Waraana Yukireen: Raashiyaan Putiin dhukkubsataniiru jedhamuu haalte

Madda suuraa, EPA
Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Sarjee Laavroov pireezidantiin biyyattii Vilaadmiir Puutiin dhukkubsataniiru jedhamuun dhugaa miti jedhan.
TV Faransaay irratti kan dhiyaatan Laavroov hoogganaan Raashiyaa guyyaa guyyaan miidiyaatti osoo mul'atuu namni nagaa dhibameera jedhee mallattoo irratti arguu hin danda'uu jedhan.
Gabaasaaleen hin mirkanaa'iin maanguddoon bara kana waggaa 70ffaa isaanii qabatan Vilaadmiir Puutiin, fayyaan isaanii jeeqameera, tarii Kaansariin dhukkubsachaa jiruu jedhu.
Gaaffiifi deebiin Sarjee Laavroov kun wayita Raashiyaan bulchiinsa Yukireen Donbas keessatti weerara jabeessitetti gaggeefame.
Laavroov walabummaan Baha Yukireen xiyyeeffannoo Raashiyaan haalduree hin keenyeefi jedhaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Ministeerri Haajaa Alaa Raashiyaa dhimma fayyaa Puutiin ilaalchisee yaada Laavroov kennan kana deebisee kan maxxanse yeroo ta'u, Putiiniin ''Iskiriinii irratti argaa, haasaa isaa dhagaahaafi dubbisaa dhukkubeera jechuun nama fayyaarraa hin eegamu'' jedhan.
Murtee kana warra oduu sobaa oofan mataa isaaniif akka dhiisanis dubbatan.
Laavroov kana haa jedhan malee, maddeen tikaa UK miidiyaalee adda addaan Putiin akkaan dhibameera jechuun gabaasameera. Putiin nama mala jireenyaa fayya qabeessa ta'eefi ispoortii jaalachuun beekaman ta'uus waggoota darban muraasa fayyaan isaanii jeeqamuun odeeffamaa ture.
Miidhaa loltootni Raashiyaa maagaalaalee Yukireen keessatti meeshaalee akka rookkeettiin raawwatanii namoota nagaa miidhan ilaalchisee kan gaafataman Laavroov, ''bu'uuraalee misoomaa namooota nagaa haleeluurraa akka of-qusatan loltootaa Raashiyaaf ajajani kennameera'' jedhan.
Akka ragaan UN agarsiisutti Raashiyaan Yukireeniin erga weerartee namootni nagaan 4, 031 ajjeefamaniiru. Kan miidhaman ammoo 4,735 ta'u. Lakkoofsi loltoota waraana kana gidduutti dhumanii adda hin baane. Namootni waraana kana dheessuun qe'ee isaaniirraa buqqa'an miiliyoona 14 gahaniiru.
Amma waraanichi bulchiinsa Donbas irrattri xiyyeefateera. Laavroov turtii TV TF1 jedhamu waliin taasisan kanarratti ''Doneeskiifi Luhaaneesk kan Federeeshiniin Raashiyaan naannolee of danda'anii jechuun beekamtii kenniteef xiyyeeffannoo haalduree hin qabneedha'' jedhan.
Ta'us jiraattotni bulchiinsota kanaa Yukireenitti makamuuf fedha yoo qabaatan mirga isaanii ta'uu akeekaniiru.
Raashiyaan bulchiinsa Kiyeev ejjennoo jibba Raashiyaa qabu kuffisuuf gara magaala Kiyeevitti erga dhiyaattee booda haalli jabaannaan duubatti deebite. Dhiyoo kanas magaalaa guddoo lammaffaa Karkiiv keessaas torbanoota dhiyoo kana bahuuf dirqamaniiru.












