Dubartii arraba nama ishee gudeeduuf jedhuu ciniintee kutteef dhiifamni godhame

Chooyi Maal-Jaa: Abbootiin alangaa Kooriyaa Kibbaa dubartii waggaa 60 dura arraba namicha tokkoo ciniinuun himatan dhiifama gaafatan.

Madda suuraa, EPA

Abbootiin alangaa Kooriyaa Kibbaa dubartii waggaa 60 dura arraba namicha tokkoo ciniinuun himatan dhiifama gaafatan.

Taateen kun waggaa 60 dura Kooriyaa Kibbaa Pusaan naannoo jedhamutti raawwate.

Dubartiin Choyi Mal-Jaa jedhamtu arraba nama humnaan ishee gudeeduuf jedhuu ciniintee miidhaa irraan gahuun himatamtee hidhaa ji'a kudhanii fi dhorkaa sochii waggaa lamaa irratti darbee ture.

Bara 1964 dargaggeessi waggaa 18 yeroo humnaan ishee gudeeduuf jedhu ofirraa ittisuuf jecha arraba isaa cininuun miidhaa irraan geesse.

Kooriyaa Kibbaatti miidhaa dubartoota irra gahu ittisuuf jecha duulli '#MeToo movement' ykn Sochii anis akkasuma akka jedhuu gaggeeffamaa ture.

Choyi duula kanatti makamuun waggoota dheeraaf murteen ishee irratti akka yakkamtuutti dur darbe sun akka irraa haqamuuf falmachaa turte.

Amma umuriin ishee waggaa 78 yoo tahu murtee ishee irratti darbe adabamtee xumurteetti. Garuu galmee irratti akka yakkamtuutti waggaa 60 dura galmaa'uun ishee sirrii waan hin taaneef akka galmee irraa haqamuuf falmaa turte.

Galmeen ishee kun irra deebiin banamuun Roobii darbe magaalaa Buusan keessatti ilaalame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbootiin alangaa dhiifama gaafachuun manni murtiis isa yakkamtuu jedhee dur murteesse akka irraa kaasuuf gaafataniiru.

"Waggoota 61'f mootummaan akka yakkamtuutti akkan jiraadhu na godhe,'' jechuun dhaddacha mana murtii dursuun miiidyaaleef ibsa kennite.

Dhaloonni dhufu jireenya gammachuu qabu miidhaa saalaa irraa bilisa tahe jiraata jedheen abdadha jette.

Dhaddachi yeroo jalqabutti abbaan alangaa olaanaa Buusaan, Jiyoongi Miyoong-woon, ''onneerraa dhiifama gaafanna'' jedhan.

Nuyi Chooyi Maal-Ja miidhaa saalaaf akka saaxilamtu goone. Akka nama tokkootti mirga ishee kabachiisuu osoo qabnuu miidhaa fi gadda guddaaf ishee saaxille'' jedhan.

Haa tahu malee, murtee dhumaaf Fulbaana 10 dhufutti beellamni qabameera. Ogeessonni seeraa dhaddachi taajjabanis manni murtii murtoo waggaa 60 dura dubartii kana irratti darbe ni haqa jedhanii eegu.

Dhaddachaan booda Chooyi akkuma gadi baateen harka ishee aboottachuun qilleensatti ol qabdee ''Ni mo'anne'' jette.

Falmitoota mirga namoomaa fi dhaabbilee siivilii ishee cina dhaabbachuun mana murtii ala turan waliin gammachuu ishee ibsatteetti.

Bara 1964 umuriin ishee waggaa 18 kan turte Chooyi Maal-ja dubartiin jedhamtu kun dargaggeessa ganna 21'n miidhaan saalaa irra aghe.

Dargaggeessi kun humnaan ishee gudeeduuf yeroo qabatee lafatti kuffiisu ofitti qabdee arraba isaa ciniinte jedha ragaan mana murtii irraa argame.

Sana booda arraba isaa irraa gar-tokko hanga seentimeetira 1.5 kan tahu ciintee irraa kutuun baqattee jalaa baate.

Kanaaf himata banameen dargaggeessichi eeyyama ishee malee bakkichatti argamuu fi dubbii kana kaasuu isaaf hidhaa ji'a jahaan adabame.

Yaalii gudeeddiidhaan garuu osoo hin himatamiin hafe. Manni murtii yeroo sana tarkaanfii isheen ofirraa ittisuuf fudhatte ''humnaan oli'' jedhe.

Ergasii dhimmi dubartii kanaa kitaabota seeraa Kooriyaa Kibbaa keessatti akka fakkeenya kufaatii mana murtii biyyattii keessatti mudateetti eerama.

Bara 2010 yeroo sochiin mirga dubartootaa kabachiisuuf jalqabe '#MeToo movement' Chooyi garee abbootii seeraa mariisisuun murteen dur irratti darbe sun irra deebiin ilaalamee akka haqamuuf gaafatte.

Miidhaan kun irra gahee waggaa 56 booda bara 2020 iyyata galfatte. Jalqaba mana murtii gara gadii jiruun fudhatama hin arganne. Waggaa sadii booda garuu Manni Murtii Olaanaa biyyattii dhimmishee irra deebiin akka ilaalamuufi murteesse.

Falmii isheen haqa argachuuf goote Kooriyaa Kibbaa guutuutti beekameera.

Ammayyuu hin amanne'' jette erga murteen amma darbe bilisa ishee baasee.

''Abbaan alangaa dogogora isaa ammas tahu erga amanee ani ammayyuu biyya kana keessa haqni jira jedheen amana'' jette.