Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashfoord gara Baarseloonaa, Nuneez gara Naappolii...jijjiirraa taphattootaa har'aa
Jifataan Liivarpuul Daarwiin Nuneez Naappolii caalsifateera, gaaffii Niwkaasil Antoonii Elaangaa barbaacha dhiheessemmoo Notingihaam dideera.
Maarkas Raashfoord immoo gara Baarseloonaa adeemuun Laamiin Yamaal waliin taphachuu barbaada.
Lammiin Uraagaay Daarwiin Nuneez, ganna 25, yoo ganna kana Liivarpuul gadhiisa ta'e qubannaan isaa Naappolii akka ta'u fedheera.
Niwkaasil jifataa cinaarra taphatu Antooniif paawundii miiliyoona 45 dhiheessee ture.
Iskaay Ispoortis akka gabaasetti gatiin taphataa ganna 23 kanaa paawundii miiliyoona 60'n tilmaamame.
Chelsiin immoo waliigaltee Jeemi Giteens Boorusiyaa Dortimundirraa dafee xumuruuf abdateera.
Taphataa lammii Ingilizii kanaa kilabiin Jarman Baayern Muniikis ni barbaada.
Baarselonaan immoo jifataa Maanchistar Yunaayitid Maarkas Raashifoord ergisaan ofitti fiduuf akka yaade gabaafameera.
Barbaachi jifataa Niiwkaasil Aleeksaandar Isaak cimeera.
Kanatti kilabichi taphataan kuni seenaa kilabichaa keessaa taphataa maallaqi guddaan kaffalamuuf akka ta'u yaadeera.
Sababni kanaatis Liivarpuul, Baarseloonaafi Arsenaal akka isa hin fudhanneefi.
Kilabiin Turkii Fenerbaache immoo taphataa Yunaayitid Jeedan Saanchoo kan gatiin isaa paawundii miiliyoona 25 tilmaamame akka barbaadu gabaafameera.
Evartan fi Maanchistar Yunaayitid utubaa Leestar lammii Naayijeeriyaa ta'e, Wilfireed Indidii, barbaadaniiru.
Karra eegaan lammii Ispeen Chelsiif taphatu kepa Arizabalagaa, 30, torban kana keessa paawundii miiliyoona shaniin imala gara Arsenaal taasisu ni xumura jedhamee eegama.
Atileetik Bilbaawoo jifataa lammii Ispeen Atileetikoo Bilbaawoof taphatu, Nikoo Wiiliyaams, Baarselonaa seenuu akka barbaadu kilabichaaf himuutu gabaafame.
Taphataan ga'umsa cimaa qabu Waancaa Awurooppaafi kaanirratti ga'umsa isaa sirriitti mul'iseera.
Evartan, Bireentifoord, West Haam fi Fulihaam taphataa sarara qarqaraa lammii Ingilaand Omaarii Haachinsan kilaba Ipiswiich irraa fidachuuf yaada qaba.