US rookkeettiiwwan gurguddaa Yukireeniif akka ergitu Baayidan beeksisan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan sirna rookkeetti ammayyaa Yukireen weerara Raashiyaa irraa itiin of ittistu akka gumaachan beeksisan.
Yukireen Ameerikaa dabalatee deeggartoota isheef gaaffii meeshaa waraanaa gurguddaa dhiyeessuu ishee hordofeeti Baayidan gumaachi kun akka kennamu kan beeksisan.
Meeshaaleen amma US akka gumaachitu beeksiste kun fageenya dheeraa irraa bakka alaammatame qajeelchee rukutuu danda'a jedhameera.
meerikaan tarii Yukireen meeshaalee kanatti fayyadamtee dachii Raashiyaa haleeluuf sodaa jedhuun meeshaalee kana kennuurraa of qusachaa turte. Haata'u malee Baayidan Roobii har'aa yaada Niiw Yoork Taayims irratti barreessaniin Kiyeev humna mariif dirqisiisuu horachuun rakkinichi furmaata dippiloomasii akka argatu gargaara jedhan.
Arjooma kana keessatti rokkeettiin ammayyaa 'M142 High Mobility Artillery Rocket System' ni argamaa jedhan qondaalli Waayit Haawus tokko. Meeshaalen kun lakkoofsaan hangam akka ta'an garuu hin ibsine.
Meeshaan kun dhukaasawwan ziyyeeffannoo isaanii eeganii hanga KM70 haleellaa raawwachuu danda'u. Kunis meeshaa Yukiireen hanga ammaa qabdurraa kan wayyaa'uudha. Meeshaalee Raashiyaan qabd waliin bira yeroo qabamus isa aaamaa rukuchuun fooyya'aadha jedhama.
Ji'a darbe hoogganaan waraanaa Yukireen meeshaa gabaabsamee yeroo barreefamu 'HIMARS' jedhamu kana argachuun ''murteessaadha'' haleellaa misaayelii Raashiyaaf deebii kennuuf gargaara jedhaniiru.
Yukireen meeshaalee kana gara adda waraanaa dubbiin itti cime Donbas jedhamutti bobbaasti jettee eegdi US. Kunis meeshaalee waraanaa Raashiyaa fi loltoota magaalaale Yukireen haleelanitti haleeluufi jedhameera.
US arjooma meeshaalee kanaaf hayyama kan kennite pireezidantiin Yukireen Voloodimiir Zeleniskii meeshaaleen kun dachee Raashiyaa akka hin haleelle waan mirkaneessaniifi.
''Yukireen dachii Raashiyaa akka haleeltu sirna Rookkeettii kana kennuuf hin jirru'' jedha Baayidan barreefama isaanii keessatti.

Madda suuraa, Getty Images
Rookkeettiin kun qaama arjooma $700m US Yukireeniif Roobii har'aa akka gumaachitu beeksistu ta'uu aang'oonni Waayit Haawus ibsaniiru.
Hilikooptaroonni, meeshaaleen farra taankiifi qaamni jijjiirraa meeshaalee waraanaa gurguddoo qaama arjooma 11ffaa US erga waraanni eegalee Yukireeniif gumaachiteeti.
Barreefama isaanii Baayidan galmi isaanii ''Yukireen dimookraatoftuu, of dandeesseefi walabummaa qabdu arguu malee Putiiniin aangoo pireezidantummaa isaarraa kaasuu miti'' jedhaniiru.












