsiitii kanarraa qaban osoo miidhaan irra hin gahiin dhageessifachaa turuu barattoonni yunivarsiitiiwwan Arsii, Salaalee, Wallaggaafi Amboo BBCf ibsaniiru.
Yunivarsiitiiwwan mormiin bahame keessatti qaamni nageenyaa federaalaafi bulchiinsi yunivarsiitiiwwwanii gaaffii isaanii sirnaan akka dhaggeeffatan kan himan barattoonni, sababa mormii gaggeeffame kanaan miidhaan barataarra gahe akka hin jirre ibsu.
Yunivarsiitii Jimmaatti garuu gaaffii walfakkaatu qabaatanis walitti qabamuu dhorkamanii osoo addabaabaayiitti bahanii mormii qaban hin dhageessifatiin hafuu dubbata barataan waggaa lamaffaa BBCn dubbise tokko.
Barattoonni kunneen gaaffiin isaanii akka gurra argatee deebiyuuf akka abdatan kaasuun, ta'uu baannaan barumsa isaanii barachaadhuma karaa nagaatiin gaaffii isaanii dhiyeeffachuu akka itti fufan dubbatu.
Barattoonni bu'aa karoorichaa ni amanu garuu maaliif mormame?
Ministeerri Barnootaa kaayyoon eebbifamuu dura waggaa tokkoof bahanii hawaasa tajaajilan gochuun barattoonni akka gahoomaniifi barnoota dareetti baratan hojiitti jijjiiruun akka bilchaatan gochuuf ta'uu dubbata.
Kaayyoon isaa hawaasa tajaajiluufi caalaa barataa gahoomsuu taanaan maaliif mormitu jedhamanii kan gaafataman barattoonni yunivarsiitii kanneenii, waggaa itti dheeressuu isaa akka hin jaallanne dubbatu.
"Dhugaadha muuxannoo barattootaaf ni kenna jedheen yaada akka nama tokkootti, ijoolleen mormaa kan jraniif waggaa nutti dabalee umuriin as keessatti nurratti dheerachuudha," jedha barataan Yunivarsiitii Salaalee.
Yunivarsiitiitti kanaan dura muummeen barnoota waggaa haaraa (freshman) dabalatee waggaa afuritti xumuru amma waggaa shan akka ta'u yaadame jedha barataan waggaa lamaffaa Yunivarsiiti Jimmaarraa dubbisne.
Barattoonni faayidaa karoorri kun qabu hin mormine kan jedhu barataan Yunivarsiitii Jimmaa kun, "osoo eebbifamnee baanee hojjenna ta'eetii rakkoo hin qabu yaada jedhu qabu barattoonni," jedha.
"Qormaanni bahumsaa (exit exam) jira, kana biratti ammoo waraqaan qorannoofi qophiin eebbaa jira waan ta'eef, yeroon nu hin gahu. Kanaaf, osoollee eebbifamnee ummata keenya tajaajilla ta'ee gaariidha.
Yaadni barattootaa yoo murteen sun dirqama ta'a ta'e, [barnoota] xumuurree deebinee waggaa tokko sana tola-ooltummaa hojjennee achumaan hojii idilee barbaaddannaadha malee ogummaa keenyaan ummata keenya hin tajaajilluu miti."
Yunivarsiitii Ambootti barataan narsingii waggaa sadaffaa 'eebbifamuuf waggaa tokkoti na hafa' jedhee osoon eegaa jiruu amma waggaa lama natti ta'e jedha.
Duraan Narsingiin waggaa afurtti xumuramu amma waggaa tajaajila ummataaf jedhamee bahamu dabalatee waggaa shan ta'e akka barataan kun jedhutti.
Karoorri kun barattootarrattis, maatiirrattis dhiibbaa fida kan jedhu barataan Yunivarsiitii Amboo kun, "maatiin amma bara dhufutti ni eebbisiifna jedhanii eegu malee isaan booda waggaa tokko qaraasifna jedhanii hin yaadne," jechuu dhiibbaa maatiirras gahu dubbata.
Waggaa dabalamuun alatti gaaffiin yeroo tajaajilaaf bobba'an of danda'anii of jiraachisuus rakkoodha kan jedhu barataan kun, "yeroo itti dabalanii [waggaa tokko gochuu caalaa] akkuma duraan shaakalaaf ji'a sadii hanga ja'aa bahaa turre sanaan maaliif hin hojjetamu?" jechuun gaafata.
Kanaan dura barattoonni waggaa xumuraa isaaniitti ji'oota muraasaaf barnoota shaakala hojiirrattiif bobba'uun kan baratamedha. Kun ammoo osoo barachaa jiranii kan ta'edha malee waggaa itti dabalamee hin turre. Barataan Yunvarsiitii Amboo kunis hojmaanni duraan ture sun akkuma itti fufu barbaada.
Barataan waggaa tokkoffaa Yunivarsiitii Wallaggaa barnoota fayyaa barachuuf yaadaa jirus tajaajila waggaa tokko akka dabalamu taasise kanaan yaddoo qabaachuu hima.
Hawaasa tajaajiluufi muuxannoo hojii argachuun gaarii ta'ee, garuu gaaffiin isaanii barnootarraa fagaatamee qormaata bahumsaa (exit exam)f akkamiin of qopheessa kan jedhus jira.
'Tajaajilli yunivarsiitii kun haaraa miti'
Barattoonni osoo barnootarra jiranii tajaajilaaf bobba'uun haaraa miti. Biyyoonni gara garaa barattoonni yunivarsiitiirraa eebbifamuu dura dirree hojiitti bobba'anii waan daree keessatti tiyooriin baratan akka gochaan baratan bobbaasu.
Barnoonni kitaabarraa qofa dareetti baratan adeemsa baruufi barsiisuu keessatti gahaa akka hin taane qorannoon dhimma kanarratti gaggeeffaman ni mul'isu.
Barattoonni hawaasa keessa seenanii waan tiyooriitiin baratan qabatamaan hojiitti hiikaa yoo deeman caalaa baratu. Hawaasa isaan barsiise tajaajiluun ammoo faayidaa dabalataa biraati.
Biyyoota addunyaa hedduu keessatti barnoonni daree qofa keessatti kennamu hafeera. Sirna barattoonni ijaan ilaalaa, harkaan qaqqabaafi of hubachaa itti barataniifi bifa gabaasaatiin hojii isaanii dhiyeessuun itti gamagamamaniti jira.
Faallaa kanaan ammoo barnoonni Itoophiyaatti kan daree keessaarratti kan hundaa'edha jechuun sagantaan ministeera barnootaa kun barbaachisaa ta'uun kanneen kaasan jiru.
Tajaajilli yunivarsiitii kun Itoophiyaa keessa kanaan dura bara mootii Hayilesillaasee akka ture seenaan ni mul'isa.












