Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yevgenii Pirigoozhiin: Yakkamaa, sheefiin Putiin, qindeessaan fincila Raashiyaa eenyu?
Humna waraanaa idilee Raashiyaa qeeqaa kan ture hoogganaan garee Waaginar Yevgeny Prigozhin, loltoonni isaa buufataalee waraanaa murteessoo ta'an akka to'ataniif duula ajajee ture.
Pireezidant Vilaadmiir Putiin harkumasaaniin muudanii kiyyoo seenan. Gochi kun ''gantummaadha'' jechuun aariidhaan dubbatan. Adabbiin akka nama kana eeggatus eeran. Erga kana jedhanii garuu achumaan badan.
Haata'u malee Pirigozhin osoo jeequmsi hin hammaatin loltoonni isaa fincila dhaabuun Raashiyaa keessaa akka ba'an ajaje.
Wayita Raashiyaan bara 2022 Yukireen weerartu Prigozhin akka hoogganaa Waaginaritti hirmaachuun bakka guddaa qabate.
Loltoonni Waaginar bakka Raashiyaan haleellaa hamaa raawwattu hundatti dura bu'anii mul'atu, keessattuu adda waraanaa Baakmuut irratti.
Akkuma waraanni itti fufaa deemeen garuu Prigozhin humni waraanaa Raashiyaa ''weerara Yukireen guutummaatti milkeessuu dhabuusaatti,'' hooggantoota waraanaa biyyattii akkaan qeequu eegale.
Garuu Pireezidant Putiin kallattiin qeequurraa of qusateera. Putiin waliin michummaa guddaa qabu, durii kaasanii waliin turan.
Namni duraan beekamtii homaatuu hin qabne kun akkamiin waraana biyyattii keessatti dhiibbaa guddaa uumuun beekamtii haga kana horate? Raashiyaadhaan mindeeffamee akkamiin biyyattii keessatti fincila hoogganuurra ga'e?
Yevgeny Prigozhin eenyu?
Yevgeny Prigozhin magaalaa Vilaadmiir Putiin keessatti dhalatanirraa dhufe.
Bara 1979 hannaan himatamee waggaa 2 fi walakkaan wayita itti murtaa'u umriinsaa waggaa 18 ture.
Waggaa lama booda ammas saamichaa fi hannaan himatamee waggaan 13 itti murtaa'uun waggaa sagal hidhamee ba'e.
Wayita hidhamee ba'u daandii magaalaa St Petersburg irratti nyaata gurguruuf caasaa qindeeffate.
Hojii kanaan milkaa'uun bara 1990oota keessa mana nyaataa akkaan qaalii ta'e magaalattii keessatti banate.
Yeroo sanarraa eegalee qondaaltota fi namoota magaalattii keessatti sadarkaa olaanaa qaban waliin hariiroo uume, achiin qondaaltota olaanoo guutuu Raashiyaatti michoome.
Mana nyaataa isaa Niwu Aayilaand jedhamu kan laga Neevaa irratti ijaarame bidiruu ba'aa fi bu'aa bashannanaa kanneen turan keessaa tokko Putiini.
Putiin bakka kana guddoo jaallatu, erga pireezidantii ta'anii keessummoota isaanii achitti affeeru. Jarri kun akkanaan michooman.
Michummaan Aab Putiin fi Prigozhin kan daangaa darbeedha. Keessa ba'anii Putiin bara 2003 guyyaa dhalootasaanii mana nyaataa isaatti kabajatan.
Waggoota booda manni nyaataa Prigozhin Kireemliin keessatti nyaata akka dhiheessu waliigalame. Nyaata kana kan fayyadaman Putiin fi warra naannoo Putiin jiranidha. Kanarraa ka'uun maqaa ''Sheefii Putiin'' jedhu argatee ture.
Dhaabbati maqaa Prigozhiniin jiru hunduu humna waraanaa fi manneen barnootaa biyyattii keessatti oomishasaa akka dhiheessu kontiraati bal'aan kennameef.
Gareen Waaginar akkamiin eegale?
Uumamuun garee Waaginar bara 2014 wayita Raashiyaan Yukireen weerarteen walqabata.
Bara sanarraa eegalee Yevgeny Prigozhin daldaltuu qofa ta'uun hafee nama iddoo gudda qabu ta'e.
Gareen loltootaa inni of jalatti gurmeessee qabu yeroo jalqabaaf lixa Donbaas keessatti humnoota Yukireen wayita haleelan mul'atan.
Gareen kun Waaginar jedhame. Yaamicha ajajoonni jalqabaa taasisan irraa mogga'e.
Waaginar garee dhuunfaa loltoota walitti qindaa'an irraa ijaarame yoo ta'u kaffaltii guddaadhaan waliigalee mootummaa Raashiyaaf ergama raawwata.
Raashiyaan erga Guraandhala 2022 Yukireen irratti weerara eegaltee garee kanatti akkaan fayyadamte.
Gareen kun Yukireeniin alatti biyyoota Afrikaa fi kaan keessas ni socho'uun ergama Kireemliin raawwata.
Hidhattoonni Waaginar dhiittaa mirga namoomaa fi ajjeechaa suukanneessaa raawwachuun guddoo himatamu.
Bara 2017 Siiriyaa keessatti nama burruusa guddaadhaan reebanii ajjeesuu, morma qaluu fi abiddaan gubuun himatamee ture.
Bara itti aanu ammoo gaazexeessitoonni Raashiyaa gareen Waaginar Rippaabilika Giddugala Afrikaa keessa jiraachuu qorataa turan ajjeefaman.
Bara 2022 loltoonni garee kanaa nama tokko burruusa guddaadhaan tumanii ajjeesuun himatame.
Gareen kun namnichi waan isa ganeef tarkaanfii kana fudhahuu hime.
Prigozhiniin ajjeechaa suukanneessaa akkanaa irratti wayita dubbatu, yeroo hundaa ''sareef du'a sareetu ta'a,'' jedha.
Paarlaamaan Awurooppaa garee kana shororkeessitoota jechuun farrajeera.
Prigozhin garee kanaan hidhata qabaachuu waggootaaf haalaa ture. Nama garee kana waliin maqaasaa kaasuyyuu himataa ture.
Garuu Fulbaana 2022 garee Waaginar bara 2014 keessa hundeessee akka qabu ifatti dubbate.
US, UK fi Gamtaan Awurooppaa Waaginar irra qoqqobbii kaa'aniiru. Raashiyaa keessa garuu akka fedhe socho'a.
Haata'u malee garee humna waraanaa qindaa'e maallaqaan bitanii lolchiisuun seeraan dhorkaadha.
Pirigozhin maal Puutin fayyade?
Kiremlin maaliif namni akka Prigozhin odeeffannoo sobaa fi duula waraanaa addunyaa guutuutti akka gaggeessu barbaaddi?
Sababni ijoon tokko hojjattoota dhuunfaa iccitiin odeffannoo sassaaban fayyadamuun mootummaan Raashiyaa hojiiwwan miira namaa kakaasan keessatti hirmaachuu akka haaluuf isa dandeessisa.
Akka gaazexeessaa Iliya Zhegulev, kan seenaa jireenyaa Prigozhin bal'inaan qorate jedhutti, sababoonni hedduun jiru.
"Hojii xuraa'aa ykn yakkaa hojjechuurra deebi'ee hin beeku. Maqaa gaarii dhabus hin qabu," jechuun Zhegulev falme.
Seenaan Pirigozhin duraan qabaachaa sababa biraa ta'uu mala. "Puutin namoota maqaa gaarii mudaa hin qabne qaban hin jaallatu, sababiin isaas to'achuun rakkisaadha.
Ija kanaan yoo ilaalle, Pirigozhin kaadhimamaa gaarii ture."
Bara 2011tti af- gaaffii taasise keessatti, Pirigozhin yeroo tokko kitaaba daa'immaniif barreesse kan taatoo ijoon "mootichi mootummaa isaa akka baraaruuf gargaare," ittaansee "waan gootummaa dhugaa" hojjechuutti ce’uu dubbate.
Waaginar akkamitti waraana Yukireen keessatti hirmaate?
Jalqabarratti Pirigozhin xiyyeeffannoo irraa fagaatee ture, yeroo baayyee ibsa dhaabbanni isaa Konkord jedhamu baasuun miidiyaa waliin wal qunnamaa ture.
Kun kan jijjiirame erga Raashiyaan weerara Yukireen irratti Fulbaana 2022 eegaltee booda.
Duulli kun ji'oota booda danqamee kan ture yoo ta’u, tajaajilli Pirigozhin kennu baayyee barbaadamu turan.
Waagnar jiraachuullee waggootaaf erga haalamaa turee booda Adooleessa 27, 2022 miidiyaan mootummaan Kiremlin to’atu Baha Yukireen keessatti Waagnar lola akka jiran tasa amane.
Sana booda Prigozhin viidiyoo miidiyaa hawaasaarrattis maxxansuu jalqabe – Viidiyoon kun kutaalee Yukireen Raashiyaan humnaan qabattee keessatti kan waraabamu fakkaatu.
Yeroo kanatti dhaabbati waraanaa dhuunfaa addunyaa kanarraa xiyyaarota waraanaa, helikooptaraafi taankii dabalatee meeshaa hamma kanaa argachuu hin danda’an ture.
Yukireen keessatti loltoonni Raashiyaa kuma kudhaniin lakkaa’aman erga ajjeefamanii booda, Pirigozhin manneen hidhaa keessa akka seenu eeyyameef.
Pirigozhin manneen hidhaa hedduu daawwachuun yakkamtoota balleessaan itti murame bilisaan gara manaatti deebi'uu akka danda'an waadaa seene.
Hidhamtoonni kun ji'a jahaaf Yukireen keessatti Waagnariif erga lolanii booda yoo lubbuun hafan adabbiin iisaanii akka irraa kaafamee, gara manasaanii akka deeman waadaa seeneef.
Qeeqarraa gara falmii kallattiitti akkamitti ce'ame?
Garuu weerarri Raashiyaa akkuma harkifataa dhufeen Pirigozhin hoggansa waraanaa Raashiyaa qeequu jalqabe.
Hariiroon Pirigozhin Ministeera Ittisaa Raashiyaa waliin qabu rakkoo keessaa seenu kan jalqabe bara 2023tti wayita hidhamtoota akka hin qacarre dhorkame.
Pirigozhin Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Waagnar meeshaalee waraanaa dhorkachuu irra deddeebi'ee himate.
Yeroo tokko sirumayyuu, Pirigozhin Ministira Ittisaa Raashiyaa Sargee Shohigu fi Ajajaa waraanaa a Vaalerii Gerasimoov na gananan jechuun himate.
Qeeqni Pirigozhin guddachuun gara waldhabbiitti kan ce’e Waxabajjii bara 2023 yoo ta’u, yeroo kanatti Pirigozhin waraanni Raashiyaa buufata Waagnar Yukireen keessa jiru haleeluu himate.
Mooskoonis garuu himannaa kana haalte.
Sana booda loltoonni Waagnar naannoo Raashiyaan humnaan Yukireenirra dhuunfatte keessaa gara Raashiyaa qaxxaamuranii, maadheewwan waraanaa ijoo Rostov-on-Don, magaalaa kibba Raashiyaa naannoo daangaatti dhihoo jirtu qabatanii turan.
Raashiyaan fincila hidhannoo kakaaste jechuun himannaa Pirigozhin irratti kan bante yoo ta'u, Pirezedenti Puutin gocha isaa kanan ''gantummaa'' jechuun waaman.
Haa ta’u malee, loltoonni Waagnar gara Moskootti qajeeluun hoggansa waraanaa buqqisuuf yaalii fakkatu erga gaggeesanii booda, Pirigozhin loltoota isaa deebise waamuu fi jaarsummaa hogganaa Beelaaruus Aleeksaandar Lukaasheenkoon taasisan fudhachuuu beeksise.