US Rookkeettiiwwan Yukireeniif arjoomuun 'ibiddatti boba'aa firfirsuudha' - Raashiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan erga pirezidaantiin US Joo Baayideen miisaa'eeloota gurguddoo Yukireeniif akka kennu beeksiiseen booda dubbii taasifteen, Ameerikaan waraanichii akka dheeratu barbaaddi jechuun komatte.
Dubbi himaan Kiremliin Dimiitrii Peskoov US dhiyeessii kanaan ''beekaa ibiddatti boba'aa dabalti'' jedhe.
''Gumaachi akkasii kunis fedhii hoggansa Yukireen mariiwwan nagaatti deebii'uuf kan hin gumaachineedha'' jedheera.
Gama biraatiinis mootummaa Jarman sirna ittisa qilleensaa Yukireeniif erguuf waadaa seeneera.
Chaansilar Olaaf Shiluuz miseensota mana mareetti akka himaniitti, sirni IRIS-meeshaa hammayyaa'aa Jarmaniin qabdu yoo ta'u, Yukireen akka haleellaawwan qilleensaa Raashiyaa magaalaa hinseenneef ittisuuf ni gargaara.
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov deeggarsia kana ilaalchisuun, ibsi Baayidan kun balaa ''biyyoonni sadaffaan'' gara waraanichaatti akka harkifaman kan dabaluudha jedhe.
Miisaa'eloonni gurguddaanis loltoonni Yukireen fageenya irraa loltoota diinaa akka haleelan kan gargaaruudha.
Ameerikaan duraan meeshaalee kanaan Yukireen dachii Raashiyaa haleelti sodaa jehduun meeshaalee waranaa kana dhiiyeessuuf hin barbaadne ture. Kun akka hin taane waadaa Yukireen galteen meeshaalee kana kennaa jirti.
Baayidan guyyaa Roobii akka jedhanitti, meeshaa waraanaatiin deeggaruun Y akka furmaanni dippilomaasii argamuuf humna kennaaf.
Qondaalli US olaanaan meeshaan waraanaa haaraan kennamuuf kunis sirna Rookkeettii fageenya dheeraa fi ammayyaa M142 (HIMARS) kan hammatuudha.
Ji'a darbe hoogganaan waraanaa Yukireen meeshaa gabaabsamee yeroo barreefamu 'HIMARS' jedhamu kana argachuun ''murteessaadha'' haleellaa misaayelii Raashiyaaf deebii kennuuf gargaara jedhaniiru.
Meeshaan kun dhukaasa xiyyeeffannoo isaanii eeganii hanga KM70 haleellaa raawwachuu danda'a. Kunis meeshaa Yukiireen hanga ammaa qabdurraa kan wayyaa'uudha.
Meeshaalee Raashiyaan qabdu waliin bira yeroo qabamus isa hammayyaa fi fooyya'aadha jedhama.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaaltonni Waayit Hawuus, erga pirezidaanti Volodmiir Zelenskii irraa akka miisaa'eeloonni kunnee Raashiyaa keessatti eddoowwan adda bahan ittiin rukuutuuf hin oolfamnee mirkanneeffannaa argataniin booda rookkeettiiwwan kanneen kan dhiyeeffaman ta'u himan.
US arjooma meeshaalee kanaaf hayyama kan kennite pireezidantiin Yukireen Voloodimiir Zeleniskii meeshaaleen kun dachee Raashiyaa akka hin haleelle waan mirkaneessaniifi.
''Yukireen dachii Raashiyaa akka haleeltu sirna Rookkeettii kana kennuuf hin jirru'' jedha Baayidan barreefama isaanii keessatti.
''Waan Raashiyaa keessatti ta'aa jiruuf nuti dhimma hinqabnu. Nuti kan dhimamnu waa'ee daangaa keenyaa Yukireen keessaa qofaadha,'' jedheera pirezidaantichi.
Haata'u malee Mooskoon waan Zelenskiin jedhu akka hin amannee himte jirti. ''Akka wal ammannuuf mee dursa Yukireen kan waadaa galte hojirraa haa oolchitu,'' jette Raashiyaan.
Erga US meeshaa waraanaa kana kennuu ibsiteen booda, ''Nuti Ameerikaan itti yaaddeefi kallattiidhaan ibiddatti boba'aa akka naqaa jirtu amanna... US karaa ittiin Yukireen Raashiyaadhaan hanga dhumaatti loltu barbaadaa akka jirtu beekamaadha'' jette Raashiyaan.
Rookkeettiiwwan dhiheenyaa kunneenis qaama deeggarsa doolaara miliyoona 700 Ameerikaan Yukireeniif taasifteeti.
Deeggarsawwan waraanaa Ameerikaan erga waraanni Yukireen keessatti ka'ee kaasee yeroo 11ffaaf taasisuuf mirkanneessite kana keessaa hilikooptaroonni, meeshaan farra taankii, konkolaatawwan waraanaa fi meeshaaleen jijjirraaf oolan kan biraa keessatti argamu.












