Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dureessa Chaayinaa yuunivarsiitii seenuuf si'a 27 qormaata kufe
Dureessi Chaayinaa yuunivarsiitii seenee barachuuf qormaata seensa yuunivarsiitii si'a 27 kufuu hime.
Gaheessa ganna 56 kan ta'e Liyaang Shii gaafa Jimaataa si'a 27ffaa seensa yuunivarsiitii qoramus qabxii walii galaa 750 keessaa 424 fide.
Kanaanis seensa yuunivarsiitii qabxii 34 hanqatee si'a 27ffaaf kufe.
Chaayinaatti barana barattoota miliyoona 13 ta'antu qormaata fudhachuuf taa'e. Isaan keessaa miliyeenara Chaayinaa kan ta'e Liyaang Shii tokkoodha. Si'a hanga kana qoramee yuuninvarsiitii seenuu dhabuusaatin Liyaang mata duree miidiyaa biyyattii ta'ee jira.
Bara 1983 kaasee hanga ammaatti qormaata seensa yuunivarsiitii fudhachuuf dhama'us baranas hin milkoofne. Abjuusaa milkeessuf dhama'us bara hamma kanaa milkaa'uu dhabuusaatif akka aare dubbate Liyaang.
"Hin milkaa'u jedhee abdii hin kutadhu jechaan ture, amma garuu hamileen koo cabeera," jechuun miidiyaa Chaayinaa Tianmu News jedhamutti hime.
Chaayinaatti qormaanni seensa yuunivarsiitii 'Gaokao' jedhamu baay'ee cimaadha jedhama.
Ragaan mootummaa biyyattii akka agarsiisutti, bara 2021tti kanneen qormaata fudhatan keessaa 41.6% qofaatu yuunivarsiitii seene.
Qormaanni seensa yuunivarsiitii 'Gaokao' jedhamu carraa itti milkaa'an ykn caban jedhamuun beekama. Keessumaa barattoota maatii harka qalleeyyii irraa dhufaniifi hojii argachuuf digrii qabaachun dirqama itti ta'uuf, qormaata kana darbuu akka milkaa'ina guddaatti ilaalama.
Bara 1950 kaasee qormaanni seensa yuunivarsiitii kun sirna barnoota Chaayinaa keessatti xiyyeeffannoo guddaan kan itti kennamuudha.
Dureessi Chaayinaa Liyaang qormaata kana darbee yuunivarsiitii seenun nama barate jedhamuun abjuusaa yeroo dheeraa ture.
Bara 1983 yeroo qormaata seensa yuunivarsiitii isa jalqabaa kufu nama waggaa 16 ture. Qormaata kufus hojiilee garaa garaa hojjataa qormaata seensa yuunivarsiitii fudhachuu hin dhiifne. Bara 1992 umuriin daangeffamee qoramuu akka hin dandeenye itti himame.
Bara 1990' oota keessa hojii mukaa eegale. Boodarra baruumsa caalaa daldalatti nama milkaa'aa ta'aa dhufe.
Waggaa tokko keessatti bu'aa yuwaanii miliyeena 1 argachuun hojii meeshaalee ijaarsaa eegale.
Bara 2021tti mootummaan Chaayinaa namni umurii kamiituu qormaata fudhachuu akka danda'u gaafa labsu, Liyaang abjuu yuunivarsiitii seenuu milkeessuf qormaata fudhachuutti deebi'e. Sababa rakkoo fayyaafi yeroosaa heddu hojiirratti dabarsuun waggaa waggaan qormaata kufuu ittuma fufe.
Bara 2014 miidiyaa biyyattii tokkotti, "Kolleejjii hin dhaqxu taanan baay'een gadda, baruumsa sadarkaa olaanaa malee jireenyi kee guutuu ta'uu hin danda'u" jedhee ture.
Baranas qormaataaf taa'ullee garuu si'a 27ffaaf hin milkaa'in hafe. Kana booda akka kana duraa abdii waanan qabu natti hin fakkaatu jechuun dubbate.