Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Itoophiyaatti qabsoon karaa nagaa yeroo kamuu caala qormaata keessa jira'-Mormitoota
Bara 2018 dhufaatii Ministira Muummee Abiy Ahimad booda Itophiyaan filannoo biyyaalessaa tokko gaggeessiteetti.
Filannoon kun naannoo Tigraay keessatti dhaabni naannicha bulchu Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) diduu isaarrraa kan ka'e a hin gaggeefamne.
Naannoo Oromiyaa keessatti ammoo hooggantootni dhaabbilee siyaasaa jajjaboo akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Dhaaba Koongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) hedduun hidhamuu, waajiraaleen isaanii cufamuu, akkasumas komiiwwan biroorraa kan ka'e bakka morkataan hin jirretti gaggeefame.
Filannoo biyyaalessaa naannolee kaan keessatti rakkoo ijoodha jedhamu malee gaggeefame kana dhaabni Badhaadhinaa injifateera.
Boordiin Filannoo Biiyyaalessaa Itoopihyaa, Paartiin Badhaadhinaa teessuma paarlaamaa 436 keessaa 410 injifachuu ibse.
Dhaabni MM Abiy mootummaa haaraa wayita hundeessu dhaabbilee mormituu keessaa kanneen teessoo Paarlaamaa argatanii garuu ammoo dhaabnisaanii mootummaa ijaaruuf hiree in argannes miseensota kaabinee godhaniiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad kaabinee isaanii haaraa 22 paarlaamaaf dhiyeessanii raggaasifatan keessatti, haala amma dura hin baratamneen aanga'oota paartilee mormitootaa sadii sadarkaa ministeeraatti muudaniiru.
Dura taa'aan paartii EZEMA Piroof. Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa, dura taa'aan paartii ABIN Obbo Ballaxa Mollaa Ministira Teknooloojii fi Innooveeshinii, akkasumas hooggansi dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Qajeelaa Mardaasaa ammoo Ministira Aadaa fi Ispoortii ta'uun tajaajilaa jiru.
Faallaa kanaan hoggantootni dhaabbilee mormituu biroon haalli siyaasaa Itoophiyaa karaa nagaan qabsaa'uuf yeroo kamuu caala hmaadha jedhanii biyya gadhiisanii biyya hambaatti kooluugaltummaa hanga gaafachuu gahaniiru.
Dura taa'aa Itti aanaa dhaaba KFO kan turan Obbo Baqqalaa Garbaa addatti yaada BBC'f kennaniin ''haalli amma jiru tasumaalle waan abdii namaa kennu miti'' jechuun biyya US jiraachuuf iyyata galfachuu himaniiru.
''Osoo biyya sanatti deebi'amees sochii siyaasaa gochuun waan hin danda'amneef, gama kootiin ammaan booda biyya sanatti deebi'uun bu'aa buusu hin qabu kanaaf biyyuma kana turuutu narra jira jedheen murteesse'' jedhan Obbo Baqqalaan.
Jijjiiramni siyaasaa bara 2018 dhufeef karaa miidiyaa hawaasaa sochii diddaa kakaasuufi dursuun kan beekamu Obbo Jawaara Mohaammad lammummaasaa US dhiisee Itoopihyaa keessatti karaa nagaa qabsaa'uuf deebi'es whidhaa waggaa tokkoof walakkaa booda, callisa filateera.
Qondaalli dhaaba Kongireesii Federaalistii Oromoo Obbo Jawaar ammaan tan Itoophiyaan ala bahee jiraachaa jira. Karaa nagaa qabsoo godhamuufi dhimma biyyaa bahuu isaarratti yaada kennes hin qabu.
Qondaalotni dhaabilee mormituu maal jedhu?
Nama siyaasa Itoophiyaa halaalaa ilaaluuf, sochiin siyaasaa mul'atu marti kan dhaaba biyya bulchuuti. Akka durii sochiin mormitootaa kan harki hedduun qeeqa qaama biyya bulchuus badaa hin mul'atu.
Haalli kun yaada tarii dhibbaa dhaaba biyya bulchuufi hanqina dhaabbilee mormitootaarra kan ka'e barootni dhufan yeroo olaantummaan dhaaba amma biyya bulchuu itti mirkanaa'u ta'uuf deemaa jedhu kaasaa jira.
Walitti qabduun mana maree dhaabbilee siyaasaa duraanii Dr. Raaheel Baafee ''haalli jiru sochii siyaasaa karaa nagaaf mijataa miti garuummoo mijataa ta'uutu irra jiraa'' jedhan.
''ALI bara 2010 as dhaabbileen qabsoo hidhannoo gaaggeessan, kan biyyaa ala jiranis, kan biyya keessa karaa nagaa socho'anis waliin ta'uun sirna hunda hirmaachisu ijaaruuf baayyee yaalameera garuu milkeessuu hin danda'amnee.''
Hogganaa itti aanaan dhaaba EZEMA(Yee Itoophiyaa Zeegooch Lemhaaberaawwii Fitiih) Obbo Yohaannis Mekoonniin gama isaaniin, haalli siyaasaa qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf amma Itoophiyaa keessaa jiru ''abdii bara 2018 mula'ateen faallaa'' ta'eera jedhu.
Rakko nagaa dhabuu guddoo keessa jirraa kan jedhan Obbo Yohaannis, ''sababa kanaatti lammiileen qabsoo karaa nagaan, yaada ofii gara mariitti fiduun yaadaan muggutanii mo'uurra meeshaa kaasaanii gara bosonaa galuun 'faashinii' ta'eera'' jedhu.
''Qabsoon karaa nagaa yeroo kamuu caala yeroo itti qormaata guddoo keessa galeedha'' jedhu namni siyaasaa kun.
Qormaata keessa haa jiraatuyyuu malee ammoo gatii kamiinuu itti cichuutu barbaachisa jedhu.
Qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Battee Urgeessaas yaada Dr Raaheliifi Obbo Yohaannis waliin walfakkaatu qabu.
''Qabsoon karaa nagaa yeroo kamiyyuu caala haala yaadessaarra jira. garuummoo guutummaatti cufamee jira jedhee ibsuu hin danda'uu. Oromiyaa keessa haalli jiru guutummaatti cufameera jechuun danda'ma.''
Jijiirama bara 2018 dhufeen booda ''hawwiifi abdii baayyeetu ture'' kan jedhan Obbo Batteen, hawwiifi abdiin su, waadaaleen galaman bara 2020tti dhabama ta'an'' jedhu.
Adeemsi filannoo sababa dhibee Koronaa wajjin walqabatee adeemame haala siyaasaa abdiin irra kaahamee guutummaatti jijjiiruu dubbatan.
Filannoo bara 2021 gaggeefame keessaa dhaabbileen ABO fi KFO dorgomaa dhaaba amma biyya bulchuu ta'an dhiibamanii bahuu yaadachuun, ''sochiin karaa nagaa filannoo keessatti qooda hin fudhanne sochii jedhamuu hin danda'uu'' jechuun ibsu.
Erga filannoo bara 2021 dirreen siyaasaa qabsoo karaa nagaaf wanti abdii ta'u mul'ateraa? gaaffii jedhuuf Obbo Batteen ''homtuu wanti abdii horu hin mul'anne, inummaayyuu wanta sana caalaa abdii kutachiisaatu jira'' deebii jedhu kennu.
Dhaabni biyya bulchu miseensota dhaabilee mormituu gariin yaada isaa akka fudhatan amansiisuun ofitti makaa, kan isa mormaan sababoota adda addaan hidhaa fi biyyarraa akka fagaatan gochuun laaffisaa jiraa kanneen jedhan jiru.
Obbo Batteen mootummaan tooftaalee kana mara fayyadamee dhaabbilee siyaasaa quucarsaa jira jedhanii amanu. Kanaafis ragaaleen ifatti mul'atan jiraachuu himu.
Haata'u malee Dr Raaheeliifi Obbo Yohaannis yaada kanatti walii hin galan. ''Dhaabni biyya bulchu ta'e jedhee shira xaxuun gocha kana raawwachaa jira jennee dubbachuuf ni rakkanna'' jedhan.
''Fedha gareewwan mootummaa keessa jiranii ta'uu mala malee mootummaan akka tarsiimootti shira xaxee dhaabilee siyaasaa quucarsuuf hojjechaa jira jedhee amanuuf nan rakkadha'' jedhu Obbo Yohaannis.
Akka fakkeenyaattis tattaaffii Booriin filannoo baroota darban gochaa ture akka agarsiistuu gaariitti kaasu.
Qabsoon karaa nagaa akka dukkaana'u eenyutu, maal gumaache?
Obbo Yohaannis dhaabni biyya bulchu gaafatama biyya bulchuuf fudhaterraa kan ka'ee nageenya uummataa tiksuuf, dirree siyaasaa hundaaf mijatu uumuuf gaafatama guddoo qabu guutummaatti bahachuu hanqachuu dubbatu.
Ammoo gahee kun qophaatti kan mootummaaf dhiifamu akka hin taanefi dhaabbilee kaanis gaheen irraa eegamu akka jiru ibsan.
Dr Raaheel gama isaaniin sirni hanga ammaa jiru sagalee uummataaf kabaja kan hin qabne ta'uutu madda rakkoo kanaati jedhu.
Paartileen siyaasaa bu'uura cimaa uummataa qabaatanii yaada gaarii injifachuu danda'u osoo qabanii dhagahamuu hin dandeenye malee sababa garagaraan ''abdii kutanii yeroo bahan hin argu'''jedhu.
Obbo Batteenis hireen filannootti hirmatanii injifachuu cufaameera yaada jedhu qabaachuu malee, qabsoon karaa nagaa gaggeessan filannoorratti hirmaachuun gamasittis dhiibbaa qaama biyya bulchuun osoo harka hin kenniin itti fufa jedhu.
''Abdii hin kutannu. Abdii kutachuufis as hin jirru. Kan abdiirraa kutannu, hiree filannoorratti hirmaatanii mootummaa uummatni filate ijaaruuti. Dindaa sirna cunqursaarratti qabnu ittuma fufna. Hamma uummatni kun jirutti diddaan kun ittuma fufa.''
Obbo Yohaannis dhiibbaa gama dhaaba biyya bulchuun jiruun cinaatti aadaan naannolee murtaahanitti qaama siyaasaa muraasa qofatu socho'uu qaba jedhus danqaa uumaa jiraachuu dubbatu.
Akka fakkeenyaatti naannoo Oromiyaa fi Gaambellaa keessatti sababa hidhattootaafi kaaniin naannicha keessa sochii siyaasaa gochuu dadhabuu dubbataniiru.
''Kuni sirna al idilee ta'ee garuu aadaa hidda fageefatee, yaada ani jedhe malee kaan sirrii miti jedhee dhiibudha.''
Rakkoon akkasii naannoo Amaaraa, Tigraayiifi kaan keessas jira jehcuun maddisaa ''siyaasa sabummaa bu'uureffate akka ta'edha'' jedhu.
Dhaabni biyya bulchu olaantummaasaa baroota dhufanii haala mirkaneesserra jiraa?
Namootni dhaabbilee siyaasaa jajjaboon gariin qaama dhaaba biyya bulchuu ta'uun, gariin ammoo hidhaa jiraachuun, kan hafan sababa adda addaan biyyarraa fagaachuun tarii dhaabni biyya bulchu haala baroota dhufaniif oolantummaa argachuusaa itti mirkaneesse uumeera jedhanii yaadu.
Obbo Yohaannis haalli amma jiruu kan wanti ta'uuf faallaa kanaa ta'uu akka danda'u isaaniitti mul'isuu dubbatu.
''Dhaabni Badhaadhinaa filannoo bara 2021 kan injifate sababa uummatni karoora dhaabichaa bareef, kaadhimamtootni dhaabichaa gahumsa waan qabaniif biyya ceesisuu danda'u jedhee isaan beekee osoo hin tane barii waraanaatti waan gaggeefameef Dr Abiyyiif carraa kennuu yaadeeti jennee amannaa jedhu.
''Qabatamatti waggootni shanan darban kan mul'isan nageenyaafi tasgabbiin sadarkaa yaachisaarra akka gahe, hojii dhabdummaa guddaan jiraachuu , qaalayinsi jireenyaa samii yeroo itti gahe agarsiisa. Kanaaf uummatni yeroo kennuufis mootummaan kufaa ta'eera'' jedhu.
Haalli ammaa olaantummaa baroota dhufanii dhaaba badhaadhinaa agarsiisuu caala kufaatii dhaaba biyya bulchuu mul'isaa jedhu.
''Yeroon darban kun yeroo gabaabaa uummatni rakkoolee hamoo hedduu itti arge waan agarsiisuuf bara oolaantummaan Dr Abiy itti mirkaneeffamedha jedheen miti kaniiin hubadhu. Faallaa kanaa carraa argatan hunda yeroo itti balleessaniidha jedhee hubadhaa.''
Obbo Batteenis wanti amma mul'atu olaantummaa dhaaba biyya bulchuu osoo hin taane ''karaan qabsoo seerawaa cufamaa jiraachuudha'' jedhu.
''Kun ammoo fudhatamasaa hin agarsiisu. Seera maleessumaa, fedha abbaa irrummaa agarsiisa. Kun yeroo ta'ummoo diddaa uummataatu finiina malee callisa hin ta'uu.''
''Namootni muraasni beekaman qabsoo dhiisa jechuun, uummatni qabsoosaa hin dhiisa jechuu miti'' kan jedhan Obbo Batteen, dhalootni akka isaa kanneen isa dura turan irraa barachuun qabsoo karaa nagaatti akka cichanis dubbatan.
Mootummaan tooftaa adda addaan sagalee mormitootaa ukkaamsuun olaantummaa naaf mirkaneessa jechuun ''herreega sobatii'' jedha.
''Inumaa fedhiin uummataa yoo ukkaamame karaa biraatiin dhohee waan bahuuf, mootummaa ofiif jedhee ulaa karaa nagaa, heerawaa fi seerawa banaa gochuu danda'uu qaba.''
Mootummaan namoota siyaasaa hidhee fi biyyaa gafeessaa jiru waliin taa'ee mariyachuun hiree biyyattii isa fuula duraatti mariyachuu akka qabu namootni yaada nuu qoodan sadan (Dr Raaheel, Obbo Yohaannnisifi Obbo Battee) akka furmaata takkattii lafa jiruutti kaasaniiru.