Waraana Yukireen: Pirezidaantiin Yukireen yeroo jalqabaatiif gara Khaarkiiv imale

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zelensikiin bulchiinsa Khaarkiiv keessatti bakka adda waraanaa baha biyyattii ta'e imaluun loltoota dowwate.
Imalli isaa kunis erga Raashiyaan waraana eegaltee as yeroo naannoo Kiyiiv keessaa bahu kan jalqabaati.
Jijjigaa magaalaa Khaarkiiv keessa uffata rasaasa irraa ittisu uffachuun mul'ateera.
Zeleniskiin loltootaan, ''tajaajila keessaniif hunda keessanuu galateeffachuun barbaada,'' jedheen. Booda keessa ammoo hogganaa nageenyaa naannichaa ''magaalattii hin tiksine'' jechuun aangoo irraa ari'e.
Raashiyaan erga jidduun callifte turteen booda magaalaa guddoo Yukireen lammaffaa kan taatee Khaarkiiv irratti haleellaa raawwachuu eegalte.
Magaalatiinis tibba baatii jalqabaa waraanichaatti haleellaa cimaan mudatee ture. Suuraaleen magaalicha keessaa bahanis gamoowwan guutummaatti barbadaa'uu mul'isu.
Loltoonni Raashiyaas waluma jalaan Eblaafi Caamsaa keessaa magaalattii marsanii turan keessaa gara boodaatti dhiibamuun, erga weerarichaatiin as yeroo jalqabaatiif tajaajilli baabuuraa deebi'ee saaqame.
Haata'u malee, magaalattiin haleellaa Raashiyaa irraa bilisa hin taane. Erga Mr Zelensikiin dowwannaa taasiseen booda dhohinsa ciccimaafi sagalee guddaatu dhagahame.
Waajjiirri pirezidaanti Zelensikii karaa telegraamiin viidiyoo maxxanseen, ''Magaalaa Kharkiiv fi naannicha keessatti gamoowwan 2,229 barbaadaa'aniiru. Nutis deebifnee ijaarra, ni deebiifna, lubbuunis itti deebi'a...''

Madda suuraa, EPA/UKRAINIAN PRESIDENTIAL PRESS SERVICE
Waraabbiin viidiyoo akka mul'iseetti, loltoonni Yukireen Zelenskii waliin konkolaataawwan waraanaa qarqara daandiitti rukutamuun dhaabbatan dabalatee, badii waraanichaan raawwatamee naannawanii agarsiisan.
''Waraana kana keessatti, weerartoonni yoo xinnaate bu'aa tokko galmeessuu barbaadu,'' jechuun booda keessa kan maxxansan.
"Haata'u malee dachee keenya hanga namni tokko hafuutti akka ittifnu yeroo dheeraadhaan dura hubachuutu isaanirra ture. Carraa hin qaban. Ni lolla, ni mo'annas.''
Pirezidaantichi hogganaa Tajaajila Nageenyaa Yukireen kan bulchiinsa Khaarkiv Romaan Dudin jedhaman hojiirraa kaasuu himan. ''Sababii guyyaa jalqaba waraanni itti cimee kaasee magaalattii ittisuuf sirriin hin hojjanneef, garuu waan ofiisaa qofaaf dhimma ture,'' jedhe sababa itti hojiirraa arii'ateef yoo himu.
''Madda maaliitiin? kan jedhu qondaaltoonni seera raawwachiiftuu kan adda baasan taha,'' jedhe dabaluun.
Pirezidaantichi kantiibaa Khaarkiiv fi bulchaa naannichaa waliin wal arguunis karoora deebiisanii ijaaruu irratti mari'ataniiru. Innis magaalaa diigamte tana deebiisanii ijaaruuf ''Pirojaktiiwwan gaarii barbaadaa'' jechuun akka gaafate gabaafame.
''Kunis aanaa sanaaf bifa haaraa akka qabaattuuf carraadha'' jechuunis dhagahameera.
Hogganaan Waraanaa Yukireen Andriy Yermak daangaa bulchiinsa Khaarkiiv keessaa %31 ammaan tana Raashiyaan qabamuu fi %5 kan ta'ee loltoota Yukireeniin harkaa deebifamu himeera.














