Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoonni nama nagaatti akkamiin makamuu qabu?
Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) wajjin waliigatee araaraa mallatteessuun booda hidhannoo qabatanii galuun gabaafameera.
Finfinnee dabalatee bakkeewwan Oromiyaa garagaraa keessatti hidhattoonni kunneen simannaan taasifamaafii jira.
Hidhataan kara nagaan qabsaa'uuf bosonaa gara magaalaa yeroo galu akkamiin simatamuu qaba, akkamiin uummatatti makamuu qaba dhimma jedhurratti xiinxalaa siyaasaafi nageenyaa Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa BBCtti dubbataniiru.
Qaamni tokko 'lolli na gahe' jedhee qaama lolaa ture wajjin nagaa buusuuf waliigaltee mallatteessuun dhimma eenyumtuu 'deeggaruu qabu' akka tahe himu.
''Dhimma nagaa buusuu kana eenyu haa jalqabu dhumnisaa baayyee nama gammachiisaa, '' jedhan.
Nagaa buusuudhaaf waggaa baayyee irratti hojjetamee milkaa'uu akka hin dandeenyees ibsu xiinxalaan kuni.
Araara buusuuf, ''adeemsi Zaanzibaariin jalqabee hamma Daaresalaam gahee, Jaal Marroon lubbusaa balaarra buusee hamma Daaresalaam kan deeme nagaadhaafi,'' jedhu.
Tattaaffin nagaa buusuu yeroo fashalus ammallee gareen tokkollee yoo tahe nagaa buusuuf waliigaluun waan gaarii akka tahetti ibsu.
Obbo Baayyisaan, ''namni tokkollee nagaa buusuuf mootummaa wajjin waliigaluun waan gaariidha,'' jedhan.
Mootummaan garee muraasa wajjin waliigaltee raawwachuun Oromiyaatti nagaa deebisuu danda'aa gaaffii jedhuufis Obbo Baayyisaan deebii kennaniiru.
''Nagaa deebisa jedhee hin amanu. Lakkoofsa hidhataa isa galemoo isa hafetu caala waan jedhu hin beeknu garuu hamma mootummaan hunda wajjin haasa'ee waliigalutti gareen tokko biyyatti galeef jedhee lollis hin dhaabbatu, nagaanis hin bu'u,'' jedhan.
Haatahu malee, nagaan ''hamma tahe ni bu'a'' jechuunis ibsu.
''Loltuu dhibba, dhibba shan, kumayyuu haa tahu kilaashiin hammi kuni afaansaa loggomamuu jechuun nama meeqatu du'arraa hafe jechuudha.''
Dabaluunis otooma Marroon har'a mootummaa wajjin waliigalee Oromiyaa keessa ''nagaan hin dhufu'' jedhan.
Muuxannoo biyyoota haala wal-fakkaataa keessa darbaniin ''gareen bosonatti baree galuu didu hinuma jiraata, kanaaf guutummaatti nagaan bu'a waan jedhutti hin amanu,'' jedhan.
Hidhattoonni akkamiin simatamuu qabu?
Akkaataan simannaa hidhattootaa irratti Itoophiyaa keessatti adeemsifamu ''dogoggora'' akka qabu himu Obbo Baayyisaan.
''Yemmuu hidhataan dhufee mootummaatti galu mootummaan akka mo'ee fideetti ilaala. Yoomiyyuu taanaan akka wal-qixxeetti hin ilaalaman.
Sammuu isaanii haaromsuuf jecha kaampiitti yeroo galan loltuuma isaan lolaa turetu isaan leenjisa. Adeemsi akkasii baayyee dogoggoradha,'' jedhan.
Bara 2018ttis garee hidhataa yeroo galchan akkataan itti dubbiin qabame ''ogummaadhaan hin turre'' jedhu.
Haala amma jiruunis akkatti hidhattoonni kunneen makamuu qaban qajeeltoo Biyyoota Gamtoomanii DDR jedhamuun akka tahuu qabuufi ittigaafatamummaa mootummaan qabus eeran.
Loltoota kana bosonaa fuudhanii namatti akka makaman gochuun sadarkaa sadarkaan waan raawwatamu akka tahe himu.
''Lola keessaa fuutee mootummaa harka hin galchitu. Namoota mootummaa dhiisii nama nagaayyuu arguu hin qaban.
Kaampii keessatti TV ilaalanii, kubbaa taphatanii qawwee malee jiraachuun akka danda'amu sammuun isaanii fudhachuu qaba.''
Sana booda barumsa, daldala yk qaama nageenyaatti makamuu barbaadu waan jedhu fedhiin isaanii gaafatamee bobbaafamuu qabu jedhu.
Hidhattoonni kunneen yeroo bosona turan ''nama ajjeesaa turan, saamaa turan namni isaan miidhan, kan ijoollee jalaa ajjeesan jira kanaaf hawaasatti makamuuf yeroon ce'umsaa isaan barbaachisa,'' jechuun ibsu.
Sabnis ''daba nurratti hojjetan dhiifaneerraafi'' jechuutu irra jira jedhu.
Hidhattoonni kunneen ummatatti erga makamanii boodas waan hojjetan qabaachuu akka qabaniifi kana raawwachuuf ''maallaqani guddaan'' akka barbaachisu himu.
Kanaafis mootummaan hidhattoota bosonaa gaafa galchuu qophii gochuu akka qabu himu.
Hidhattoonni kunneen yeroo bosona keessa turan ''bineensaa wajjin riphaa, dirooniin na rukute jedhanii sodaachaa waan jiraataniif trauma(eela) qabu,'' jedhan.
Adeemsi addunyaan itti fayyadamtu akkataan hidhattoonni ummatatti makaman jiraachuu himuun, haalli amma itti simatamaafi galaa jiran ''sirrii miti,'' jedhu.