'Raashiyaan waraana Yukreen irratti niwukilara fayyadamuuf karoora hin qabdu'-Ambaasaaddara Raashiyaa

UK'tti Ambaasaaddara Raashiyaa kan ta'an Ambaasaaddar Andiree Keliin BBC waliin turtii taasisaniin, Raashiyaan waraana Yukireen irratti meeshaa waraanaa niwukilaraa fayyadamuuf karoora hin qabdu jedhan.
Akka Ambaasaaddar Andiree Keeliin jedhanitti haala waraanaa akkasii keessatti meeshaa waraanaa niwukilaraatti fayyadamuu seerri loltuu Raashiyaa hin eeyyamu.
Akkaataa itti fayyadama meeshaa waraanaa niwukilaraa irratti Raashiyaan seera jabaa qabdi kan jedhan ambaasaaddarri kun, meeshaaleen waraanaa niwukilaraa kan hojiirra oolan yoo biyyattiin balaarra buute qofadah jedhan.
"Duulli amma gaggeeffamaa jiru garuu kanaan wal hin qabatu, '' jedhan ambaasaaddarichi turtii har'a BBC waliin taasisaniin.
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin biyyisaanii Yukireen weerartee baayyee osoo hin turin Guraandhala darbe gara dhumaa humni niwukilaraa isaanii qophii ta'ee akka turu wayita ajajan, addunyaa guutuun akeekkachiisa meeshaa waraanaa niwukilaraati jechuun yaaddoo qaban ibsaa turan.
Vilaadmiir Putin waraanni kun akka sadarkaa kanarra ga'uuf sababiin ijoon biyyoota lixaa fi dubbi barbaacha Nato'ti jechuun himatan.
Ministirri Ittisaa UK Been Waalaas ammoo, ''rakkoon amma Yuukireen keessatti dhalate addunyaa dagachiisuun bira kutuuf waan raawwatameedha,'' jedhan.
Tooftaa fi malteen meeshaa waraanaa niwukilaraa fayyadamuu, ''Tactical nuclear weapons,'' jedhamuu fi tarsimoo meeshaa waraanaa niwukilaraa fayyadamuu, ''Strategic nuclear weapons'' jedhamuu gargari.
Inni jalqabaa faallaa isa lammataan fageenya gabaabaa irratti hojiirra kan ooluudha.
Inni lamaffaa ammoo fageenya dheeraa irratti kan dhukaafamuu fi akka waliigalaatti waraana niwukilaraa kan kaasisuudha.
Inni ''Tactical nuclear weapons'' jedhamu, meeshaalee waraanaa dirree waraanaa irratti itti fayyadaman kanneen akka boombii fi misaa'eloota xixiqqoo dabalata.
Raashiyaan meeshaalee akkasii kuma 2tti siqan akka qabdutu himama.
Ambaasaaddarichi haleellaa Raashiyaan magaalaa Buchaa keessatti raawwattee, kanaanis ''Yakka waraanaan,'' himatamte, ta'e jedhamee uumamee maqa balleessiif kan itti fayyadamameedha jedhan















