Mootummaan Oromiyaafi Amaaraatti namoota butuu babal'ate dhaabsisuu qaba - Komishinii

Itoophiyaa bakka garagaraatti, keessumaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti nama butanii maallaqa gaafachuu hammaachaa dhufe, mootummaan akka dhaabsisuufi itti gaafatamummaa mirkaneessuu qabu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gaafate.

Komishinichi ibsa Kibxata Fulbaana 03, 2024 baaseen nageenyi boora’uufi walitti bu’insi hidhannoo rakkoon kun akka daran hammaatu taasisuu isaa ibsuun kanas karaa nagaa fi waaraa ta'een furuu dabalatee tarkaanfiiwwan bu’a-qabeessa fudhachuun barbaachisaadha jedhe.

Komishinichi ibsa Kibxata Fulbaana 03, 2024 baasen rakkoon kun akka daran hammaatu kan taasise nageenyi boora’uufi walitti bu’insadha jedheera.

Haala mirgoota namoomaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessa jiru hordofaa jiraachuu kan hime Komishiinichi, keessumaa nama butuu ilaalchisee iyyata isa qaqqabanirraa ka’uun, akkauma kanas, kaka’umsa matasaatiin namoota miidhaman, maatii namoota miidhamanii, ragaaleefi aanga’oota mootummaa dubbisuun dhimma kanarratti hordoffii gochaa turuu ibseera.

“Naannolee Amaaraafi Ormiyaa kessatti walitti bu’insa hidhannoo [uumatarra] bubbule kanaan walqabatee bakkeewwan tokko tokkotti sababa seera kabachiisuufi caasaan mootummaa laafee jiruuf gochi humnoota hidhataniin, gareewwan saamichaaf gurmaa’aniin, akkasumas qaamolee nageenyaa mootummaa tokko tokkon namoota nagaa butuu hammaatee akka itti fufeefi babal’achaa jiraachuu bu’aan hordoffiifi qorannoo Komishiinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ni mul’isa,” jedha gabaasni Komishinichaa kun.

Warri nama butan kunneen yeroo hedduu namoonni wayita imala irra (tiraanispoortiirra) jiran, yeroo tokko tokko ammoo mana jireenyaasaanii ykn bakka hojiisaaniitii butanii gara bakka hin beekamneetti geessuun gadhiisisuuf maallaqa guddaa gaafatu kan jedhu ibsi Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, namoonni maallaqa kaffaluu hin dandeenye baayyeen ajjeechaa dabalatee sarbamni mirgoota amoomaa baayyeen irratti raawwatameera jedhe.

Nama butanii fudhachuun kun yeroo baaayyee akka madda galiitti kan fudhatame ta’uu, irra deddeebiin bifa gurmaa’eefi bal’inaan kan raawwatamu, darbee darbee ammoo haaloo ba’uuf, akkasumas kaayyoo siyaasaaf ykn nama butame biraa gadhiisisuuf kan raawwatamu ta’uu qorannoo gaggesse jedhe kanaan hubachuusaa ibseera Komishinichi.

Komishinichi, gochi kun mirgootaafi bilisummaa bu’uuraa namoota nagaa, keessumaa lubbuun jiraachuu, nagaan jiraachuu, qabeenya horachuufi bakka tokkoo gara biraatti socho’uu kan dhokedha. Kana malees, maatii namoota butamaniirraan ammoo miidhaa qoor-qalbiifi dinagdee hamaa kan geessisuu akkasumallee yeroo dheeraaf sodaafi dhiphina keessa akka jiraatan kan godhu ta’uus himeera.

“Dabalataanis, dubartoonni butaman gochaawwan dirqisiisanii gudeeduufi miidhaa saalaa birootiif saaxilamu. Nageenya hawaasaafi mirgoota haawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa, akkasumas kabajamuu ol aantummaa seeraa irattis miidhan inni qabaatu ol aanaadha.”

Akka ibsa Komishinii Mirgoota Namoomaa kanatti, muuxannoo biyyoota biroorraa akka hubachuun danda’amutti maallaqni bifa kanaan argamu meeshaa waraanaa bituuf ooluu waan danda’uuf walitti bu’insa jiru dheeressuu, akkasumas marii walitti bu’insichaaf fala waaraa barbaaduu keessatti gufuu ta’uu danda’a.

Komishinichi gabaasa isaa kana keessatti, dhimmoota namoota nagaa bakka garagaraatti butaman akka agarsiistuutti kan kaase yoo ta’u, nageenya namoota butamanii jiraniifi maatii isaaniif jecha maqaa isaanii ifa gochuurraa of qusateera.

Ji'a darbe Itoophiyaa keessatti maallaqa argachuuf jecha namoota nagaa fi barattoota butuun akka dhaabatu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Hervin Maasingaa waamicha taasisanii ture.

Waggoota muraasa darban eegalee keessumaa Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti namoota ugguranii qarshii gaafatuun hawaasatti yaaddoo uumeera.