Iddoon awwaalaa namni qoricha sammuu adoochu fayyadamu yoom akka jalqabe agarsiisu argame

Qoricha sammuu namaa adoochu fayyadamu bara durii eegalamuusaa ragaan haaraan iddoo awwaalaatii argame mul'isu himan qorattoonni.

Qoricha sammuu namaa adoochu oppiyoom dhalli namaa bara durii irraa eegalee itti gargaaramaa akka ture ragaan iddoo awwalaa bara durii Israa’el keeessatti argame ifoomse.

Qorattoonni hambaa hubboo supheerraa tolfame fakkaatu mooraa Yihudaa, bakka magaalaa Telaviiv irraa km 11 fagaatutti argan.

Qorattoonni kunneen akka jedhanitti, hubboon sun umurii waggaa 3,400 kan qaba. Bakki hubboon kun itti argame hanga yeroo dhiyootti iddoo awwaalchaa ta’uun tajaajila ture.

Bara durii sana hawaasni naannoo sana jiraatan iddoo sana ‘Kana’aan jedhanii waamu ture.

Hubboowwan kunneen bara 2012tti Abbaa Taayitaa Hambaalee Israa’eliin qotamee lafa keessaa baafame.

Taatulleen bu’aa qorannoo haaraa kana Yuunvarsiitii Telaviiv, Abbaa Taayitaa Hambaalee Israa’eli fi Jaarmiyaa Saayinsii Wiizmaan jedhamutu ifoomse.

Dawaan sammuu namaa adoochu oppiyoomiin biyya yeroo ammaa Tarkii jedhamtee beekamtutti oomishamee, sana booda karaa Yihudaatiin gara Qoophixoos geeffame jedhamee amanama.

Hubboowwan sun jalqaba Qoophixoositti hojjatamuusaanii gabaasni qorannoo kun akeekeera. Hubbaawwan kun bara durii sanatti namni yeroo du’e waliin awwalamu ture.

Dr Roon Beerii, ogeessi Abbaa Taayitaa Hambaalee Israa’el sirna awwaalchaa nama du’eerratti miseensonni maatii ykn luboonni bakka argamanitti wayita gaggeeffamu, namoonni sirnicharratti argaman afuri fira isaanii du’e oppiyoomiidhaan gammachiisuu itti gargaaramuu hin oolle jedhan.

Yookiin qorichi oppiyoomi jedhamu kun reeffa cina kan kaa’ameef tarii afuurri nama du’ee awwaala keessaa bahee, firoota isaa waliin walitti dhufu qopheessa,’’ jedhamee yaadamu himeera.

Waggaa lama kana qorattoonni balaa sammuu namaa adoochu kan umurii wagga 2,700 qabu iddoo awwaalaa Kibba Israa’el Teel Araad bakka jedhamutti arguu beeksiisaniiru.