Obbo Taayyee Danda'aa mana hidhaatii gadhiifamanii mana ga'uu haati warraasaanii himan

Qondaala Ministeera Nageenyaa Itoophiyaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aa har'a waaree booda mana hidhaatii gadhiifamuun manatti galuu haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo BBCtti himan.

Obbo Taayyeen waggaa tokkoof erga mana hidhaa turanii booda Roobii (Muddee 04, 2024) wabiidhaan erga gadhiifamanii booda qabamanii mana hidhaatti deebifaman.

Bakka itti hidhamanii turan mana hidhaa Qilinxoodhaa yeroo bahuuf jedhan balbala irratti poolisoota federaalaan fudhatamuu fi har'a ganama Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaa Meeksikoo jirutti deemanii arguu Aadde Sintaayyoon himan.

''Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaa jedhamutti ganama deemee ilaaleen ture. Ciree kennineefii deebine malee wanna biraa wanna dhageenye hin qabnu. Erga mana geenyee ammoo bilbila biirootiin bilbiluun ba'een jiraa koottaa na fuudhaa jedhe. Sa'aatii ja'a irraa mana ga'e. Amma mana jira,'' jedhan.

Torban kana gaafa Wiixataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi ijibbaataa Obbo Taayyeen wabiidhaan akka gadhiifaman murteessee ture.

Garuu sababa ''dogongora baraa'' xalayaarra tureen Roobitti dabarfame.Guyyaa Roobis balabaluma mana hidharraa hidhatttoota mootummaatin butaman.

Waggaa tokko dura erga aangoorraa kaafaman booda kan hidhaman miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa himannaan garagaraa sadii irratti banamee ture.

Kunneenis, hookkara kakaasuufii farreen nageenyaa deeggaruun akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuu kan jedhanidha

Dhimmi isaaniis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa erga tureen booda himata meeshaa waraana seeran ala qabachuu irraa kan hafe kaan irraa bilisa jedhame.