Waraana Yukreen: Lammiilen Biriteen Yukireenif osoo lolanii qabaman duuti itti murtaa'e

Madda suuraa, Reuters
Lammiilen Biriteen lamaa fi lammiin Morookoo tokko osoo Yukreenif lolanii qabamanii turan Raashiyaan du'a itti murteessite.
Televishiiniin biyyaalessa Raashiyaa akka gabaasetti lammiilen Biriteen Ayidan Asliin fi Shaa'un Piinar loltoota bitamoo ta'uudhan himataman.
Murtii du'aa kana kan dabarse mana murtii Rippaabilika Ummata Donetisk- garee deeggartoota Raashiyaati.
UK fi Yukreen murtii ajjeechaa kana akka seera idil-addunyaatti mirga booji'amtoota waraanaa kan sarbuudha jechuun morman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maatin namoota ajjeechan itti murtaa'es, namoonni kun waraana bitaman osoo hin taane miseensota waraana Yukreen yeroo dheeraf tajaajilaniidha jechuun murtii du'aa kana mormaniiru.
Abukaaton isaanii ammoo, "namoonni kun murtii isaaanitti murtaa'ef oliyannoo barbaadu ture" jedhan jechuun wiirtun oduu Raashiyaa Taas jedhamu gabaasera.
Murtii ajjeechaa lammiilee ishee irratti murtaa'e kanaan UK'n kan gaddite yoo ta'u, akka gadi lakkifamaniif Yukreen wajjin cimsitee akka hojjattu oduu himaan mootummaa UK Daawuning Istiriit ibsanii jiru.
Itti dabaluunis fayidaa siyaasaf jecha booji'amtoota siyaasatti dhimma bahuun sirii akka hin tane fi seeronni waraanaa Walii galtee Geneevaa kabajamuu akka qabu dubbataniiru.
Ministeera dhimma alaa UK kan ta'an Liiz Tiruus, "murtee haqaaqamaa fi fudhatam hin qabneedha. Qalbiin koo maatii isaanii wajjin jira, isaan deeggaruudhaf waan dandeenyu hunda ni goona" jedhan.
Gaazexeessan BBC Kiiv irraa gabaasu akka jedhetti namoonni kun wayyaan gurraachi itti kaa'amee mana murtii naannoo Yukreen irraa adda bahaniitti golgaa sibilaa keessa dhaabbatanii murtiin du'aa yeroo isaan irratti darbu dhaggeeffataa turan.
Asliin ganna 28 yoo ta'u Piinar ammoo ganna 48 yoo ta'an, lamaan isaanituu ji'a Eblaa keessa waraana Raashiyaatin booji'aman. Maatin namoota kanaa ammoo waraana Yukreenitti makamanii lolaa turan jedhu.
Lammiilen UK duuti itti murtaa'e kun lamaanuu bara 2018 kaasee Yukreen keessa jiraataa turan.












