Raashiyaan kuufama midhaanii Yukireen gurgurachaa jirtii?

Kuusaa midhaanii Yukireen

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kuusaa midhaanii Yukireen

Qondaalli Raashiyaa naannoo Yukireen humnoonni Raashiyaa to'atan keessa jiran biyyi isaanii Yukireen keessaa midhaan dheedhii alatti ergaa akka jirtu himan.

Himannaa ammatti BBC'n ofin hin mirkaneessine kun kan dhagaahama jiru aanga'oonni Yukireen Raashiyaan midhaan dheedhii toonii 600,000 saamtee kaan alatti ergaa jirtii jechuun yeroo himatanitti.

Raashiyaan himannan midaan hatte jedhu dhugaa mitii jechuun fudhatama dhabsiifti.

Yukireen irraa waggaa waggaan miidhaan ooniin miiliyoona hedduun lakkaawwamu gara Afrikaa fi Gidduugala Bahaatti ergiti. Amma Raashiyaan mankuusaalee midhaanii biyyattii gurguddoo qabattee ulaa ittiin alatti ergamus qabattee jiraachuun yaaddoo idila addunyaa uumeera.

Yukireen amma dura midhaan ishee karaa galaana gurraacha(black Sea) gabaa alaaf kan dhiyeessitu yeroo ta'u ulaa kana Raashiyaan waan cufteef dhiyeessiin kun danqameera.

Raashiyaan ammoo gama isheen Yukireen dhuka'aawwan qarqara qaama galaanaa keessa awwaaltee baastee ulaan kun midhaan gurguruuf banaa ta'aa jetti.

Niiw Yoork Taayims akka gabaasetti Raashiyaan midhaan Yukireen jalaa hatte biyyoota Afrikaa hongeen miidhamanitti gurguruuf yaalaa jirtii jechuun Ameerikaan ni himattii jedheera.

Gabaasichi ragaalee Ministeera Haajaa Alaa waabefachuun US biyyoota 14 harki caalaan isaanii kan Afrikaa ta'aniin dooniiwwan fe'isaa Raashiyaa qarqara Yukiree irraa midhaan fe'anii socho'uu akeekkachiiftee ture jedheera.

Raashiyaan maal jetti?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchiinsa Zaporizhiyaa kan harka humnoota Raashhiyaa jirtu kan bulchan Yeviyeeny Baliskii midhaan baabura fe'isaan gara Krimiyaa kan Raashiyaan bara 2014 kuttee fudhattetti fe'amuufi achiis gara Gidduugala Bahaa akka imalu dubbataniiru.

Miidiyaa biyyaalessaa Raashiyaatti yoo dubbatan ''waliigalteen inni ijoon Tarkii waliin raawwatameera'' jedhan. Odeeffannoo dabalata agaruu hin laanne.

Dubbii himaan mootummaa Raashiyaa kan Kiriimiyaa Oleeg Kirichkoov midhaan konteenarootni 11 magaalaa Melitopol jedhamturraa fe'amee Kiriimiyaa qaqqabuu himaniiru.

Miidiyaa mootummaa Raashiyaa RIA jedhamutti ammoo bulchiinsa Keheersoon jedhamu keessaan midhaan fe'amee isaan bira gahuu himaniiru.

BBC dhimma kana ilaalchisee gaaffilee qabuuf qondaaltota Raashiyaa dubbisuuf yaalee ture. Ministirri Haajaa Alaa Raahiyaa Sarjee Laavroov Tarkii magaalaa Ankaaraatti gita isaanii Mevluut Cavusogluu waliin waayee hanqina midhaan dheedhii Roobii darbe mariyatanii bu'aa malee gargar bahan.

Laavroov Raashiyaan gurgurtaa midhaanii Yukireen gufachiisaa akka hin jirree fi buufata doonii Odeesaa fi kaanis dhuka'aawwan awwaalaman Yukireen akka baasuu qabdu dubbatan.

Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Yukireen gama isaaniin biyyi isaanii dhuka'aawwan qarqara galaanaatti awwaalte akka hin baafne himan. Sababni ammoo Ulaawwan midhaan ittiin bahu kana fayyadamtee Kibba Yukireen haleelti kan jedhuudha.

Raashiyaan sababa weerara kana banteen addunyaan hanqina midhaan nyaataaf saaxilamaa jira jedhamuuf deebii kenniteen qoqqobii biyyootni Lixaa irra kaahan akka sababaatti dhiyeessite.

Warri Lixaa Raashiyaan dhiyeessii midhaanii akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamte jechuun qeequ.

Tarkiin dhimma kanaaf ulaan nagaa qabu akka banamu jaarsa ta'uun tattaafachaa jirti.

Yukireen maal himatti?

Torbee darbe keessa Tarkiitti Ambaasaaddara Yukiren kan ta'an Vaasliiy Bodnaar, Raashiyaan midhaan hatte Kireemiyaa irraa alatti ergaa jirti, warra itti ergamu keessaa Tarkiin tokko jedhanii ture.

''Tarkiif waamicha keenya dhiyeessineerra. Tarkin akka nu gargaartu, yaada furmaataa gama Tarkiin dhufu irratti hundaa'uun midhaan hatanii gurguruu ilaalchisee himannaa yakkaa banuuf jenna'' jechuu isaanii ammoo Royitarsitu gabaase.

Hoogganaan waldaa midhaanii Yukireen Maayikoolaa Goraachoov, Yukireen irraa al-ergiin atattamaan itti hin fufu yoo ta'e sassaabbii omishaa ji'a kana eegalu irratti dhiibbaa guddaa qaba jedhaniiru.

Bara dhuftu al-ergiin midhaanii Yukireen toonii miiliyoona 20 qofa ta'a jedhaniiru. Bara darbe toonii miiliyoona 44.7 alatti ergite.

Maaliif dubbii ijoo idila addunyaa ta'e?

Waraanni Yukireen addunyaarratti gatiin midhaanii, zayita nyaataa, boba'aa fi xaa'oo akkaan akka dabalu sababa ta'eera. Kanaaf ammoo warri Lixaa Raashiyaa qoqqobuun sababa isa tokko.

Raashiyaa fi Yukireen waliin ta'uun qabadii addunyaan bitatu harka tokko sadaffaa dhiyeessu kana keessaa kan Yukireen kophaatti dhibeentaa 10.

Bara 2019 Yukireen boqqolloo gabaa addunyaaf dhiyaate keessaa dhibbeentaa 16 gumaachiteetti jedha UN. Zayita suufi ammoo dhibbeentaa 42.

Amma ulaan gurgurtaa cufamuun warra durayyuu hanqina nyaata qaban akkaan yaaddesseera.

Gaanfa Afrikaatti biyyi waggoota walitti aananiif rooba dhabdee hongeen miidhamte Somaaliyaa keessatti namootni hanga miiliyoona 20 ta'an beelaaf saaxilamuu Somaaliyaatti hojjetaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa Peetrook Wiiltan ni dubbatu.