Fincila Waagnariin Raashiyaan xiyyaarota waraanaafi namoota meeqa dhabde?

Fincila gareen Waagnar Sanbattan darbe Raashiyaatti gaggeessen paayileetonni biyyattii garichaan loluuf bahan du'uu Pirezidaant Puutiin himanii turan.

Xiyyaaronni waraanaa heddus akka barbadaa'aniif sababa ta'usaanii akka hin oolees yaadamaa jira.

Waa'ee xiyyaarota waraanaafi paayileetota Raashiyaa jalaamiidhaman jedhamanii kana ilaalchisee BBC Verify ragaalee walitti qabeera.

Waa'ee miidhaa waraana Raashiyaarra gahee maaltu jedhamaa ture?

Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin kaleessa haasaa taasisaniin waa'ee paayileetota du'anii "paayileetota gootota kufan" jechuun ibsan. Haata'u garuu lakkoofsa paayileetota du'anii ykn xiyyaarota waraanaa kuffifamanii bal'inasaa homaa hin dubbanne.

Dursaan garee Waagnar Yevgeenii Pirigoozhin duula gareensaa gara Mooskotti taasisu dhaabsisuuf xayyaarota waraanaa haleellaa boombiifi rokkeettii gaggeessaa turan gareensaa rukutee kuffisuu beeksisee ture.

Xiyyaarota Raashiyaa rukutee kuffisuusaattis gaabbin akka itti dhagahamu dubbatee ture.

Yukireen gamasheen gareen Waagnar gaafa Sanbataa darbe helikoptaroota 6 fi xiyyaara waraanaa tokko rukutee akka kuffise ibsite.

Gareewwan dhimma waraanaa gabaasan biroos Telegiraamii irratti helikoptaroonni 6 fi xiyyaarri waraanaa tokko garee Waagnariin rukutamanii kufuu gabaasan.

BBC Verify viidiyoowwan garaa garaa lola hidhattoota Waagnarii fi waraana Raashiyaa gidduutti godhame agarsiisu ilaalera.

Naannoo magaala Kantemirovkatti xiyyaarri waraanaa tokko kufuu mirkaneeffateera.

Suurri xiyyaara kufee caccabe kanaas miidiyaalee hawaasaa heddurratti qoodamaa ture. Xiyyaara kufe kanarratti barreefamni "Humna Qilleensaa Raashiyaa," jedhu ni mul'ata.

Miidiyaalee hawaasaa bu'uura godhachuun BBCn Raashiyaa akka gabaasetti, helikoptaroonni Raashiyaa jaha kufaniiru. Isaan keessaa lama helikoptaroota haleellaa gaggeessan yoo ta'u, sadi ammoo kan waraana elektirooniksii gaggeessaniidha. Helikoptarri tokko ammoo kan geejjibaa turte.

BBC Verify helikoptarri Raashiyaa tokko dhiyeenya magaala Paavloskitti kufee caccabuu kan agarsiisu viidiyoo tokkorraa mirkaneessera.

Caccabaan xayyaaraa biroo ammoo helikoptaroonni kun Mi-8 ta'uu akka hin oolle kan agarsiisaniidha. Sababni isaa koochon isaanii kan helikoptara Mi-8 wajjin wal-fakkaatadha.

Helikoptaroonni mala waraana elektirooniksii ammayyaa kan qaban yoo ta'an, haleellaa lafoofi farra xayyaaraa akkasumas qolachuuf bifa ammayyaan kan hojjatamaniidha.

Gama biroon ammoo xayyaaronni akkanaa odeeffannoo elektirooniksii basaasufis kan gargaaraniidha.

Suuraleen biroo miidiyaa hawaasarratti qoodaman ammoo caccabaa helikoptara KA-52 kan agarsiisaniidha. Helikoptarri KA-52 helikoptaroota Raahsiyaan haleellaa gaggeessuf adda dureen itti dhimma baatudha.

Suuralen kun dhuguma helikoptaroonni kufan gosa helikoptara KA-52dha moo miti kan jedhu BBCn mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Namoota meeqatu miidhame?

Fincila gareen Waagnar Yevgeenii Pirigoozhiniin gaggeeffamu gaafa Sanbataa waraana Raashiyaarratti yaale ilaalchisee namoonni du'uu pirezidaantin biyyattii Puutiinuu hin haalle.

Haa ta'u garuu Kirimiliin namoonni meeqa akka du'an ifa gochuurraa of-qusatte.

Dursaan Waagnar Yevgeeninis waa'ee kanaa homaa hin dubbanne.

Hidhattoota Waagnar keessaa namoonni meeqa akka du'anis ifa hin goone. Garuu, "namoonni heddu miidhamaniiru" jechuun dubbatee ture.