Haati warraa Pireezidantii Seraa Liyoon abbaan warraa ishee 'fonqolcha mootummaan PhD qaba' jette

Giiftii Duree Seeraa Liyoon

Madda suuraa, Getty Images

Haati warraa pireezidantii Seeraa Liyoon Faatimaa Baayoo, abbaan warraashee mootummaa fonqolchuun digrii PHD gatii qabuuf namni isa fonqolchu tokkollee hin jiraatu jette.

Giifti dureen kuni yeroo kana haasoftu waa'ee mormii Hagayya 10 iddoowwan paartileen mormitootaa deeggarsa guddaa qabanitti adeemsifameefi poolisoota ja’a dabalatee namoonni 31 irratti ajjeefamanii dubbachaa turte.

Pireezidantiin biyyattii Juuliyas Maadaa Baayoo gochaa kanaaf mormitoota yoo himatan, mormiin ture garuu waa'ee gatiin jireenyaa qaala’uuti.

Mormitoonni isa fonqolchuuf akka shiran himachuusaan booda loltuu keessaa hoggantoonni sadii ari’amaniiru.

Aadde Faatimaan sagantaa qarshii walitti qabu Ameerikaatti adeemsifame irratti namoonni maqaan isaanii hin beekamne abbaa warraashee aangoorraa fonqolchuu akka barbaaadan himteetti.

''Maadaa Baayoon fonqolchaan PHD qaba, waan isa buustan sinitti fakkaataa? Jechuun gaafateetti. ‘’Namni kuni fonqolcha taasisuun muuxannoo qaba, nama akkatti mootummaa fonqolcha barsiise akkamiin buusuun danda’ama?’’ jette giiftiin duree

Aadde Faatimaan abbaan warraashee bara 1992tti gara aangootti yeroo dhufu mootummaa uummataan filatame kan Joseef Saayiduu hogganamu fonqolchee aangootti dhufuusaa akeekaa turte.

Paartiin amma fonqolchaan himatamu immoo paartii mormituu pireezidantichi 2018tti mo'achuun aangootti dhufe dha.

Paartiin mormituu garuu himannaa irratti dhiyaatu kana ni haalu.

Namoonni baayyeen haasaa giiftii duree kanaa kan morman yoo tahu, mormiin kuni paartii biyya bulchaa jiru Sierra Leone People’s Party (SLPP) irraa otoo hin hafiin itti dhufeera.

Fuulli Facebook fi TikTok Aadde Faatimaa yaada wal-dhahufi falmisiisaa tahe kennuun beekama.

Yaada dhimma fonqolcha kanarratti kenniteen, giifti dureen kunis tahe waajirri pireezidantiii deebii hin kennine.