Duutii manguddoo tokkoo akkamiin afaan 'BO' jedhamu addunyarraa akka badu godhe?

Prof Abbin Boha Siiniyer wayita Hospitaalatti gaafattu, bara 2009

Wayita Manguddoon Boha Siniyeer jedhamtu duutu, Piroofeesar Anvita Abbi afaan durii hambaa Hindii bakka hin bu'amne du'uu jechuu akka ta'e beeku turan.

Boha Siniyeer namoota afaan Bo Hindii Odoola Andamaan keessatti waggoota kumaatamaan lakkaa'amuu eegalee dubbatamaa ture kan dubbattu ishee dhumaa turte

Afaana kun qaama maatii afaanota Andaamaa guddaa gosoota dhalootaan odola kana keessa jiraataniin dubbatama ture.

Qorattuun afaanii Prof Abbiin osoo Boha Siiniyer bara 2010, umrii ishee waggaa 85tti hin du'iin dura waggootaaf afaanicha barachuuf yaalaa turte.

Prof Abbiin BBC waliin haasawa taasisaniin guyyaa Boha Siiniyeer du'uu dhageessee "waan gatii guddaa qabu" waliin akka isheen duutetti itti dhaga'ame.

"Afaan kun adda baafamee dubbatamaa ture, afaanota biroo waliin wal hin makne ture," jetti Prof Abbin.

"Kun anaaf waan akka albuuda warqee gati jabeessa ture, sababiin isaas tarii afaan kun afaanota durii durii keessaa tokko ta'uu danda'a."

Boha Suiniyer Odoola Andamaan Istiraayit jedhamtu keessa jiraata turte

Madda suuraa, Alok Das

Prof Abbiin akka jettutii isheen nama jalqabaa fi isa dhumaa sagalee Boha Siiniyeer waraabe ta'uu dubbatti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sagalee warabbame keessatti Boha Siiniyeer afaan Hindiitiin: "Afaan keenya hin dagatinaa" jettee yeroo ishee dubbattu dhaga'ama.

Waggoota dhumaa osoo Boha Siiniyeer hin du'in dura Prof Abbiin gara Odoola Andaman imaluun BO dabalatee afaanota addunyaa durii tokko tokko galmeessaa turte.

Dhuma irratti hojii ishee bifa galmee jechootaatiin maxxansitee erga Boha Siiniyeer dute waggaa tokko booda ba'e. Garuu imala salphaa hin turre.

Jalqaba irratti Boha Siiniyeer Prof Abbi waliin yeroo dabarsuu hin barbaanne.

Kirkira lafaa Galaana Hindii bara 2004 booda yeroo obomboleettiin hamaan hawaasa Boha Siiniyeer rukute hundi isaanii gara kaampii gargaarsaa tokkootti ce'an.

Hawaasni sun qe'ee irraa waan buqqa'eef Prof Abbiin ragaa tokkollee walitti qabuun akka itti ulfaate yaadatti.

"Haala kana keessattis, ani achi dhaqee isaan gaafachuun: 'Kana jechuu dandeessu, akkamitti waan akkasii jettu, sirba nuuf sirbitaa?'jechuun itti dhiyaachaa dhufe, hanga kana rakkisaa ture.

Waggoota kurnaniin lakka'amuuf Boha Siiniyeer nama Afaan Bo dubbatu qofa turte

Adeemsa keessa Boha Siniyer suuta suutaan itti madaqxe.

"Guyyaa fi ji'ootaf bosona Istireet Ayiislaand keessa bakka namootni afaan kana dubbatan qubatan ishee waliin jiraachaa ture," jechuun yaadatti Prof Abbiin.

Erga maatiin ishee fi abbaan warraa ishee du'anii booda Boha Siiniye waggoota 40f nama afaan Bo dubbatuu fi kan dhumaa taatee hafte jette.

"Maatii omaatuu hin qabdu turte, yeroo dheeraa dura abbaa warraa ishee du'aan dhabde,, ijoollee tokkollee godhattee hin beektu."

"Yeroo baayyee kophaa kan turte yoo ta'u, namoota waliin wal qunnamuuf jecha afaan Hindii Andamaan barachuu qabdi turte."

Mukuu of baasuuf Boha Siniyeer yeroo baayyee sirbaa, ofii ishee fi simbirrootatti haasa'aa turte.

"Maaliif simbirroota waliin haasoftu jedheen gaafadhe. Isheenis: 'Sanyii hidda dhaloota keenya ta'uu isaanii hin beektuu? Uumama addunyaa kanarra na hubatu isaan qofa' naan jette."

Warri Andaamaa akka abbootii dur durii isaaniitti Simbirroota waan ilaalaniif simbirroota hin adamsan, hin nyaatanis.

Boha Siniyeer hojii mukaa wayita hojjettu

Waggoota keessa walitti dhufeenyi isaanii gara michummaatti guddate. Prof Abbiin Odoola Istiraayit fi magaalaa guddoo Hindii bakka isheen jiraattu Delhii gidduutti imalti turte.

"Nama dhugaa ta'uu koo hubatte," jetti Prof Abbin. "Duraan Odoola Istiraayit ishee waliin jiraachuu kootti baay'ee gammaddi turte. Nan deema yoon jedhe harka koo qabdee na hin gadhiiftu turte."

Sunis "yeroo ani odola sanarra ture namni hundinuu of agarsiisuuf ykn afaanicha akka beeku agarsiisuuf afaan Andaamaa Guddaa dubbachuuf yaala jettee waan yaaddeef. Yeroo an deeme immoo, sana dhiisanii Hindii dubbachuu jalqabu." jette

Prof Abbin galmee jechoota Afaan Andaamaa bara 2011 isheen maxxansite waliin suuraa ka'aa wayita jirtu

Bohiniyeer waggoota dhumaa ishee keessatti miirri gaarii hin taane itti dhaga'ame.

Prof Abbiin hiriyyaa ishee fi dubbattuu Afaan Bo isa dhumaa akka dhabdu beekti turte.

"Dhukkubsattee turte, bilbilaan haasa'uu barbaadeen ture, garuu haasa'uu hin dandeenye. Baay'ee qufa'aa turte."

Sana booda miseensi hawaasaa tokko oduu gaddisiisaa du'a Boha Siniyer Prof Abbiif qoode.

"Hanga ta'e akka isheen duutu shakkaan ture, garuu yeroon dhaga'u guutummaa qaama kootu na urgufame," jetti.

Prof Abbiin afaan du'aa jiru kana deebisee jiraachisuuf carraaqqii goote keessatti "gargaarsa akka hin qabne" itti dhaga'ame.

Qorannoo waggoota jahaa booda, Bo dabalatee afaanota gosoota balaa jala jiran afur kan Odoola Andamaan keessatti itti fayyadaman galmee jechootaa ishee jalqabaa qindeessite. Bara 2011 maxxanfame.