Hordoftoonni miidiyaa hawaasaa Kiristaanoo Roonaaldoo 1bn guute

Madda suuraa, Getty Images
Kiristaanoo Ronaaldoo akkaawuntiiwwan miidiyaa hawaasaa adda addaa isaa irratti hordoftoota waliigalaa biiliyoona tokko argachuun riikardii olaanaa qabate. Kanaanis nama jalqabaa hordoftoota lakkoofsa olaanaa argate ta'eera.
Baayyinni lakkoofsa kanaatis kan shallagamu lakkoofsa hordoftootasaa kan Instagram, Facebook, Twitter, YouTube fi marsariitiiwwan miidiyaa hawaasaa Chaayinaa kan Weibo fi Kuaishou walitti dabalamuuni.
Namoonni hedduun waltajjiiwwan hedduu irratti waan isa hordofaniif, gariin isaanii ammoo akkaawuntii sobaa kan bot jedhamuun beekamu waan ta'aniif, hordoftoota dhuunfaa biliyoona tokkoo bira hin qaqaban.
Kanas ta'e sana ogeessi miidiyaa hawaasaa Paolo Pescatore, PP Foresight irraa, "lakkoofsa ajaa'ibaa" miidiyaaleen fi maqaaleen xiyyeeffannoo guddaa itti kennan jechuun ibseera.
"Bu'aa guddaa akkamii, jijjiirama bu'uuraa miidiyaa irratti mul'achaa jirus daran jala sarara."
Kanas ta'e sana, ogeessi miidiyaa hawaasaa Paa'olo Peskaatore, PP Foresight irraa, kun "lakkoofsa ajaa'ibaa" miidiyaaleenii fi biraandiiwwan xiyyeeffannoo olaanaa itti kennaniidha jechuun ibseera.
"Milkaa'ina guddaa akkamiitii fi kan jijjiirama bu'uuraa miidiyaa irratti mul'achaa jirus caalaa jala sarareedha."
''Galata teeknooloojiin humna dhaggeeffattoota haaraa, dargaggoota ta'an bira ga'uuf qabu'' kan agarsiiseedha jechuun BBC'tti himeera.
Dirree irratti Roonaaldoo urjii lammii Arjentiinaa Liyooneel Meesii waliin dorgomuun beekamaa ture.
Garuu dirreen alatti, dorgommii miidiyaa hawaasaa kanaatiin eenyutu injifata laata jedhamee dorgommiin hin jiru, dorgomaan saa Meesiin hordoftoota miiliyoona 623 qofa qaba.
Warra ispoortii qofa miti: Roonaaldoos weellisoota Jastiin Biiber, Teeylar Swiiftii fi Seeleenaa Goomeez dabalatee namoota waltajii bashannanaa keessatti bebbekkamoo ta'an gurguddoo tokko tokkoos dursaa jira.
Warri adda durummaan hojiisaanii toora interneetii irratti hojjetaniin beekaman illee ittiin dorgomuu hin danda'an. MrBeast, YouTuber addunyaa irratti, hordoftoota waliigalaa 543m qabaachuun, sadarkaa olaanaa qabu.
Riikardii biiliyoona tokkoo cabsuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababni taphataan kubbaa miilaa kun jalqaba sarara biiliyoona tokko qaxxaamureef keessaa, ji'a darbe YouTube, bakka torban tokko keessatti chaanaaliin isaa maamiltoota miiliyoona 50tti ol itti guddatetti makamuuf murteessuu isaati.
Kanas Meesii waliin wal bira qabne yoo ilaalluu, bara 2011 irraa eegalee viidiyoo maxxansu osoo jiruu chaanaaliin isaa hordoftoota miiliyoona 3.5 qofa qaba.
Sababni garaagarummaa kanaatiis seera YouTuben ittiin buluun kan walqabatuudha: YouTube'f qabiyyeen mootii (murteessaa)dha.
Meesiin waggoota sadan darban keessatti viidiyoo tokko qofa maxxanse. Kunis beeksisa gabaabaa muuxannoo kubbaa miilaa waa'ee isaa irratti hundaa'ee fi walakkaa daqiiqaa fudhatudha.
Viidiyoonni isaa kan gara biroos haaluma walfakkaatuun gabaabaadha. Kanneen dheeraa ta'an ammoo yeroo baayyee kan yeroo inni afaan dhaloota isaa Ispaanishiin dubbatu agarsiisudha.
Hanga ammaatti chaanaaliin Roonaaldoo irra caalaan qabiyyeewwan haasawa isaa fi haadha warraa isaa Joorjiinaa Roodriigeez, akkasumas hiriyyaa isaa duraanii Maanchistar Yunaayitid Riyoo Ferdinaand gidduutti taasifamu of keessaa qaba.
Haata'u malee, qabiyyeen kun hundi daawwattoota afaan Ingiliffaa dubbataniif kan qophaa'edha. Yeroo Roonaaldoo afaan Ispaanish ykn Poortugaal haasa'ullee yeroo baayyee viidiyoon isaa gara Ingiliffaatti kan jijjiramudha.
Sunis maxxansa guyyaa guyyaatti dabalamudhaan guddinaa fi qabxii sarara YouTube olaanaa fi halluu adda addaa qabu irra qaqabe. Gareen Roonaaldoo (ykn gareen miidiyaa hawaasaa isaa) akkaataa viidiyoo tokko waltajjii irratti attamiin jaallatama taasisu akka qaban sirriitti beeku.
Innis oduu hordoftoota biiliyoona tokko qabaachu kana miidiyaa hawaasaa isaa adda addaa irratti qoodeen beeksiise.












