Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan nageenya ummataaf dursa kennuun WBO fi Fannoo waliin mari'achuu qaba- US
Itoophiyaatti Ambaasadara Ameerikaa kan tahan Erviin Maasiingaa walitti bu'insi Itoophiyaa keessaa dhaabbachuun mootummaan federaalaa nageenya uummataaf dursa kennuu qaba jedhan.
Imbaasiichi ibsa ganama kana, ''mootummaan Itoophiyaa uummata isaa irratti haleellaa diroonii raawwachuu dhaabuun mariif haala mijeessuu qaba'' jeechuun maxxansee ture takka turuun fooyyeesseera.
Ambaasaadrichi ibsa isaanii kanaan, gareen hidhachuun Itoophiyaa keessa socho'an Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Faannoon gara marii nagaatti akka deebi'aniif waamicha godhaniiru.
Naannoo Amaaraa keessa kan socho'an hidhattoota Faannoo ''kaayyoo nagaa qabeessaa fi dhugoomuu danda'u qabachuun gara marii nagaatti dhufuu qabus'' jedhe.
WBO fi mootummaan Itoophiyaa yeroo lamaa Taanzaaniyaatti wal arguun marii nagaa taasisaniiru.
Yeroo sana ''wal hubannaa gaariin'' jiraatus waliigalteerra osoo hin gahiin hafne jedhanii adda bahan.
Mootummaan Ameerikaa kanneen WBO fi mootummaa Itoophiyaa walaitti fidan keessaa tokko ture.
Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa US, kan turan Maayik Haamer shoora olaanaa taphataniiru.
''Marii nagaa WBO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduu al takkaan kan xumuramu miti. Marsaa lama sadii ol fudhachuu danda'a. Garuu waan dandeenyu hundaa ni goona. Hanga nagaan dhufuttis biraa hin hafnu'' jedhanii ture.
Haatahu malee, Maayik Haamer yeroo turtii hojii isaanii ergamaa addaa US, Gaanfa Afrikaa keessaa xumurachuun bahaniiru.
Qaamolee lameen marsaa sadaffaaf walitti fiduu hin dandeenye. Addatti Waraannii Bilisummaa Oromoo marii nagaa jaqlabee ture itti fufuu akka qabu kan waamicha godhe mootummaan Ameerikaa, ''walitti bu'insa waggoota jahaa oliif biyyicha keessa turetti xumura gochuu qabu'' jedhe.
Itti dabaluun ''amma yerootti walitti bu'insa Itoophiyaa keessaa dhaabuun, warreen qe'ee isaaniirraa buqqa'an qe'eetti deebisuun uummataaf dursi kennamuu qabudha'' jedhe.
Ibsa isaa kanaan ''ijoolleen mana barnootaatti deebi'uu qabu, uummanni tajaajila fayyaa argachuu qaba,'' jedhe.
''Maqaa qabsoo hidhannootiin al seerummaa biyyicha keessatti babal'ateetti xumurri godhamuu qaba'' jedhe.
''Amma yerootti nagaa fi tasgabbii duukaa buunu tahuu qaba'' jedhan Amabaasaddarr Masiingaan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa dhiyeenya garee WBO kan Sanyii Nagaasaa, ajajaa duraanii garichaa Zoonii GIdduugalaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessuu ibse.
Sanyii Nagaasaa fi ajajoota garichaa sadarkaa adda addaa kan turan waraana qabatanii mootummaatti harka kennachaa turuu ni yaadatama.
Kun garuu rakkoo nageenyaa biyyicha keessaa guutummaan furuu hin dandeenye.
Ajajaan WBO, Marroo Dirribaa marii nagaa marsaa lammaffaa Taanzaaniyaatti gaggeeffame irratti qaamaan argameera.
Garuu erga torbanootaaf marii irra turanii waliigaltee malee adda bahan. Ergasii mariin marsaa sadaffaa ni gaggeeffama kan jedhu odeeffannoon bahe hin jiiru.
MM Abiy Ahimed garee hidhattoota Faannoo Amaara keessa socho'an wlaiinis nagaa buusuu akka barbaadan irra deddeebin dubbataniiru.
Ammatti Faannoo fi Mootummaan Itoophiyaa ifaa ifatti yoo marii nagaa gaggeessan hin argamne.
Naannoo Amaaraa keessaa manneen barnootaa hedduu manca'aniiru. Barsiisonni hidhattoota Faannoon ajjeefamaa turuus himameera.
Mootummaan Itoophiyaa TPLF waliin erga nagaa buusee garee naannoo Oromiyaa keessa socho'au WBO fi naannoo Amaaraa keessaa Faannoo waliin waliigalteerra gahuu hin dandeenye.