Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal Seeskoo fudhachuuf fedhii dhabuufi oduu jijjiirraa biroo har'aa
Hawwiin Arsenaal yeroo dheeraafi jifataa RB Leeppizhiing Benjaamiin Seeskoo fudhachuuf jedhu rakkoo keessa galaa jira.
Chelsiin taphataa sarara cinaa lammii Ingilaand Jaamii Gitens fudhachuuf yaalaa jiraatus Baayer Muniikirraa dorgommiin isa mudateera.
Arsenaal taphataa sarara duraa RB Leeppizhiing Benjaamiin Seeskoo paawondii miliyoona 70 fudhachuuf ture dhiisee duubatti deebiyuu hin oolu jedhamaa jira.
Kun ammoo taphataan lammii Siloveeniyaa umuriin isaa waggaa 22 ta'e kun miindaa inni gaafachaa jiru guddaa ta'uu isaarraa kan ka'edha.
Kilabiin Landan Arsenaal filannoo biroo ilaalaa jira.
Kanaaf, amma Arsenaal rakkoo taphataa sarara fuula duraa yeroo dheeraaf isa mudatee ture furachuudhaaf gara taphataa biraa hordofaa jiruutti deebiyuu mala.
Arsenaal amma taphataa sarara fuula duraa lammii Siwiidin Ispoorting Lisbaniif taphatu Viktor Giyookeresh kan yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 27 fudhachuuf yaadaa jira.
Oduu jijjiirraa biroon Baayer Muniik taphataa sarara cinaa lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 20 Chelsii harkatti qabaa jira. Shaampiyoonaan Bondosliigaa Jarmanii taphataa kana fudhachuudhaaf Boorsiyaa Doortimondiif Paawondii miliyoona 55 kennuuf qophaa'eera.
Kilabiin Serie A Xaaliyaan Juuventuus taphataa manchester Yunaayitid umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 25 ta'e Jaaden Saanchoo fudhachuuf yaadaa jira.
Haata'u malee, taphata alammi Ingilaand amma egisaan Chelsii jiru kana fudhachuun Juuventuus taphataa Poortoo Firaansiskoo Konsikaawoo fudhachuufi dhiisuu isaarratti kan hundaa'udha.
Taphataan sarara fuula duraa Chelsii Nikkoolaas Jaaksan kilaboota Sa'ud Arabiyaa fi kilaboota Awurooppaa biroorraa barbaadamaa jira. Haata'u malee, Chelsiin garuu taphataa isaa lammii Senegaal umuriin isaa waggaa 24 kana dabarsee gurguruu hin barbaadu.
Liiverpuul taphataa isaa sarara ittisaa Jaarel Quwaansaa Paawondii miliyoona 35n Baaye Liivarkusanitti gurguruuf waliigaleera. Kilabichi taphataa umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 22 ta'e kana yeroo barbaadetti deebisee bitachuu akka danda'u qaama waliigaltee kanaa godhateera.
Maanchester Yunaayitid ammoo taphataa sarara fuula duraa Fiyoorentiinaa fi Xaaliyaan, Mooyis Kiin fudhachuuf fedhii agarsiisaa jira. Taphataa umurin isaa yeroo ammaa waggaa 25 tae kana fudhachuuf Paawondii miliyoona 44.5 gaafatameera.
Taphataan sarara ittisaa lammii Denmaark Andiriyaas Kiristansaan ganna kana Baarseloonaa gadhiisee deemuuf jedhama ajira. Taphataan umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 29 ta'e kun akka kilaba Ispeen kana gadhiisuuf jiru kan gabase Faabiriziyoo Romaanoodha.