Itoophiyaatti gochawwan dirqisiisanii nama miliqsuu, salphisuufi hiraarsuun dabalaa jiru-Komishinii

Itoophiyaatti gochawwan dirqisiisanii nama miliqsuufi shakkamtoota bifa nameenyaa isaanii salphisuun qabachuufi hiraarsuun dabaluu isaa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksise.

Komishinichi gabaasa bara hojii ALI 2014-2015 jiru dhiyeesseen biyyattii keessatti bakkawwan idileen ala ta’an namoota qabanii keessa tursiisaniifi seeraan ala akkuma argan nama hidhuun baayyee yaaddessaa ta’uu isaa eereera.

Sarbamoonni mirga namoomaa Itoophiyaa keessa bara kana raawwataman kan bara kaan irraa itti fufaniifi haara mul'atan jiruu jedhe gabaasni kun.

Qaamoleen nageenyaa mootummaa sarbama mirgaa gosa adda addaa raawwachuun hirmaannaa qabaachuus gabaasa isaa keessatti kaaseera.

Du’aatii lammilee tarkaanfiiwwan hidhattoonniifi humnoonni mootummaa fudhataniin

Walitti bu’insawwan, haleellaawwaniifi hokkarawwan naannolee Itoophiyaa hunda keessa turaniin walqabatee tarkaanfii humnoonni hidhataniifi humnoonni mootummaa fudhataniin lammileen nagaa ajjeefamaniiru, qaamaa hir’ataniirus.

Gabaasni kun kan galmeessa boora‘uu nageenyaa A L I Adoolessa1, 2014 hanga Caamsaa 2015tti akka ta’e ibsameera.

Lubbuun namoota nagaa kan darbeefi miidhaan kan qaqqabe ammoo naannoo Oromiyaatti godinaalee Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Shawaa Kaabaafi bakkawwan birootti akka ta’e ibsamera.

Karoora ji’oota muraasa dura mootummaan humnoota addaa irra deebiin caasessuuf qabateen walqabatees naannoo Amaaraa keessatti rakkoon nageenyaa uumame yaaddessaa ta’uu isaa gabaasni kun mul’iseera.

Komishinichi tarkaanfii humnaa humnoonni mootummaa fudhataniin lubbuu namaa darbee miidhaan qabaasa qaqqabbuu ibseera.

Akkuma argan qabanii nama hidhuufi nama miliqsuu

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa iyyannoowwaniifi eeruuwwan Finfinnee, naannolee Oromiyaafi Amaaraa irraa dhiyaatanirraa ka’uun hordoffiiwwan taasiseen dirqisiisaniii nama milqisuun raawwatamaa jiraachuu ragaa argateera.

Namoonni dirqamaan miliqfaman ammoo baayyeen isaanii mana jireenyaasaaniitii, bakka hojii isaaniitii ykn daandiirraa humna nageenyaafi tikaa mootummaa uffata siviliifi danbii uffataniin akka fudhataman himameera.

Namoonni murtii seeraa malee qabamanii erga hidhamanii boodas gara bakka hin beekamnee akka geeffamanis ibsameera.

Namoota dirqamaan miliqfaman keessaa hedduun mana-murtiitti kan hin dhiyaanne yoo ta'an, kan dhiyaatanis erga yeroo dheeraaf hidhaa turanii booda ta'uun ibsameera.

Keessumaa ammoo miseensota raayyaa ittisaatiin kanneen qabaman ammoo bakka tursiisa idileen ala kaamppiiwwan waraanaa keessatti akka hidhaman, mana-murtiitti kan hin dhiyaanneefi mirga namni isaan gaafachuullee ni dhorkamu jedhameera.

Dabalataan ammoo bara gabaasni kun qophaaye keessatti miseensota dhaaba mormituu, rogeeyyii miidiyaafi miseensota waldaalee siivilii irratti qiyyaafachuun hidhaa fi waliin dhahuun raawwatamuun hubatameera. Dabalataan ammoo rakkoooleen hawaasummaafi diinagdee amma mul’achaa jiranis akka rakkoo tokkootti ka’aniiru.

Bara dhuftu dabalatee wantoota xiyyeeffannoo addaa mootummaafi Komishinichaa barbaadu jedhes gabaasichi eereera.

Isaan keessaas, nageenyaafi tasgabbiin dhabamuun fi sarbamoota mirga namoomaa kanaan walqabatan iratti tattaaffii fi raawwiin madaalawaan akka godhamu, caasaalee mootummaa keessaatti humna dursanii eeggannoo cimsuufi to’annoo gochuu dabaluun akka barbaachisu hammatameera.

Jalqabbiiwwan gaariin murtaahoon jiraatanis , sadarkaa adda addaatti sarbamni mirga namoomaa raawwataman jiraachuun hubatameera.

Dabalataaniis Komishinichaafi Komishinii migoota namoomaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waliin ta’uun yaada furmaataa waliigaltee kanarratti kaahaniin haqni yeroo ce’umsaa fudhatama argachuun mootummaan federaalaa wixinee raawwii hojii kanaa qopheessaa kan jiru ta’uu isaati. Haqa yeroo ce’umsaarratti mariin hawaasaa gaggeesamuu eegaluun isaas hojii gaarii jajjaeeffamuudha.

Tajaajiloonni hawaasaa adda citanii turan deebi’uun isaanii, buqqaatonni hedduun qe’ee isaaniitti deebi’uun isanaiis wantoota fooyya’iins ajedhamuun eeraman keessaayi.