Paartileen siyaasaa mormituu gumaacha Aadde Birtukaan Miidhaksaa akkamiin ilaalu?

Hooggantuun duraanii dhaaba mormituu fi waggoota afuriifi walakkaa darban boordii filannoo biyyaalessaa hoogganaa kan turan Aadde Birtukaan Midhaksaa aangoo isaanii fedha isaaniin akka gadhiisaa jiran beeksisaniiru.

Aadde Birtukaan MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu isaanii hordofeeti biyya waggootaaf keessa jiraataa turan Ameerikaa irraa gara biyyaattii kan deebi'an.

Yeroo Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa akka hoogganan muudaman dhaabbata kana walaba gochuun jijjiirama fiduu danda'u jedhamee abdatamaniiru.

Yeroo isaan muudaman xinxaltoonni siyaasaa abdiifi shakkii ibsan.

Tokko muuxannoofi aarsaa qabsoo siyaasaa keessatti bahan irraa ka'uun muudamuun isaanii dhaaba sirna dimookirasii ijaaruu keessatti gahee olaanaa qabu ni cimsa kan jedhudha.

Kan lammataa kanneen walabummaan jaarmiyaa gahee murteessaa qabu kana hoogganuuf akka rakkatan ammoo kan ibsaniis jiru.

Aadde Birtukaan guyyaa muudama isaanii yaada kennaniin ''Muuxannoowwan qabu, beekumsan barnootaan horadhe walitti qabee bakkan hojiirra oolchudha. Aangoon kun aangoo kabajaan fudhatamuudhas," jedhanii ture.

Itti dabaluunis filannoowwan boordiin Filannoo Biyyaaleessaa kanaan dura gaggeessaa ture ummata biraa amanamuummaa dhabaa waan tureef ilaalcha uummataa jijiiruun hojii ifaafi bilisa ta'e hojjechuuf waadaa seenan.

Baatii Waxabajjii keessa fedhaan akka aangoo gadhiisan wayita beeksisan ammoo ''gama koon amanamummaa boordichaa fooyyessuun, sochii paartilee siyaasaa jajjabeessuuf hojii hojjenneen milkoofneerra jedheen amana'' jedhan.

Amma waggoota afuriif walakkaa boodatti deebinee gaafa ilaallu Aadde Birtukaan Midhagsaa turtii isaanii Boordii Filannoo keessatti waan ofii raawwachuuf abdatan akkasumas waan biyyi ni raawwatu jedhee isaan irraa eege raawwataniiruu?

Kanneen yeroo dheeraaf walabummaa boordii filannoo irratti gaaffii dhiheessaa turan keessa tokko kan ta'an paartiilee siyaasaa mormituu gumaacha Aadde Birtukaan akkamiin ilaalu?

'Gadhiisuuf murteessuun isaanii waanuma maludha'

Barreessituun Mana maree waloo dhaabbilee Siyaasaa Itoophiyaa, Dr Raahel Baafee, Aadde Birtukaan waggoota Boordii Filannoo hoogganan keessatti ''bu'aa nama boonsu hin fidne,'' jedhu.

''Aadde Birtukaan dhaabbata dimookiraatawaafi walaba hin taane kana walabaafi amanamummaa kan qabu gochuuf fedha dhuunfaa guddaa fi carraaqqii olaanaa godhaniiru,'' jedhan.

Dr Raahel sirni bulchiinsaa jiruu ''hudhaa guddaa waan ta'ee fi akka sirna ADWUI'n walfakkaatu waan ta'eef dhiibbaa hedduu irraan gaha, dabalataanis rakkoo fayyaa akka qaban odeeffannoo murtaahaa waanin qabuuf gadhiisuun isaanii fudhatama qaba,'' jedhan.

Dura taa'aa Dhaabbata Koongireesii Federaalistii Oromoo (KFO), Piroofeesar Mararaa Guddinaa yaada dhimma hojii gadhiisuu Aaddee Birtukaan ilaalchisee BBC'f kennaniin, ''akkatti isheen gadhiifte, dhiibbaan gadhiifte immoo tola ykn fedhaan gadhiifte wanti beeknu hin jiru. Isa kana ishee fi warra mootummaa Itoophiyaatu beeka,'' jedhan.

Bara isaan hoogganaa turanitti ''Boordii filannoo jijjiirameera, sirni dimookiraasii ijaaramuu jalqabeera kan jedhu waan laga ceessisu miti. Wanti yaalan tokko tokko jira, garuu wanti lafa qabate hin jiru,'' jedhan.

Dhaabni isaanii ''jijjiiramni kun dhufeera, wanti sun fooyya'eera'' jedhee wanta amanu akka hin qabne dubbatan Piroofeesar Mararaan.

'Walabumaa boordii hin finne, fiduus hin dandeessu'

Dr Raahelis ta'e Piroofeesar Mararaan tattaaffiiwwan dhuunfaa Aadde Birtukaan jaarmiyaa kana wayyeessuuf taasisan akka jiru ibsanii, garuu jaarmiyaan kun walaba akka ta'u mootummaan fedha waan hin agarsiifneef jijjiiramni qabatamaan hin dhufne yaada jedhu qabu.

''Eennaa boordiin filannoo haaraan kun dhaabbatu haala dhaabatu kanatti fedhii garee tokko qofaan ijaaruun isaa siyaasa biyya kanaatiif gumaacha gochuu hin danda'u, sirna dimookraasii ijaaruu hin danda'u, jedhee muummichi ministiraa yaadakoo akka katabuyyuu gaafadheera,'' jedhu Piroofeesar Mararaan.

Aadde Birtukaan waliin yeroo walarganiis, ''waan laga ce'u, filannoo gara dhugaatti dhiyaachuu danda'u, sirna siyaasaa biyya kanaa jijjiiruu danda'u hojjechuu akka hin dandeenye dhoksaa malee walitti himaa turre,'' jedhu.

''Aadde Birtukaan walabumaa boordii kanatti hin finne, fiduus hin dandeessu. Boordiin kun akka walaba hin taanetti uumame, akka walaba hin taanetti hojjechaa ture.

''Ammas akkasumatti jira. Sirna dimookiraasiif gumaachi inni godhe hammas gaha waan jedhamu miti,'' jedhan.

Yaalii Aadde Birtukaan jaarmiyaa kana wayyeessuuf godhan kan yaadatan Dr Raaheel, akkuma gara aangoo dhufaniin humna namaa dhaabbatichaa harka afur keessaa sadii ol jijjiiraniiru jedhu.

Labsiin boordii filannoofi dhaabbilee siyaasaa qophaaye akka raggaasifamu hanga gochuuttuu deemanii turan jedhu.

Garuu ammoo Manni Maree waloo miila lamaan dhaabatee akka jaarmiyaatti akka hundaa'u wixineen qophaa'e osoo raggaasifameera ta'ee, ''Aadde Birtukaaniifis milkaahina guddaa biyyaafis dhaabbileen siyaasaa dhaaba biyya bulchu waliin madaala akka argatan gochuun gumaata guddaa ta'a ture,'' jedhu.

Gama kaaniinis paartilee gidduu, paartileefi boordii filannoo gidduu akkasumas paartilee mormituu fi mootummaa gidduu hariiroofi waliin dubbiin akka jabaatu carraa guddaa bananiiru jedhu Dr Raaheel.

'Filannoon marsaa 6ffaa warra duraarra badaa ture'

Aadde Birtukaan wayita aangoo boordii Filannoo irra turan wantoota gurguddoo akka biyyaatti raawwataman keessaa tokko filannoo biyyaalessaa jahaffaadha.

Filannoon kun naannoo Tigraayiin alatti naannolee hundatti kan raawwatame ta'uus, Oromiyaa fi naannolee biroottis bakka hedduutti yaaddo nageenyaa guddaan yeroo ture waan ta'eef bakki muraasni itti hin gaggeefamnes ture.

Filannoo biyyaalessaa marsaa jahaffaa kana irratti namoota miiliyoona 37 olitu kaardii filannoo fudhate.

Filannoo kana dimookiraatawaa, amanamaafi haqa qabeessa gochuuf qaamni gaafatama qabu boordiin filannoo gama kanaan raawwiin agarsiise filannoowwan isa duraa mara irraayyuu 'badaadha' jedhu Pirofeesar Mararaafi Dr Raaheel.

''Filannoo marsaa jahaffaa kana yoo ilaalluu naga qabeessa ta'uu isaan alatti filannoowwan duraa shan irraayyuu isa badaa ture.

''Gidduu seentummaan kaadiree kan itti hammaate, sagaleen uummataa kan itti butame. Uummanni kan irratti hin kabajamne, taajjabdoonni alaas baay'inaan kan irratti hin hirmaanne ture.''

Namoonni siyaasaa paartii mormituu kunneen akkas haa jedhan malee filannoon biyyaaleessaa jahaffaan qaamolee biyya keessaafi biyya alaarraa taajjabummaan qooda fudhataniin, rakkoolee xixiqqaa eddoowwan muraasaatti mudataniin alatti, rakkoolee kunneen jiraachu yeroos hin himamne ture.

Dr Raaheel sababni kun ta'eef irra jireessaan fedha dhabuu boordichaarraa osoo hin taane, dhaabni biyya bulchu waliigaltee dhaabbilee siyaasaa biroo waliin galee ture waan diigeef jedhu.

''Kun dogoggora boordii filannoo irraa osoo hin taane sirnichi qajeeltoo baheef bitamuu dhabuu irrayi. Boordiin filannoo ammoo dhiibbaa kana injifachuu hin dandeenye.''

Piroofeesar Mararaan gama isaaniin filannoo biyyaalessaa keessaa 'dhiibamanii akka bahan' ibsuun, raawwii boordichaa yeroo ibsan ''ALI filannoo bara 1997 kan isheen keessatti qabsa'aa turtellee wajjiin ennaa ilaaltu, isatu baay'ee fooyyee qaba ture,'' jedhan.

''Filannicha dimookraatessuu dhiisiitii filannoo keessaayyuu nu baasan, wanna mootummaan godhaa jedhu gochaa turan. Sirna dimookirasii ijaaruuf boodatti deebine malee fuuladuratti hin deemne.''

Qondaalonni paartii mormituu kaan Aadde Birtukaan boordiin filannoo akka cimu gumaachuu kan dubbatanis jiru.

'Jabinni nama tokkoo qofaatti jijjiirama hin fidu'

Haata'u malee, Dr Raaheel gadhiisuun Aadde Birtukaan waan hanqisu qabaa jedhanii amanu.

''Waggoota afurii ol gaafatamarra turan keessatti jaarmiyaa kana keessaatti hanqinoota ijoo jiran waan beekaniif, fala itti gochuuf imalli deemnu hooggansa haaraa dhufu wajjiin ni dheerata. Birtukaan waliin garuu ni gabaabbata turee,'' jedhu.

Aangoo kana gadhiisuu isaanii hordofee hooggansa haaraa dhufu kamuurraa maaltu eegama gaaffii jedhuuf deebii yoo kennan ''dhaabni walaba hamma hin taanetti jabinni namoota dhuunfaa achi keessa jiranii jijjiirama akka hin fidne Aadde Birtukaan agarsiistuudha'' jedhu.

Akka Dr Raaheeliitti, osoo sirni jabaan jarmiyichaa ijaarameera, lafa qabateera ta'ee hooggansi gadhiisuus sirnichi waan qajeelchuuf rakkoo hin qabaatu ture.

''Jaarmiyichi bu'uura xiqqoo kaaheera osoo ta'ee deemuun namoota dhunfaa rakkoo hin qabu ture. Aadde Birtukaan sadarkaa bu'uura sana kaahuurra hin geenye,'' jedhan.

Piroofeesar Maraaranis akkasuma dhaabni biyya bulchu jaarmiyaa kana walaba gochuuf hanga hin murteessinetti, namni yoo jijjiirames jijjiiramni hin dhufuu jedhu.

''Boordiin filannoo dhufu abbaa fedhe haa ta'u, namuma akkashii qabsaa'aa tures haa ta'u, iddoo fedhees haa dhufuu siyaasa biyya kanaarratti olaantummaan warri dhiibbaa godhan qooda fudhatanii waliigalteerra hanga hin geenyetti, hamma barbaade mootummaan ni ergataa, gaafa dadhaban ammoo akkuma ishii gadhiisanii deemu.''

Haa ta'u malee, mootummaan MM Abiy Ahimad hoogganamu dhaabbilee walabummaa cimsatan keessaa tokko boordii filannoo ta'u ibsa.

Qondaaltonni paartilee mormituu jijjiiramni akka dhufu mootummaan adeemsa siyaasaa isaa jijjiiruu qaba jechuunis gaafatu.