Ifti kaabaa ajaa’iba jedhame UK keessatti mul’ate

Namoota Ifa Kaabaa UKtti mul'ate daawwachaa jiran

Madda suuraa, David Severn

Ifti kaabaa adda ta’eefi ajaa’iba jedhame guutummaa samii UK irratti mul’ate. Namoonni kutaa biyyattii gara garaa keessa jiran ifa samii yeroo baayyee argamee hin beekne kana daawwachuun gammadaa turaniiru.

Dawwaattoonni ifa kana arganii gammadan suuraawwan waliif qoodaa turaniiru. Ifti ‘Awurooraa Biriyaalis’ jedhamuun beekamu kun qarqara kibba UK dabalatee guutummaa biyyattii keessatti kan mul’ate yoo ta’u, namoonni isin darbes carraa Sambata galgala irra deebiin arguu dandeessan ni jiraata.

Ifti Kaabaa kun bubbeen jii’oomaaaginetik cimaa ta’e yeroo Dachee rukkutu mul’achuu kan danda’u yoo ta’u, Bulchiinsi Bishaan Garbaafi Atimoosfarii Biyyaalessaa US (NOAA) bubbeen Aduu hamaa hin baramiin jiraachuu mala jechuun akeekkachiisee ture.

Bubbeen hamaa akkasii kun ammoo charraa namoonni ifawwan itti arguu danda’an dabala.

Bubbeen Jii’oomeetirik cimaa Jimaata mudate kun, isa hunda caalaa guddaa G5 jedhamu akka ta’e himameera.

Bubbeen hamaa sadarkaa akkasii kun saatelaayitiifi kuusaa humna ibsaa dabalatee bu’uuraalee misoomaarratti humna miidhaa geessisu akka danda’u NOAAn akeekkachiiseera. Hanga ammaatti garuu miidhaan qaqqabee gabaafameeru hin jiru.

“Industiriin annisaa hawaa keessatti dabalatee bakka fagoofi dhiyoo jirutti karoora qabateera,” jedhan dubbi-himaan Waldaa Neetiwoorkii Annisaa Rooz Istoon. Dhum-torbee kanarras raagaaleen hawaa of eeggannootiin ilaalamaa jiru jedhan itti dabaluun.

Ifa Kaabaa UK keessatti mul'ate

Madda suuraa, PA Media

Ifa Kaabaa

Madda suuraa, Getty Images

Ifa Kaabaa galgala kana akkamiinan arguu danda’a?

Samiin qulqulluu akkuma Jimaata galgala ture sun guutummaa samii UK irraa carraan itti arguu danda’an akka jiraatu godha.

Sochuun Awurooraa ammas Sambata kan eegamu yoo ta’u, bubbeen jii’oomaaginetik hamaa ta’e ammas ramaddii “cimaa” keessa ta’a jedhamee eegama. Haata’u malee, akka isa Jimaata mudatee baayyee cimaa hin ta’u.

Haalli qilleensaa ifa kana arguuf mijatu ni jiraata jedhamees ni eegama garuu sirriitti ifti kun akka mul’atuuf dukkanaa’uu qaba.

Miidhagina Ifa Kaabaa

Madda suuraa, Getty Images

Ifa Kaabaa arguun hangam ‘birqiidha’?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bubbeen jii’oomaaginetik hamaan darbe kan Dachee rukkute bara 2003 keessa ture. Kanaaf, kan Jimaata mul’ate kun turee waan mudateef ‘birqii’ [kan argamee hin beekne] jedhameera.

Kanaan dura ifa Kaabaa kana gara kutaa UK gama Kaabaan jirutti caalaa argina. Waggaa 11 dura kan uumame sanarratti gar agama kibba UKtiin guddoo hin mul’anne ture.

Amma haala waanta uumamu kana raaguun danda’amuufi yeroo mudatuttis suura kaasuun danda’amurra waan jirruuf carraa gaariitu jira.

Ifti kun UK keessatti qofa osoo hin taane guutummaa addunyaarratti mul’ateera.

Fakkeenyaaf, biyyoonni Awurooppaa ifa kana arguu danda’aniiru. Ameerikaatti ammoo gama kibbaan Alabaamaafi Kaalifoorniyaa keessattis mul’ateera.

Samii Ostiriyaa irrattis kaameraawwan ciccimoo ifa kana kaafataniiru. Biyya Jarmanii keessattis akkuma kana. Biyyoonni akka SIlovaakiyaa, Simiizerlaandm Denmaark fi Polaandsi biyyoota ifa kana daawwatanii gammadaa turan keessaati.

Ifti kun Chaayinaa keessattis mul‘ateera.