Sababoota ijoo rakkoo nageenyaa Oromiyaa furuu danqan

Mootummaan rakkoo nageenyaa furuuf hidhattoota waliin dubbachuu xiyyeeffannaasaa taasifatee akka hojjetaa jiru irra deddeebiin ibsa.

Keessattuu hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo ABO-WBO waliin hanga qaama sadaffaa hirmaachisuun mari'achuutti ga'eera.

Hidhattoonni kunneenis rakkoo karaa nagaan furuuf fedhii qabaachuusaanii mariiwwan gaggeeffamanirratti hirmaachuun mul'isaniiru.

Marii Taanzaaniyaatti marsaa lamaaf gaggeeffame akka fakkeenyaatti eeruun ni danda'ama.

Mootummaan Itoophiyaa kanaan duras hidhattoota qabsoo bilisummaa Oromoo jechuun socho'an- Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waliin dubbataa tureera.

Garuu walbalaaleffachuun madda rakkoo biyyattii ta'e mootummaa fi hidhattoota gidduudhaa dhabamee hin beeku.

Bara 2018 mootummaan olaantummaa TPLFn durfamu gara mootummaa jijjiiramaatti wayita geeddaramu Addi Bilisummaa Oromoo karaa nagaan qabsaa'uuf waliigalee Ertiraa irraa biyyatti deebi'e.

Dhaabi kun waraana of jalaa qabu mootummaatti kennuu ibsus, kanneen adda ba'anii bosonatti hafan garuu fincila itti fufan.

Waggoota ja'an darbaniif walitti bu'iinsa mootummaa fi hidhattoota kunneen gidduutti raawwataa tureen rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa jeeqe.

Hidhattoonni naannoo Oromiyaa keessa socho'an kunneen maqaa ABO-WBO jedhu qabatanii itti fufan, mootummaan ammoo Shanee jechuun waama. Maqaama kanaanis shororkeessaa jedhee farraje.

Haata'u malee, hidhattoota kunneen waliinis nagaa buusuuf mariin gaggeeffame bu'aa qabatamaa ummanni eegu hin buusiin tureera.

Mootummaa fi hidhattoonni osoo nagaa buusuuf kutannoo qabaachuu ibsanii maaliif nageenyi bu'uu dide? Sababoonni ijoon kunooti.

Marii nagaa walamantaa hin qabne...

Ebla 2023 wayita mootummaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo Taanzaaniyaatti marii eegalan nageenyi waaraa ni bu'a jedhamee abdatamee ture.

Mootummaas ta'e hidhattoonni marii haala kanaan eegaluun nageenya buusuuf bu'uura guddaa kaa'a jechuun ibsaa turan.

Uummanni waggootaaf nageenya dheebote mariin WBO fi mootummaa gidduutti eegaluun boqonnaa akka kenneef ibsan.

Mariin Taanzaaniyaa akka eegalu yeroo jalqabaaf Ebla 25, 2023 kan ibsan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad.

Haala kanaan mootummaan Itoophiyaa hidhattoota waliin taa'ee mari'achuun mataansaa seena qabeessa ture.

Marii kanarratti hidhattoonnis mootummaanis adeemsa kennanii fudhachuutiin nageenya uummataaf jecha araara ni buusu jedhamee eegamee ture.

Mariin marsaa jalqabaa kun haaluma gaariin gaggeeffamaa ture, garuu dhumarratti waliigalteerra akka hin ga'amne qaamoleen lameenuu ibsan.

Haata'u malee, waldhibdee jiru waraanaan osoo hin taane mariidhaan furuun akka barbaachisuu fi kanaafis mariin marsaa biraa jiraachuu akka qaburratti waliigalaniiru.

Marii kanarratti qondaaltonni mootummaa olaanoon qondaaltota waraanaa WBO waliin yeroo torban tokko caaluuf walbira taa'anii mari'achuun milkaa'ina guddaa ture.

Garuu haaldureen qaamoleen lameen dhiyeessan adeemsa marichaa akkaan yaaddessaa taasiseera.

Qaamoleen lameenuu marii marsaa jalqabaan barbaachisummaa rakkoo karaa magaan furuufi marii biraan walarguurratti walta'uusaanii malee dhimmoonni irratti mari'atanii fi irratti waldhaban maal akka turan bal'inaan ibsuurraa of qusataniiru.

Haata'u malee, wayita mariin marsaa jalqabaa Zaanzibaaritti gaggeeffamaa tureetti kutaalee Oromiyaa keessatti waraanni itti fufe.

Qaamoleen lameenis mariirraa baanaan walkomachuutti gadi taa'an.

Caamsaa 17, 2023 ibsa kan baase WBO, ''wayita marii nagaa walitti bu'iinsa laaffisaa deemuuf waliigalamus, Caamsaa 3, 2023 irraa eegalee mootummaan haleellaa haaraa nurratti bane'' jechuun bakka humnoonni isaanii socho'anitti waraanni cimuu ibse.

Mootummaan gama isaan waraana erga marii Zaanzibaarii hammaachaa jira jedhamu kana ilaalchisee ifatti waan jedhe hin qabu. Waraanicha humnoota mootummaatu eegale jedhee himannaa WBO dhiyeesseefis deebiin ifatti kenne hin jiru.

Mariin marsaa jalqabaa erga gaggeeffamee ji'oota torba booda Sadaasa 2023 marsaa lammaffaaf qondaaltonni olaanoo mootummaa fi WBO Taanzaaniyaatti walga'an.

Marii kanarratti Ajajaa Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo Kumsaa Dirribaa (Jaal Marroo) dabalatee qondaaltonni WBO argamaniiru.

Kunimmoo marii kanarraa wanti guddaan akka eegamu taasise.

Haata'u malee, mariin kunis waliigaltee malee xumurame. Xumura marii kanaarratti qaamoleen lameenuu quba walitti qabuun ibsa walirratti baasan. Qondaaltonni WBO mootummaan qaama muraasa faayidaan gowwoomsee galchuuf jedhee komate.

Mootummaan ammoo haaldureen WBOn qabatee dhihaate kan qabatamaan hojiirra ooluu danda'u miti jedhe.

Wayita mariin marsaa lammaffaa gaggeeffamaa turettis mootummaan waraana cimsee ture jechuun WBOn himateera.

Addunyaarratti waraana gaaga'ama dhale hedduu araara buusuu keessatti muuxannoo kan qaban dippiloomaatiin duraanii UN Obbo Baayyisaa Waaqwoyyaa ''qaamoleen lamaanuu wal-shakkaa gara marii nagaatti kan seenan yoo ta'e, marii booda wal-amanuu dhabuu isaanii dhugaa ta'uu mirkaneessuuf waraanatti deebi'uu danda'u,'' jechuun BBCtti himanii turan.

Jalqabuma qaamoleen mariif taa'uu dura dhukaasa dhaabuurratti walta'uu dhabuun marichi ija shakkiin akka ilaalamu taasisa jedhan.

Nagaa buusuurratti ejjennoo walfakkaataan aanga'oota biraa dhibuu

Marii seena qabeessa mootummaan Itoophiyaa fuulaa fi fuulatti hidhattoota waliin taasise milkaa'uu dhabuusaatti kan quba walitti qabaa turan qaamolee lameen qofa miti.

Aanga'oonni mootummaas, hidhattoonnis walii waliisaaniillee komataa turan.

Aanga'aa ministeera nagaa fi miseensa Caffee Oromiyaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aa ''Mariin araaraa Daaresalaam akka gufatu kan godhe mootummumaa ani keessa jiru kana jedheen amana'' jedhanii ture.

Kana malees, mootummaan rakkoo jiru hubatee marii nagaa qofaan hiikuun murteessaa akka ta'e itti amanee wayita marii gaggeessaa jirutti qaamuma mootummaa keessaa ammoo gareen biraan Shanee- [maqaa mootummaan ittiin WBO waamu] ni balleessina jedhanii dubbataa turan.

Borumtaa mariin araaraa qaamolee lamaan gidduutti Taanzaaniyaatti eegalame gama Mootummaatiin ololli oofamuu akka jalqabe Obbo Taayyeen BBCtti himanii ture.

''Shanee balleesinee jirra, cabsaa jirra kan jedhu ololli ni eegale. Olola qofa osoo hin taane waraanni bakka hundaa socho’ee waan dur hin jirretu deebi’ee waraana waggaa shan keessatti hin dhumne yeroo marii sana keessatti fixuuf dhamaatiin godhame,'' jedhan.

Haalota kana yoon ilaalu mootummaan kiyya kuni dubbichi mariidhaan akka dhumu waan barbaade natti hin fakkaatu jedhan angaa’aan kuni.

Yaadi aanga'aan mootummaa kun BBC'f kennanii fi wayita mariin nagaa gaggeeffamutti loltoonni mootummaa waraana banuun, ejjennoon mootummaan hidhattoota waliin nagaa buusuurratti qabu hooggantoota hunda biratti walfakkaataa akka hin taane mul'isa.

Waraana garii galchanii kaan bosonatti hambisuu

Mootummaan hidhattoota karaa nagaan socho'uu barbaadan jedhu bakka isaan jiran irraa walitti qabee iddoo isaaniif qophaa'etti deebisuu yeroo garaagaraatti ibsa.

Keessattuu adeemsi hidhattoota deebisuu kun mootummaa naannoo Oromiyaa fi hidhattoota WBO gidduutti gaggeeffamuun waan haaraa miti.

Garuu kaayyoon gooroo adeemsi kun barbaachiseef nageenya buusuuf ta'us, rakkoon nageenyaa ammoo ittuu hammaataa deema.

Gidduu kanas hidhattoonni WBO naannoo Oromiyaa keessa socho'an deebi'aa akka jiran mootummaan naannoo Oromiyaa ibsaa jira.

Kunis erga waliigalteen Ajajaa duraanii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddigalaa Sanyii Nagaasaa fi aanga'oota naannichaa waliin mallattaa'eeti.

Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa ''miseensonni WBO kallattii hundaan galuu itti fufanii jiru,'' jechuun ibse.

ABO-WBO ammoo ''waliigalteen mootummaa waliin taasifne hin jiru,'' jedhe.

''Kun diraamaa mootummaan hojjetudha. Haala akkasiin nagaa uummanni gaafatu sana fiduun hin danda'amu. Warri amma galan kanneen kana dura sababa rakkoo naamusaan miseensummaa keessaa baafamanidha,'' jedhe Gorsaa Olaanaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Jireenyaa Guddataa.

Ajajaan duraanii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugalaa, Sanyii Nagaasaa, booji'amanii osoo hin taane ''gidiraa ummataaf'' dursa kennanii waliigaluu dubbatan.

Mootummaan ammoo waliigalteen mootummaafi ''qondaala WBO waamicha nageenyaa fudhatan gidduutti mallattaa'e qabatamaan hojiirra oolaa jira,'' jedhe.

Xiinxalaan siyaasaa Obbo Jawaar Mohammad ajajaan duraanii WBO Sanyii Nagaasaa rakkoo biraa uumuurra karaa nagaa filachuun gaarii ta'us, ''garuu ammoo taarkaanfiin kun akka waan walwaraansa Oromiyaa keessaa dhaabsisuu danda’uutti fudhachuun dogongora,'' jechuun Facebook isaarratti barreesse.

Mootummaan tarkaanfii akkanaa fudhachuun haaraa miti kan jedhu Jawaar, bara 2018 akkasuma loltootni 1300 ta’an Eritriyaa irraa galan mootummaatti dabarsamanii kennamanis ji’oota muraasa booda loltoota kana keessaa hedduun kaampii mootummaatii baduun humna WBO bosonatti hafetti dabalamuun cimsuu eegalan jedhe.

Bara 2019 keessas Abootii Gadaa waliin ta'uun Itti Aanaa Ajajaa Olaanaa WBO kan ture Diinaraas (Hundee Dheeressaa) dabalatee hidhattoota hedduu galchuu yaadachiise Jawaar.

Garuu tarkaanfiin kunis ''sochii WBO bosonatti hafee danquu mannaa, baroota itti aananitti lakkoofsi loltootaafi lafti keesssa socho’an dacha dachaan dabale,'' jedhe.

Bara 2021, ajajaa WBO Zoonii Kibbaa kan ture, Gollicha Dheengee, mootummaatti harka kennate.

Kunis akka mootummaan abdate sochii zoonii sanii laaffisuurra daranuu babal'ise jechuun yaadasaa ibse Jawaar Mohammad.

Jaarmiyaa riphee lolaa guutuu waliin mari’achuu mannaa, ajajaa tokko ykn murna xinnaa hawwachuu irratti fuulleffachuun, nagaya waaraa buusuuf danqaa hedduu akka uumu eere.

''Gara fuulduraa mootummaafi riphee lolaa bosonatti hafe jidduutti marii araaraa gochuuf walamantaan akka hin jiraanne taasisa. Mariin Taanzaniyaa fashaluu booda wanti ta’es kanuma. Jaarmiyaan riphee lolaa ciccituun, murnoonni haaraan uumamuun jeequmsi daran akka babal’atu taasisa.''

Haalli kun yaada araaraa fi nageenya fiduuf dhaadatan kana daran walxaxaa godha jedhe Jawaar.

''Mootummaafi jaarmiyaa riphee lolaa tokko araarsuunuu ulfaataadha. Gaafa murni heddu uumame ejjannoon, gaaffiifi fedhiinis akkasuma waan baay’atuuf, marii araraaraa daran walxaxaafi rakkisaa taasisa.''

Hiree hooggantootaa fi loltoota lola dhaabuuf waliigalan mudate

Loltoonni WBO hiree kanneen waamicha karaa nagaa fudhatanii galan mudaterraa jiila akka qaban ibsu.

Addi Bilisummaa Oromoo, kan Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) irraa dhalatee birkii biraa ta'e babal'ate kun, hooggansa isaa Hayyu Duree Obbo Daawud Ibsaa jalatti wayita Ertiraa irraa deebi'u qabsoo karaa nagaatti amanee mootummaa waliin waliigaleeti.

Innis yeroo muraasa booda dararaa fi hidhaa mootummaan irratti raawwatu himachuu eegalan.

Qondaaltonni isaa murteessoon siyaasa biyyattii keessatti dhiibbaa uumuu danda'an mana hidhaatti guuraman.

WBO bosonatti hafan isa kana kaasuun hidhannoo hiikkachuu akka hin qabne cichanii falmu.

Miseensotumti isaa bara 2019 hidhannoo hiikkatanii waamicha mootummaa fudhatanii galanis manneen hidhatti dararaa arguu himataa turan.

Namoota Gumii Abbootii Gadaa fi qaamolee mootummaa waliin ta'uun hidhattoota kunneen galchan keessaa adda durummaan kan eeramu Obbo Jawaar Mohammad, ''mootummaan waadaa hogganootaafi loltoota lola dhaabuuf waliigalaniif seene guutuu dhabuun,'' rakkoo ijoo nageenyi akka hin buune godhan keessaa ta'uu ibse.

''Warra qawwee lafa kaayanii galan mooraa mootummaa keessatti jechaan salphisuufi gochaan miidhuun, gaabbiifi dallansuu keessa galchanii bosonatti akka deebi’an taasisan,'' jedhe.

''Kaanneen mooraatti hafan ammoo, leecalloo jireenya nagayaatti deebisuuf barbaachisu ramaduu dhabuun harka duwwaa facaasan. Ajajoonni olaanoon miidhaa kana caalaaf saaxilaman. Diinaraas galee ji’oota muraasa booda Bishooftutti ajjeefame. Gollicha Dheengee maatii gaafachuu Boorana dhaqnaan reebanii salphisan,'' jechuun rakkoo hidhattoota karaa nagaa filatanii galan mudatu kan ijaan arge ibse.

Hidhattoonni waamicha mootummaan galanii iddoo leenjii waraanaa Xoollaay galfaman bara 2019 ji'a Eblaa keessa gidiraa hamaa keessa galuu BBCtti himanii turan.

Hedduunsaanii mooraa sana keessatti ''nyaata summaa'een'' fayyummaansaanii rakkoo keessa galee akka ture ibsanii turan.

Jawaar dabalatee namoonni jaarsummaan hidhattoota kunneen galchan haala mudateen yaadda'uun dhaqanii daawwachuun dirqama itti kenname ba'uuf wayita jedhanillee dhorkamuu ibsanii turan.

''Miidhaan warra lola dhaabee daandii nagayaatti deebi’e kanarra gahaa ture kun, kanneen bosonatti hafan qabsoo hidhannootti akka cichan taasisuu bira dabree, dargaggoonni kumatamaan akka itti dabalaman carraa laateef,'' jedhe Jawaar Mohammad.

Sochiin hidhannoo madda maallaqaa ta'e...

Itoophiyaa keessatti gareen hidhatanii socho'an yeroo keessa heddummaataniiru. Yeroo ammaa sadarkaa gareen kam kan eenyu akka ta'e adda baasuun dadhabamurra ga'eera.

Baayyina garee hidhattootaa waliin nama ugguranii maallaqa gaafachuunis heddummaateera.

Xiinxalaa siyaasaa Obbo Jawaar Mohammad dabalatee namoonni siyaasi Itoophiyaa isaan yaaddessu hedduun mootummaan rakkoo hidhattoota waliin qabu hundeerraa yoo hin furin rakkoon caalu akka as adeemu akeeku.

''Mootummaan kun walwaraansa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessa jiranitti xumura godhuu yoo barbaade, sababoota siyaasaa jalqabuma biyyattii lolatti seensisan hiddaan furuun dirqama akka ta’e amanee fudhachuu qaba. Kanaan ala karaa qaxxaamuraa Itoophiyaa nagaya waaraatti geessu hin jiru,'' jedhe Jawaar.

Haala yeroo ammaa sochii hidhattootaan walqabatee biyyattii keessatti deemaa jiru, keessattuu kan naannoo Oromiyaa, yoo fudhanne wayita waraanni banaan loltoota mootummaa fi hidhattoota gidduutti gaggeeffamu baayyinaan hin dhagahamu.

Garuu dararaan uummataa, butamamanii maallaqaa gaafatamuun, reebamuun, hidhamuun baayyinaan dhagahama.

Yakkoota akkanaaf mootummaan hidhattootatti quba qaba. Hidhattoonni ABO-WBO ofiin jedhan ammoo qaamolee mootummaan hidhachiisee bobbaasetu kana raawwatu jedha.

Eenyu akka ta'e beekamuu baatus, garuu qaamni kanarraa fayyadamu akka jiraatu mirkana. Kan eelaasaa baatu ammoo uummata nagaadha.

Dhugaan jiru haalli kun kan mudateef waan sochiin hidhannoo heddummaateefidha. Gareen lameen hanga haala kana hubatanii akka yakki kun itti hin fufneef waliigalteerra hin geenyetti rakkoon kun hammaataa deema.