Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa 'hidhattoonni Faannoo' konkolaataarratti raawwataniin imaltoonni ajjeefaman
Haleellaa hidhattoonni Godina Wallaga Bahaa Aana Giddaa Ayyaanaatti raawwataniin lubbuun namoota sadii darbuu, lamammoo madaa'uu BBC'n odeeffate.
Haleellaa Roobii dhaqqabeef qondaalli aanichaafi namni haleellaa sanaan madaa'an hidhattoota Faannoo himatan.
Qondaalli aanichaa, "hidhattoonni kun walitti bu’iinsa sabaa Oromoo fi Amaaraa giddutti uumuu kana raawwatu’’ jedhanii himatan.
Nami haleellaa kanarraa lubbuun hafuufi madaa'uu BBC'tti himan, namoonni sadan ajjeefaman daldaltoota jedhan.
Haala haleellaan raawwates yoo ibsan, konkolaataarra otoo bu’anii baqatanii rasaasaan rukutamanii battaluma sana du’anii jedhe.
Hidhattooti Faannoo "mirga ummata Amaaraaf dhaabanne," kan jedhan ogguu tahu, mootummaan biyyattii ammoo garee ''fiinxaaleyyii fi saamtotaati'' jechuun balfa.
Haleellaa raawwatame jedhame kanaaf hidhattooti kun ammatti deebii hin kennine.
Haleellaan kun Aanaa Giddaa Ganda Andoodee Dichoo jedhamutti hidhattootta inni "Faannoo’’ jedhuun kan qaqqabe ennaa tahu, namoonni sadan lubbuun darbees daldaltoota tahuu odeeffanne.
Namni haleellaa kanarraa lubbuun hafuu BBC'tti hime Geetuu Jirraa, hidhattoonni kun jalqaba konkolaataa imaltoota deddeebisu eeganii akka dhaabatu ajajan jedhe.
Hidhattoonni kun "afaan Amaaraatiin konkolaachisaa ajajaa turan" jedhe.
Imaltoonni keessa turan "nu ajjeesu hin dhaabiin jedhanii konkolaachisaa kadhatanii" jedhe. Hidhattoonni gommaa konkolaataas rasaasan rukutan.
Konkolaachisaan erga dhaabe boodas hidhattoonni sun dhukaasa banan.
Gommaan konkolaataa rukutamuu hordofee imaltoonni keessaa bahanii baqachuu eegallaan, namoota baqatan sadii rasaasaan rukutanii battaluma sana du’an jedhe.
"Bakkeedhaa dhukaasaniitu rasaasni makinaa keessa seenee harka na dhahe," jedhe.
Hidhattoonni dhukaasa banan uffata sivilii akka uffatan ijaan arguus ibsa.
Hidhattoonni kun dhukaasa banuu hordofee Keellaa sakatta’insaa naannichatti dhiiyoo jirurra milishaan Gandaa dhukaasa bane jennaan imaltoota dhiisanii baqatanii jedhe.
Haleellaan sun saamichaaf otoo hin taane nu ajjeesuuf ture jedhee akka amanuu dubbata.
Hidhattoonni kunneen halaalalaarra dhukaasa banuu ibse. Tilmaamaan bakka meetira 30 ta’urraa dhukaasaa turan jedha.
Qondaalli Aanichaa maal himu?
Ittigaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Aana Giddaa Ayyaanaa Obbo Waggaarii Gudayyaa, haleellicha hidhattoota Faannootu qaqqabisee jedhanii himatan.
Haleellaa hidhattoonni kun qaqqabsiisaniin namoonni sadii du’uun, namoonni lama biroo madaa’u mirkaneessan.
Konkolaataan hawaasa deddeebisu haleellaan irra qaqqabe sun magaalaa Angar Guuteerra gara Giddaa Ayyaanaatti imalaa ture. Taateen kunis guyyaa naannoo sa’aa shanitti raawwate jedhan.
Kanaan dura hidhattoonni kun haleellaa Aaanichatti qaqqabsiisaa turu himatan.
Dabaluunis, "hidhattoonni kun walitti bu’insa saba Oromoo fi Amaaraa gidduutti uumuuf kana raawwatu’’ jedhanii himatan. Hidhattoonni kun eessarraa ka'uun akka bakka sana dhufan ammatti akka hin beekne ibsan.
Hidhattoonni kun konkolaataatti fulduraan itti dhukaasnaan konkolaachisaan konkolaataa dhaabee akka baqate eeraniiru.
Aanichatti haleellaa hidhattoonni raawwatan kun kan jalqabaa miti.
Waggoota lamaan darban lubbuu namoota darbuun, manneen jireenyaa gubatanii fi namoonni kumataamatti lakkaa’aman qe’eerraa buqqa’uu irra deddeebiin gabaasaa turre.
Bara darbe aanaa Giddaa Ayyaanaa gandoota Nageessoo fi Haroo Ayyaanaa keessatti, haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni ajjeefamuu fi manneen hedduunis gubbachuu gabaasneerra.
Maraammartoo
Bakkeewwan Wallagga Bahaa, akkasumas Horroo Guduruu Wallaggaa dirree lolaafi hookkaraa erga ta’anii waggootiin afur lakkaa’amaniiru.
Godinoota Wallaggaatti hidhattooti maqaa sabaa dhahataniifi saba isaa tiksuuf akka sosso’an himan saboota kaanirratti haleellaa raawwachuun irra-deddeebiin himatamu.
Kana dura dhalattoota Amaaraatu haleellaa baqachuun gara Naannoo Amaaraa ce’a ture.
Kanaan dura hidhattooti Faannoo Godinaalee Wallagga Bahaafi Horooo Wallaggaa aanaalee tokko tokko keessaatti haleellaa raawwataniin lubbuun hedduu darbuu jiraattonni, aanga'oonniiifi Komishiniin Mirgoota Namoomaa ibsaa turan.
Kumaan kan lakkaa’amanis godinaalee lamaan, aanaalee haleellaan kun keessatti raawwatamee baqatanii rakkoof saaxilamanii turan.
Adoolessa waggaa darbe eegalee hidhattooti Faannoo "mirga ummata Amaaraaf dhaabanne,’’ jedhan Naannoo Amaaraa keessatti humnoota mootummaa lolaa jiru.
Mootummaan Faannoodhaan garee ''fiinxaaleyyii fi saamtotaati'' haa jedhuyyuu malee, gareen kuni garuu hacuuccaa uummatarra gahu mormuun qawwee kaasuu himuun, ''qabsaa'aa mirgaa fi bilisummaatti'' ofiin ilaala.
Odeessa kanarratti dabalata: