Taphattoota ciccimoo Waldaan Taphattoota Kubbaa Miilaa ifoomse keessa eenyufaatu jira?

Amballiin Maanchester Yunaayitid Buruunoo Fernaandeez fi taphataan sarara fuula duraa Liiverpuul Mohaammed Saalaah taphattoota ciccimoo Waldaa Taphattoota Kubbaa Miilaa (PFA) ja'a bara kanaaf filataman keessa galaniiru.

Pirofeeshinaal Fuutbool Assooseeshin (PFA) kun waggaa waggaadhaan taphattoota ciccimoo Piriimer Liigii filee badhaasa.

Shaampiyoonaan Piriimer Liigii Liiverpuul, taphattoota ja'a kaadhimaman keessaa lama filachiisuu danda'eera. Isaanis taphataa sarara gidduu Arjentiinaa Aleksiis Maak Allisteriifi Mohaammed Saalaadha.

Mohaammed Saalaah taphataa cimaa Piriimer Liigii bara kanaa ta'uunis badhaafameera.

Taphataan lammii Masirii, Mohaammed Saalaah bara kana Liiverpuuliif goolii 29 lakkoofsisee kubbaa 18 ammoo mijeessee kenneera.

Cimina bara taphaa darbe kanaan agarsiise Mohaammed Saalaah badhaasa kana marsaa sadaffaatiif mo'atee rikkardii qabachuu danda'a jedhamaa jira.

Taphataan sarara fuula duraa Niwukasil Yunaayitid, Aleksaander Isaaq, warra badhaasa kanaaf kaadhimaman keessaa tokkodha.

Taphataan dhalataa Ertiraa, lammummaa Siwiidin qabu kun bara darbe keessa taphoota 42 irratti hirmaateen gooliiwwan 27 lakkoofsisuun Niwukasil hirmaannaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiif akka darbuuf gargaareera.

Bara darbe kana keessa Maanchester Yunaayitid Piriimer Liigii keessatti sadarkaa gaddisiisaa ta'e 15ffaa qabachuun xumure. Haata'u malee, amballiin kilabichaa Buruunoo Ferenaandeez, goolii saddet lakkoofsisee, kubbaa goolii ta'an kudhan ammoo mijeessee kenneeraa.

Taphataan Chelsii Kool Paalmer fi taphataan Arsebaal sarara gidduu Dekilaan Raayis tarree taphattoota kaadhimamanii keessatti argamu.

Taphataan badhaasa kana mo'ate Hagayya 19 sirna Maanchester keessatti qophaa'urratti beeksifamuuf ta'a.

Dubartootaan Kaaldenteen dursaa jirti

Piriimer Liigii dubartootaan ammoo taphattuun sarara gidduu Arsenaal Mari'oonaa Kaaldentee warra kaadhimama keessaa dursaa jirti.

Taphattuun kun Piriimer Liigii keessatti cimina bara darbe kana agarsiisteen badhaasa waggaa waggaan kennamu kanaaf kaadhimamuurra dabartee eegamaa jirti.

Taphattuun lammii Ispeen kun taphattuu cimtuu Piriimer Liigii bara kanaa ta'uun Caamsaa keessa badhaafamteetti.

Kaaldenteen Arsenaaliif bara darbe goolii sagal lakkoofsistee, kubbaa shan goolii ta'e ammoo mijeessiteetti.

Arsenaal dubartii qaxalee biraas kaadhimmachiiseera. Aleesiyaa Ruusoo jedhamti. Taphattuun kun Piriimer Liiii dubartootaa keessatti goolii 12 lakkoofsisuun dursarra taphattuu jirtudha.

Shaampiyoonaa bara darbee kan ture gareen Chelsii ammoo taphattuu sarara gidduu Iskootish Eriin Caazbeert kaadhimmachiiseera. Taphattuun kun imala gareen kun waggaa afuriif walitti aansee Piriimer Liigii Dubartootaa mo'ate milkeessuu keessatti bara darbe kana goolii afur lakkoofsisteetti.

Maanchester Siitii keessaa ammoo taphattoonni lama Yu'ii Hasegaawaa fi Marii Foowlar kaadhimamaniiru. Karra eegduun Maanchester Yunaaitidiifi Yunaayitid Isteet Faalon Tuliis-Jooyes tarree kaadhimamtootaa keessa galteetti.