Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo biyyaalessaa waggaa tokko booda godhamuuf filmaanni jiraa?
Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa torbaffaan kan waggaa shan shaniin gaggeeffamu bara dhuftu ji'a Adoolessa keessa gaggeeffamuuf sagantaan qabame.
Nama siyaasa Itoophiyaa halaalaa ilaaluuf, sochiin siyaasaa mul'atu marti kan dhaaba biyya bulchuuti. Yeroo filannoo gaggeessuuf hafe wajjin yeroo ilaalamu akka durii sochiin mormitootaa ho'aan hin mul'atu.
Haalli kun yaada tarii dhibbaa dhaaba biyya bulchuufi hanqina dhaabbilee mormitootaarra kan ka'e barootni dhufan yeroo olaantummaan dhaaba amma biyya bulchuu itti mirkanaa'u ta'uuf deemaa jedhu kaasa.
Filannoon biyyaalessaa jahaffaan gaggeeffamee Paartiin Badhaadhinaa mootummaa ijaruu waggaa lama booda waayee dirree siyaasaa Itoophiyaa yeroo sana jiruurratti yaada dhaabbilee siyaasaa mormituu wayita gaafannu ''Itoophiyaatti qabsoon karaa nagaa yeroo kamuu caala qormaata keessa jira'' yaada jedhu kennanii turan.
Erga sanii waggaa lama booda wayita filannoof waggaan tokko hafutti dhaabni biyya bulchuu fi dhaabbileen siyaasaa mormituu waayee filannoo as adeemaa jiruu maal jedhu?
Dura taa'aan dhaaba Koongireesii Federaalawaa Oromoo Piroofeesar Mararaa Guddinaa haala amma jiruun ''dirreen siyaasaa Itoophiyaa filannoodhaaf baayyee dhiphaadha'' jedhan.
''Filannoo dhugaa gochuuf dirreen siyaasaa baldhachuu qaba, Boordiin filannoo bilisa ta'e uumamuu qaba, dhaabbileen mootummaa walaba ta'uu qabu'' jedhu Piroofeesar Mararaan.
Filannaa gaggeessuuf ''haalli dandeessisu mijatee hin jiru'' kan jedhan Piroofeesarichi, silaa dhaabbilen mormituufi mootummaan haala kana mijeessuuf mariyatanii waliigalteerra gahuun irra turee jedhaniiru.
Filannoo biyyaalesssaa isa marsaa jahaffaarratti dhiibbaa mootummaan irraan gahe himachuun hirmaachuu dhiisuuf kan murteesse dhaabni KFO, yeroo lammataaf filannorratti hirmaachuu dhiisuun qajeelfama baheen dhorkamaa waan ta'eef filannoo as adeemaa jiru irratti akka hirmaatan dubbataniiru.
''Seerri yeroo lama filannaa dhiisanii bira darbuun hin dand'amu jedhu jira. Kanas ta'u sana akka amma jiru kanatti filannaan bilisa ta'e deemuu hin dadna'u.''
Dhaaba Badhaadhinaa damee Oromiyaatti itti gaafatamaa ijaarsa dimookraasii kan ta'an Dr Buzaayyoo Daggafaa dhimmuma filaannoo dhufaa jiruu fi dirree siyaasaa ammaarratti yaada BBCf kennaniin ''dirreen siyaasaa filannaadhaan olitti banaadha'' jedhaniiru.
''Namootni siyaasaa waggoota 27-28f hidhaa turan gadhiifamanii, paartileen siyaasaa Finfinnee keessa taa'anii ibsa barbaadan baasaa, yoo fedhan mootummaa arrabsaa, namootni dhuunfaafi paartileen kaan mirga kana akka malee fayyadamuutti jiru'' jechuun muggutu.
Dhaabbileefi namootni siyaasa qeequu bira darbanii hanga nama arrabsuu gahaniiru kan jedhan aanga'aan dhaaba Badhaadhinaa kun, ''dirren siyaasaa baldhachuu bira darbee daangaa malee fayyadamamaa jira'' jedhan.
Ammoo dirreen siyaasaa baldhaadha jechuun mirga dhaabbilee siyaasaarratti daangaan hin jiru jechuu miti jedhu. Kuni ammoo Itoophiyaatti qofa osoo hin taane addunyaa guutuu gubbaa waan jiru ta'uu dubbatan.
''Asittis wanti biyyoota biroorraa adda ta'e hin jiru, yoo seera boordiin filannoo baase, heera biyyi kun ittiin bulu cabsuuf deemtemmoo qaamni seeraa si gaafachuu hin dhiisu'' jechuun tarkaanfiiwwan adda addaa namoota siyaasaarratti fudhataman sirrii ta'uu himan.
''Paartiin biyya bulchu ammoo waan danda'amu hundaan ani humna nan qaba injifachuu nan danda'a jedhee qaama yaadu kamiifuu dirree banaa godhee lafa kaaheera. Dhaabbileen mormituus akka durii biyya alaa hin jiiran Finfinnee jiru.''
Namootni siyaasafi paartileen gariin ''haala kana akka ta'utti itti fayyadamuu caala humnaafi yaadota faallessan biroon ofuma isaanii yaaddahanii, badhaadhina yaadaan, teeknoolojiin caaluun hin danda'amu jedhanii komii kaasu'' jechuunis dhaabbilee mormituu komataniiru.
Hogganaa itti aanaan dhaaba EZEMA (Yee Itoophiyaa Zeegooch Lemehaaberaawwii Fitiih) Obbo Yohaannis Mekoonniin gama isaaniin yaada Dr Buzaayyoo dhiyeessaniin gariin waliigalu.
Haala qabatamaa amma jiruun keessumaa ammoo naannolee Oromiyaa fi Amaaraa kan uummatni hedduun biyyattii keessa jiraatu keessa lola adeemaa jirurraa kan ka'e filannoo gaggeessuun dhibaa ta'uu kaasu.
''Akka biyyattii haalli rakkisaan keessa jirru hubatamaadha. Keessumaa ammoo naanno Amaaraafi Oromiyaa keessa walitti bu'iinsi adda osoo hin citiin adeemaa jiran yaachisoodha'' jedhu.
Naannoleen lameen gara tasgabbii guutuutt osoo hin deebi'iin filannoo gaggeessuun rakkisaa ta'a jedhu.
Ammoo marii biyyaalessaa gaggeeffamaa jiruufi yaaliiwwan jaarsummaan dhibdeewwan jiran furuuf godhaman haala amma jiru jijiiruu danda'u abdii jedhu qabaachuu BBtti himaniiru.
Piroofeesar Mararaan garuu wanti hedduun filannoo bara 2021 keessaa isaan baase ammas akka hin jijjiiramne dubbatu.
Uummataaf filannoon jiraa?
Dhaabni KFO filannoon walabaa ni gaggeeffama yoo ta'e nuti yeroo kamuu filannoo keessa gallee iddoo itti dorgomnetti injifachuuf rakkoo akka hin qabne Piroofeesar Mararaan ni dubbatu.
''Akka amannutti sabni hedduun nu wajjin waan jiru fakkaata. Yeroo baayyeemmoo Oromiyaa keessatti nutiifi warri ABO waliin hin dorgomnu. Nuti lamaan Oromiyaa keessatti mootummaa mo'uudhaaf warra hin rakkanneedha'' jedhan.
Bara bulchiinsaa TPLF tokkummaa dhaabbilee adda addaa ijaaruun filannoo injifatanii miseensa Paarlaamaa kan turan Piroofeesar Mararaan, ''haala siyaasaatu qajeeluu dide malee waan qophii guddaayyuu nu barbaachisu hin turre'' jedhu.
''Yeroo waggaa shanii jahaa dura sabnis nu gargaaree, dhaabni keenya duwwaan gara waajira 206 qabna ture. Amma garuu waajira jennee kan nuti qabnu sadiidha. Finfinnee, Asallaa fi Amboodha'' jechuun wanti rakkoo itti ta'e danqaalee sochiisaaniirratti godhaman kana ta'uu himan.
''Rakkoon keenya qophii gochuu osoo hin taane dirree siyaaasaa dhaabbilee siyaasaa mormituus mootummaas qixxeetti ilaalu dhabamuudha. Mootummaan taphataas ta'ee, daanyaas ta'ee jira'' jedhan.
Gama isaaniitiin qophii gahaa gochuu kan himan Piroofeesarichi, furtuun kan jiru dirree siyaasaa rakkoo qaba jedhan bira ta'uus himaniiru.
ALI filannoo bara 1997tti gaggeefame yoo ta'e malee filannoowwan biyyaalessaa biroon filannoo dhugaa hin turre jechuun, filannoon dhugaa yoo jiraachuu baate nagaanyaa fi sirna dimookrasii achiis misooma dhugaa fiduun dhibaa ta'uu himan.
''Haala amma jiruun mootummaan filannoo deemsises dhiises wanti jijiiramu xiqqaadha...qarshii balleessuu malee waan guddaa fidu hin qabu'' jedhan.
Qondaalli dhaaba Badhaadhinaa Dr Buzaayyoo garuu ilaalcha akkasiin gara filannootti galuu ''yaada kufaadha'' jedhu.
''Dhaabni mo'uudhaaf deemu paartii kana nan caala jedhee yaada yoo ta'e gama siyaasaan, dinagdeen, hawaasummaadhaan, dippiloomasiin, Itoophiyaa sadarkaa kanaan gessifna jedhanii yaada isaanii uummatatti himachuudha.''
Filannoo as adeemaa jiru irratti dhugumatti uummataaf filannoon akka jiru haalli mijaa'e jiraachuu isa kan gaafataman Dr Buzaayyoon, dhaabni isaanii ''filannoodhaan gamatti hojii sadarkaa Afrikaatti beekamu hojjechuun qophaa'aa akka jiran dubbatan.
Ammoo dhimma sadarkaa kanatti morkataa jabaa ta'anii dhiyaachuu ''dhaabbiileen mormituu haa deebisan'' jedhan.
Gama isaaniin ''filannoodhaan olitti Itoophiyaa badhaate, kabajamte, kan lammiinshee kabajamee keessa jiraatu, ijaaruu, jabeessuufi beeksisuudhaaf hojjechaa jirra'' jedhan.
Yaada qabus teeknoolojiin deeggaree hojiin agarsiisaa jiraachuus himan.
Gaaffii uummatni paartilee jajjabboo keessaa filatu qabaa? jennee gaaffii Obbo Yohaannisiif dhiyeessine yoo deebisan dhaabni isaanii imaammata filannoo ta'u qoopheessee yeroo lamaan tokko ifatti uummat biraan gahuuf yaaluu dubbatu.
Filannoon jiraatus hiree bal'aan uummatattatti dhiyeessuu bal'aan akka hin uumamne garuu ni amanu.
Hogganaan EZEMA Piroofesar Birhaanuu Naggaa filannoo marsaa jahaffaa bara 2021 gaggeefame booda Ministirri Muummee Abiy miseensa kaabinee isaaniitti makanii, Ministira Barnootaa akka ta'an muudaniiru.
Obbo Yohaannis ''qabsoon karaa nagaa yeroo kamuu caala yeroo itti qormaata guddoo keessa galeedha'' jedhu, ammoo qormaata keessa haa jiraatuyyuu malee gatii kamiinuu itti cichuutu barbaachisa ejjennoo jedhu qabu.
Akka Piroofeesar Mararaa mootummaan ta'e jedhee dirree siyaasaa dhiphisaa jira amanta jedhus hin qaban.
''Fedha gareewwan mootummaa keessa jiranii ta'uu mala malee mootummaan akka tarsiimootti shira xaxee dhaabbilee siyaasaa quucarsuuf hojjechaa jira jedhee amanuuf nan rakkadha.''
Haala kamuu keessatti filannichi kan gaggeefamu ta'us filannoon kun ''jijjiiirama hin fidu'' jedhanii akka hin amanne dubatu.
''Gonkumaa akkasitti hin yaadu. Jijjiiramni akka dhufu hin amannu erga ta'ee yeroo, humnaafi maallaqa hanga kanaa itti baasuun ciruma hin barbaachisu'' jedhan.