Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi odeeffannoo gibira Donaald Tiraamp loosee baase himatame
Ameerikaatti namtichi kanfaltii gibira ‘‘qondaala mootummaa olaanoo,’’ kan booda Donaal Tiraamp ta’uun barame, loosee baase himatame.
Abbaan alangaa, namni Chaarlas Liitilijoon jedhamu, hojjataan dhaabbata qaama gibira Ameerikaa guddicha- IRS, odeeffannoo gurguruufi dhaabbilee miidiyaatti dabarseera jedhan,
Akkasumas namtichi kun odeeffannoo kanfaltii gibiraa (tax return) ‘‘soorressoota Ameeerikaa kumaatamaa’’ hateera jedhamuun himatame.
Waajjirri Haqa Ameerikaas odeeffannicha dhaabbilee gara biraatiif kennuun himate.
Galmeen mana murtiii akka ibsuutti, dhaabbileen miidiyaa lama odeeffannoo kanarratti hundaa’uun ‘‘barreeffamoota hedduu’’ maxxansaniiru.
Galmeen mana murtichaa qondaala mootummaa olaanaa jedhame maqaa kan hin eerre ta’ulleen, maddeen garuu miidiyaa sharika BBC UStti argamu CBS News’n pirezidantii duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp ta’uu mirkaneesseera.
Akkasumas namumti kun, dhaabbileen miidiyaa odeeffannoo waa’ee kanfaltii gibira Aab Tiraamp argatan keessaa tokko Niiw Yoork Taayimsi yoo ta’u, inni lammataa kan odeeffannoo waa’ee nama dhuunfaa biraa argatee ture marsariitii ProPublica jedhamu ta’u himeera.
Niiw Yoork Taayimsi garuu himannaa CBS News’n jedhamee kana irratti deebii kennuu yoo didu, ProPublica ibsa baaseen, ‘‘Ibsa har'a DoJ kenname irratti yaada hin qabnu. Akkuma duraan jenneetti, ProPublica ’n madda eenyummaa nama odeffannoo kanfaltii gibira sooreessoonni Ameerikaa kanfalan kana kenne hin beeku,’’ jedheera.
Tiraamp irraas hanga mmaatti yaadni ifatti kenname omtu hin jiru.
Galmeen mana murti akka jedhuutti, bara 2017-2012 jidduutti Aab Litiljoon dhaabbata maqaan hin dhahameef waliin yeroo hojjateeti, waliigaltee Ministeera Maallaqa Ameerikaa IRS kan bulchiinsa gibira to’atu irra hojjachuuf carraa argatee ture.
Waraqaan himmanichaas bara 2018 fi 2020 jidduutti, wayita Aab Liitiljoon kontraata IRS irra hojjataa turaniitti, ‘‘odeeffannoo kanfaltii gibiraafi odeeffannoo kanfaltii hateera. Muraasni odeeffannoo kanaatiis kan waggaa 15 duraa fa’iidha jedha.
Himannaan Aab Liitijoon kunis kanfaltii gibiraa fi odeeffannoo kanfaltii hin hayyamamne ifa taasisu kan jedhudha.
Yoo badiin irratti mirkanaa’ee, himatamaan hidhaan hanga waggaa shan itti murtaa’u danda’a.
Barreeffamni Niiw Yoorki Taayimsi bara 2020 keessa odeeffannoo loofamee baheera jedhame kanarratti hundaa’uun barraa’ees, Tiraamp bara 2016, bara pirezidaantummaa US’f itti dorgomee fi waggaa jalqaba Waayitii Hawuus itti galeetti, federaalaatiif galii gibiraa doolaara 750 qofa kanfale kan jedhu ture.
Gaazeexaan kun akkasumas waggoota 15 isa duraa keessaa waggaa 10’f gibira omaatu hin kanfalle jedhee ture.