Yukireen adda waraanaatti guyyaa guyyaan hanga loltuu 200 dhabaa jirti

Madda suuraa, Reuters
Gorsaa olaanaan pireezidantii Yukireen waraana Raashiyaa waliin godhamurratti biyyi isaanii guyyaa guyyaan loltuu hanga 200 dhabaa akka jirtu BBC'tti himan.
Maayikaayiloo Podoliyaak waraana Baha biyyattii bulchiinsa Donbaas keessatti gaggeeffamaa jiruuf warreen Lixaa meeshaalee waraanaa gurguddaa kennanii waraanicha madaalawaa gochuu qabuu jedhan.
Kiiv, Mooskoo waliin marii araaraa gaggeessitu itti hin fuftus jedhaniiru.
Loltootni Raashiyaa bulchiinsa Donbaas guutummaatti to'achuuf haleellaa cimsan keessa loltootni Yukireen akka jabaatti miidhamaniiru.
''Humnoonni Raashiyaa niikuleeraan alatti meeshaaleen gurguddaa adda waraanaatti hin dhukaafne hin jiru, rookkeettiifi haleellaa qilleensaa dabalatee'' jedhan Podoliyaak.
Irra deebi'uunis warri Lixaa meeshaalee gurguddaa kennuun akka isaan gargaaran waamicha dhiyeessaniiru.
Loltootni Yukireen akka malee dhumaa kan jiraaniif humni waraanaa ''guutummaatti wal madaaluu dhabuu isaatiini'' jedhan.
Haalli adda waraanaa jiru gaaffii deeggarsa meeshaa waraanaa irra deddeebiin akka dhiyeessan isaan dirqisiisuus dubbatan.
Raashiyaan qixxaachuuf sirna rookkeettii ammayyaa 150-300 akka isaan barbaachisus dubbatan. Kunimmoo hanga ammaatti kan kennameefiin olidha.
Raashiyaa waliin mariin karaa nagaa kan itti fufu biyyattiin naannolee erga Guraandhala 24 qabatte hunda erga gadhiistee baateetis jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka qondaalli kun jedhanitti loltootni Yukireen 100 hanga 200 ta'an guyyaa guyyaan adda waraanaatti dhumaa jiraachuun tilmaama amma dura ture haalaan caala.
Yaaduma kana kan jabeessan Ministirri Ittisaa Yukireen Oleksii Reznikoov guyyaatti loltootni 100 du'aa, 500 amma madaahaa akka jiran dubbataniiru.
Garaagarummaan miidhama adda waraanaa jiru ilaalchisee dhagahamaa jiru adda waraanaa irraa odeeffannoo sirrii argachuun hangam rakkisaa akka ta'eedha.
Ministirri ittisaa kun humnoonni Raashiyaas lakkoofsa guddaan dhumaa akka jiran dubbatan.
''Kireemliin akkaan miidhamteeti garuu ammoo humnoota adda waraanaa to'achuuf duula hedduu qabdi'' jedhan.
Bulchaan Luhaanisk Serjiyee Gaayidaayi warri Raashiyaa ''akka tisiisaatti dhumaa jiru'' jedhanii Yukireen hanqina meeshaa waraanaa gurguddaan akka malee miidhamaa jirti jechuun dubbatan.
Raashiyaan ammaan tana humna guddaan magaalaa Severodonetsk jedhamtu to'achuuf duula akan jirtu yeroo ta'u pireezidant Zeleniskiinis hireen Donbas achitti murtee argata jedhaniiru.















