Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhalataan Itoophiyaa 'icciitii olaanaa US mootummaa Itoophiyaaf kenne' yakkaan himatame
Qondaalli Ameerikaa olaanaan maatii Itoophiyaa irraa dhalateefi Biiroo Dhimmoota Alaa Ameerikaafi Biiroo Haqa Ameerikaa keessa hojjataa turan, Abiraahaam Takiluu Lammaa, odeeffannoo icciitii cimaa Ameerikaa mootummaa Itoophiyaatiif dabarsee kennuun himanni irratti baname.
Obbo Takiluun ga’eessa ganna 50 yoo tahan, Ameerikaa Maariilaandi keessa jiraata.
Obbo Takiluu irratti himanni sadii; mootummaa biyya alaa gargaaruuf jecha shiraan odeeffannoo ittisa biyyaa Ameerikaa walitti qabuun dabarsee kennuu, odeeffannoo ittisa biyyaa hin eeyyamamaneef qabachuufi odeeffannicha fedha ofiif olfachuu jedhaniitu irratti baname.
Akka ragaan mana murti biyyattii agarsiisutti, Obbo Takiluun odeeffannoo waa’ee sochii finciltoota Itoophiyaa keessaa mootummaa waliin wal dhabanii mootummaa Itoophiyaaf ergaa ture.
Odeeffannowwan icciitii tika Ameerikaa harkaa qabuufi suuraa satalaayitii waa’ee sochii garee hidhattoota Itoophiyaa keessa socho’anii karaa aappii waliin haasa'uuf tajaajiluutiin bakka bu’aa tika Itoophiyaatiif ergaa turuu eera himatichi.
Itoophiyaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo, naannoo Amaaraa keessa ammoo hidhattoota Faannoo akkasumas araaraan dura mootummaa waliin wal waraanaa kan turan humnoonni TPLF sochaa'aa turan.
Haata'u malee Obbo Abirahaam odeeffannoo sochii garee kamii akka mootummaa Itoophiyaatiif erge wanti eerame hin jiru.
Jalqaba waggaa kanaatti yeroo biyya hidha dhaloota isaa Itoophiyaa daawwateetti, Obbo Abirahaamiifi bakka bu’aan basaasaa Itoophiyaa hoteelatti wal arguuf waliigalaniiru jedha ragaan himaticha irratti ibsame.
Yeroo biyyichatti irra dedeebiin daawwannaa taasisaa tures ragaa tika Ameerikaa CD fi DVDtti garagalchuun qabatee ture jedha.
Dabalataanis ragaalee icciitii cimaa tahan erga buuseen [download] booda, mallattoo icciitii tahuu isaanii agarsiisan irraa balleessuun himatame.
Ragaaleen baankii qorattoonni argatan akka mul'iseetti, Obbo Abirahaam, erga ragaalee icciitii tahan buusee booda maallaqni yeroo adda addaatti herreega isaarra galeera.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameeriikaa, qorannoo keessoo dhimma qabinsa ragaalee icciitii olaanoo mootummaa (self-initiated 60-day Internal Security Review of the Department of State’s Top Secret/Sensitive Compartmented Information (TS/SCI) network, systems, and applications), jedhu gaggeesseen, Obbo Abirahaam odeeffannoo icciitii tahan mootummaa Itoophiyaaf erguu bira gaheera jechun CNN dubbii himaan ministeerichaa Maat Miiler wabeeffachuun gabaase.
Himaticha abbaa alangaa Waliigalaa Ameerikaa Maatiiw M Giraaves, Gargaaraa Abbaa Alangaa Waliigalaa Maatiiw G Oolsenii fi Waajjira Qorannoo Yakka Feederaalaa (FBI) Waashingitan irraa Deevid Saandibargiin ibsame.
Obbo Abirhaam, Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaaf bulchaa kutaa odeeffannoo [IT] fi xiinxalaa dhimma hoggansaa tahuun ministera Haqaa biyyattiif hojjetaa tureera.
Himatamaan kunis aangoo isaa kana fayyadamuun eeyyama odeeffannoo icciitii ‘TOP SECRET’ tahan argachaa akka tures ibsichi eereera.
Akka himatichaatti, Mudde 19, 2022 hanga Hagayya 7, 2023tti odeeffannoowwan icciitii Gabaasa Tika biyyattii irraa waraabachuun mallattoo icciitii tahuu agarsiisu irraa balleesse.
Itti dabaluun, kutaa odeeffannoo Ministeera Dhimma Alaa biyyattii keessaa odeffannoo icciitii guddaa tahuu irratti barraa’an, ‘SECRET fi TOP SECRET’ jedhamuun adda bahan irraa haqeera jechuun himatame.
Odeeffannoon jedhaman kunneen waa’ee biyya maqaa dhahameeru tokkoo ykn bakka tokkoo kan agarsiisan yoo tahu, Obbo Abirahaam odeeffannicha garagalfachuun, galmee keessaa balleessuufi eeyyama malee harkatti qabachuun himatame.
Appilikeeshinoota icciitii eeguuf gargaaran [encrypted] tahan fayyadamuun odeeffannicha dhaabbata basaasaa biyya maqaan ishee dhahameeruuf ergeera jedhame.
Haasaa bakka bu'aa basaasaa Itoophiyaa waliin taasisan keessattis, Obbo Abirahaam mootummaa biyya alaa gargaaruufi odeeffannoo kennuuf qophii tahuu ibseera jedha ibsi Ministeera Haqa Ameerikaatiin bahe kun.
Haasaa qondaaltoonni lamaan waliin taasisan tokko keessattis, ''amma yeroo itti deeggarsa kee itti fuftuudha,’’ jedha.
Obbo Abirahaam ’’Roger that!’’ jechuun ergaa kee fudhadheera ykn na gaheera jechuun deebisuun ibsan.
Itti dabaluun basaasaa mootummaa Itoophiyaa waliin dubbataa ture, deeggarsa isaaf galateeffachuun, ''yeroo hundumaa biyyi bareedduun kun namoota gaggaarii muraasa seenaa keenya guddaa san tiksuuf aarsaa of godhan qabdi' jedhe,'' jechuun ibsa gabaasni bahe.
Himanni basaasummaa lamaan kunis hidhaa umurii guutuu hanga du'aatti adabsiisuu danda’a.
Abbaan seeraa federaalaa Qajeelfama Adabbii US fi dhimmoota kaan ilaalcha keessa galchuun kan murteessu taha.
Himanni kun Waajjira Qorammoo Yakka Federaalaa (FIB) Waashingitan, Tajaajila Tikaa Ministera Dhimma Alaa US fi Ministera Haqaa biyyattiin qoratameera.