Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaadawwan dogongoraa qabduu harmaatiin wal qabatanii ka'an kanneen beektuu?
Wa’ee qabduu harmaa ilaalchisee yaadawwan dogongoraa hedduutu jira. Yeroo tokko tokko maaltu dhugaa fi maaltu soba akka ta'e yoo hin beekne burjaajii namatti uumuu danda'a.
Qabduun harmaa dubartoonni uffata isaanii akka gaariitti akka wal qixxaatuuf gargaara. Shamarran hedduun yeroo dardarummaa harma itti biqilchan irraa kaasuun uffatu.
Namoonni yeroo jalqaaaf qabduu harmaa uffatan ammoo itti mijachuu dhiisuu danda'a. Kanaanis yaadda'u malu.
Namoonni tokko tokko ammoo qabduu harmaa kaawwachuun kaansarii harmaa fiduu danda'a jechuun yaadu.
Sababii kanaafi kan biraattin, dubartoonni qabdu harmaa kaawwachuun itti hin tollees jiru.
Tokko tokko yeroo qabduu harmaa uffatan caasaa qaama isaanii irratti jijjiirama akka dhufu, harmi isaaniis akka laafuu (kufu) yaadda'u.
Ofii qabduu harmaa uffachuun ykn uffachuu dhiisuun dhuguma qaama dubartii jijjiiraa? Dubartoonni waa'ee harma isaanii maal beekuu qabu? Ogeessi damee waan jedhan qabu.
'Harmi hubatamuu qaba'
Ogeettiin fayyaa dubartootaa Dr. Balakumari akka jettutti, dubartoonni qaama isaanii hubachuufi harma isaanii yeroo yerootti sakkatta'u qabu.
"Harmi dubartii tishuu coomaafi xannacha harma of keessaa qabu irraa ijaarama. Akkuma xannachi hancufa maddisiisu afaan keenya keessa jiru, harmis xannacha aannan oomishuuf gargaaran qaba.
''Ujummoon harmaa umurii wajjin ni xiqqaata. Harmi xiqqaachuun waanuma jiruudha. Qabduu harmaa kaawwachuun akka harmi guddatu taasisa jechuu miti,” jettee ibsiti.
Qabduun harmaa garmalee dhiphate uffachuun ammoo dhukkubbii harmaa fiduu danda'a, kan jettuu oggeettiin tun, ''kanaaf qabduu harmaa sirrii ta'e filachuun barbaachisaadha.
''Sababa kanaan kaansarii harmaa sodaachuun hin barbaachisu,'' jetti.
Dubartoota harma gurguddaa qabaniif ammoo, ''harmii jiguun waanuma jirudha. Harmi guddaa ta'u ammoo darbee darbee dhukkubbii dugdaa fiduu danda’a.''
Dhukkubbiin dugdaa yoo qabduun harmaa sirritti uffatame garuu hir'isuun ni danda'ama jetti.
Dubartoonni yeroo gabaabaadhaaf qabduu harmaa kaawwachuu akka qaban hubachuu qabu.
''Yoo miira gaarii sitti hin dhagahamne uffachuu itti hin fufinaa. Qabduu harmaa uffachuun yoo isinitti hin tolle bareedina hin qabu,'' jetti Dr Balakumari.
Qorichoonni harmi akka hin xiqqaanne ittisan ni jiruu?
Dr. Kaviyaa Kirishinaan dubartoonni harma xiqqaachuufi harmisaanii kufuun taatee uumamaa ta'uufi dubartii tokkoof adeemsa idilee umurii keessatti mudatu akka ta'e hubachuu qabu jedhan.
"Dubartoota qofa osoo hin taane dhiironnis waa'ee kanaa hubannoo qabaachuu qabu. Dhiironni qaamni dubartootaa tokko tokko akka waan namatti hin tollee fi dadhaboo ta'aniitti kan yaadan jiru," jedhan.
"Intarneetii irratti dibatawwan gosa adda addaatu jira. Haata'u malee, hundi isaanii gowwoomsa malee kan qaama irratti qabatamaan jijjirama qabatamaa fidan miti."
Dibanni harmi akka hin xiqqaanne hin dhorku. Kanaaf ragaan saayinsaawaa ta'e hin jiru jedhu.
Namoonni beeksisa daldalaa gosa akkasiitiin gowwoomfamuu hin qaban. Haata'u malee, namoonni jijjiirama uumamaa qaamaarratti uumamu fudhachuuf sammuu qophaa'aa qabaachuu qabu jedhu.
Dubartoonni akkuma umuriin isaanii dabalaa adeemuun harmi isaanii akka jiguu arguun waanuma baramedha.
Dhugaa kana ammoo warreen dhiiraas hubachuun fudhachu qabu jedhu oggeessoonni yoo gorsan.
Dubartoonni harma hoosisan harma laaftuu qabu. Kunis kan dubartoota addunyaa kanarra jiran mudatudha.
Haala kana eenyullee jala bahuu waan hin dandeenyeef sababii itti yaadda'an hin jiraatu.
Akkasumas yaada dogongoraa dubartiin yoo harma hoosifte harmi ishee akka xiqqeessuu godha kan jedhus ni jira. Garuu kunis dhugaa miti jedhan.
Harma xixiqqoo yoo qabaatte hoo?
Dubartoonni harma xixiqqoo qaban tokko tokko tasgabbii dhabuun akka itti dhagahamu Dr. Balakumariin himu, garuu kun dhimma yaaddessu miti jedhu.
"Namni hundi gosa qaamaa adda addaa qaba. Qaamni mudaa hin qabne jedhamu hin jiru, yoo namoonni qaamaafi harma uumamaa ofiitti gammadan.''
Fakkeenyaaf, dubartoonni harma guddaa qaban dhukkubbiin dugdaa ykn gatiittii isaan mudachuu danda’a.
Warri rakkoo kana qaban baqaqsanii hodhuun harma hir'isuu danda'u. Baqaqsanii hodhuun kun 'baqaqsanii hodhuu harma hir'isuu' jedhama.
Akkasumas warri harma xixiqqoo qaban yoo barbaadan baqaqsanii hodhuun harma guddisuu danda'u.