Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa Galaana Diimaarratti rukutame

Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa Galaana Diimaa gubbaarratti rukutamuu isaa waraanni Ameerikaa beeksise.

Balalistonni xiyyaara humna galaanaa Ameerikaa F/A-18 Hornet jedhamuu lama nagaadhaan xiyyaaricha keessaa bahaniiru.

Jara lamaan keessaa tokkorra miidhaan salphaan ga'eera jedha Ajajni Giddugaleessaa Waraana Ameerikaa.

Taatee kun kan mudate erga Ameerikaan haleellaa xiyyaaraa bakka kuufama misaa'elaa fi iddoo ajajaa Huutii Iraan deeggaramaniin magaalaa guddoo Yaman Sana'aatti raawwattee booda.

Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa diroonii Huutii hedduu fi misaa'ela farra doonii kiruuz Galaana Diimaarratti rukuteera jedhe.

Ibsa Ajajni Giddugaleessaa Waraana Ameerikaa baaseen, ''dhukaasa garee michuurraa '' Galaana Diimaarratti dhukaafameen xiyyaarichi rukutamuu mirkaneesse.

"Garee waraanaa doonii waraanaa USS Harry S Tiruman kan ta'etu xiyyaara F/A-18tti doonii waraanaa USS Harry S Tirumanirraa balali'aa turetti dhukaase dogoggoraan rukute," jedha ibsichi.

Xiyyaarri waraanaa kufe kun haleellaa Ameerikaan Yaman keessatti raawwachaa jirtutti hirmaachuu fi dhiisuun isaa hin baramne.

Ajajni Waraana Giddugaleessaa Ameerikaa kanaan dura akka beeksisetti, haleellaan bakka Sana'aatti raawwatame kun ''haleellaa Huutiin dooniiwwan waraanaa humna galaanaa Ameerikaa fi dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaa Kibbaa, Baab al-Mandeb fi Galoo Galaana Aden qaxxamuranirratti raawwatu jeequu fi laaffisurratti xiyyeeffachuu,'' ibse.

Waraanni Ameerikaa ''diroonii fi misaa'ela farra doonii kiruuzii Huutii Galaana Diimaarratti xiyyaarota humna qilleensaa Ameerikaa akka F/A-18 fi humna galaanaatti gargaaramuudhaan rukuteera" jedhe.

Gareen finciltootaa Huutii kaaba dhiha Yaman to'atu Onkololeessa bara 2023 yeroo waraanni Gaazaa jalqabee kaasee Filisxeemota deeggarra jechuun dooniiwwan haleeluu jalqabe.

Sadaasa bara 2023 asitti haleellaa misaa'elaa Huutiin dooniiwwan lama Galaana Diimaa keessatti dhidhimuun, kaan ammoo miidheera.

Filciltoonni kun sobanii dooniiwwan Israa'el, US ykn UK waliin hidhata qaban qofa haleeluurratti xiyyeeffanna jedhu.

Muddee darbe US, UK fi biyyoonni biroo 12 daandii doonii Galaana Diimaa haleellaa kana irraa eeguuf tarkaanfii waraanaa fudhachuu jalqaban.

Sambata darbe Waraanni Israa'el misaa'ila Yamanirraa itti dhukaafame kuffisuuf yaalee akka hin milkoofnee ibsuun, misaa'elli kun paarkii Teel Aviiv rukutuu ibse.

Tajaajilli wal'aansa atattamaa Israa'el Magen David Adoom, gamoowwan dhiyoo jiranirraa foddaa caccabeen namoota mada'aan 16 yaaluu ibse.

Namoonni 14 biroo ammoo gara naannoo paarkiichaa osoo deemaa jiranii miidhaan salphaan irra gahes yaalamuu beeksise.

Dubbi-himaan Huutii garuu misaa'ela baalistikii haaypersoonikii fayyadamuun maadhee waraanaa rukutuu ibse.

Jalqaba torban kanaatti Israa'el maadhee waraana Huutii, buufata doonii, akkasumas bu'uuraalee anniisaa magaalaa guddoo Yaman Sana'aa argamu haleelte.

Miidiyaan hidhattoota Huutiitti hidhata qabu akka gabaasetti, haleellaa sanaan namoonni sagal ajjeefamaniiru.