Magaala Mattuutti Amantoota Waldaa Guutuu Wangeelaa maaltu mudate?

Amntoonni lafarra akka taa'an taasifaman keessaa

Dilbata darbe Waxabajjii 2, 2024 hordoftoonni amantaa Kiristaanaa Guutuu Wangeelaa kumaan lakkaa’aman daandiitti bahuun ‘lallaba wangeelaa’ gaggeessuuf yeroo turanitti qaamolee nageenyaatiin reebichi irratti raawwatamuu kanneen saganticharrati hirmaatan BBCtti himan.

Kanneen ‘dhuga baatii wangeelaatiif daandiitti baane’ jedhan keessaa kanneen 20 kan caalan miidhamuun himame.

Waldichatti tajaajilaa akka ta’an kan himan, Paastar Birhaanuu Zallaqaa, hordoftoonni amantichaa magaalichaa fi naannawa magaala Mattuu irraa dhufan guyyaa kaleessaa sagantaa kana irratti hirmaachuu dubbatu.

“Lallaba wangeelaatiif ture magaalatti kan baanee turre. Baayyinni namaa kuma ni caala. Daandii osoo hin cufniin karaa lafootirra deematii wangeela lalabbaa turre. Kuni ammoo mirga heerri mootummaa nuuf kennedha. Qaamoleen nageenyaa dhufanii nu dhaabsisan,” jechuun haala ture himuu eegalan.

“Erga nu dhaabsisaanii booda faarfattoota konkolaataa irra turan gara waajjira poolisii geessan. Amantoota kaaniin ammoo bakkuma jirtanitti tataa’aa jedhaniin. Waajjira poolisii deemnee haasofsiisnee ijoollee hidhamte nuuf gadhiisan,” jedhan Paastar Birhaanuu.

Sagantaan kun waaree booda naannoo sa’aatii 10tti akka jalqabe kan himan Pastar Birhaanuun, erga galgalaa’ee naannoo sa’aatii tokkoo ta’e booda qaamoleen nageenyaa amantoota tataa’anii turan irratti reebicha raawwachuun bittimsuu himan.

Reebicha poolisii fi milishaa magaala Maattuutiin amantoota kanneen irratti raawwaatameera jedhameenis namoota 20 hanga 30 ta’an irra miidhaan qaamaa gahuus himan.

Hirmaataan sagantichaa kan ta'e Amaanu’eel Warquus haleellaan kun amaantoota irratti kan raawwatame bakka waan hundi karaa nagaatiin deemaa turetti akka ta’e himu.

“Nuti waa’ee Yesuus lallabuuf baane malee sibiila, dhakaan hokkorri nuti qabannee baane hin jiru. Bakka sabni nagaan taa’ee jirutti humna dabalataa fidanii reebicha nurratti jalqaban.

''Noomataa reebaman keessaayis daa’immanii fi dubartootatu baayinaan miidhame,” jedhu jechuun waan arge jedhe BBCtti hime.

Shamarree Eden Girmaa ammoo namoota reebicha kanaan miidhaan irra gahee Hospitaala Karl Mattuutti yaala argatan keessaayi tokko.

“Poolisootatu reebicha nurratti raawwate. Ana sibiilaan mataakoo rukutan. Harkikoos rukutameera. Namootatu baajaajiin hospitala na geesse. Mataakoo amma naaf hodhamee jira. Na waliin miidhamuudhaan hospitaalichatti kan yaalame namoota 30 ni caalu” jetti Edaen.

Shamarree Kaakii Biniyaamis warra reebicha kanaan miidhamanii hospitaala Karlitti yaalaman keessaayi. Isheenis reebicha irra gaheen kalee fi harkaasheerra miidhaan gahuu fi amma hospitaalaa baatee dhuunfaan akka yaalamtu itti himamuu dubbatti.

Waldaa Guutuu Wangeelaa M. Mattuu

Aanga'oonni godinichaa waan jedhan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Reebicha qaamolee nageenyaatiin hordoftoota amantaa Waldaa Guutuu Wangeelaa irra gahe jedhame kanarratti kan gaafanne kantiibaan Magaala Mattuu Obbo Tashaalee Ejersoo, hiriira amantaa heeyyama hin qabnetu raawwatame jedhan.

“Magaala keenyatti kaleessatti waldaan amantaa waaqeffannaa magaala keessaatiif heeyyamsiifate hin turre. Namootuma hiriiree magaala keessa deemu poolisiin itti bahe. Heeyyama waan hin qabneef maalummaan isaas waan hin beekamneef yeroof dhaabsfamee ture,” jedhan.

“Erga sagantichi waaqeffannaa ta’uunsaa hubatamee heeyyama qabaachuu baatanillee poolisii waliin dubbannee namoonni too’ataman akka gadhiifaman gooneerra. Namni too’atamee bule hin jiru,” jedhan Kantibichi debii dhimmicha irratti BBC'f kennaniin.

Waldaan Guutuu Wangeelaa Caamsaa 11 bara 2016 waaqeffannaa daandiirraa magaala keessatti gaggeessuuf heeyyamsiifatee akka turte kan himan kantiibaan kun, saganticha jijjiiranii kaleessatti qabachuu wanti beeknu hin jiru jedhan.

Poolisiin namoonni lakkoofsaan hedduu ta’u kun beekamtii fi heeyyama malee sochiin taasise “Qaama daandii cufee magaala jeequuf ka’etti'' waan hubateef yaaddoo nageenyaa jiruun sochicha dhaabsisuu himan.

Magaalichatti waldaan amantaa kamuu waaqeffannaa magaala keessaa yeroo qabaatu xalayaan gaafachuun heeyyamsiifatee raawwachuu danda’a kan jedhan Obbo Tashaaleen, qaamni nageenyaas eegumsa barbaachisaa kan kennuuf ta’uu dubbatan.

Ta’iin kaleessa Mattuutti mudate kunis “Heeyyamaa fi beekamtii dhabuu’ irraa akka madde himan.

Dhimma namoota waaqeffannaaf bahanii reebichi irratti raawwatamee fi miidhaa gahe dhimma jedhuurratti deebii kennaniin: “Reebichii fi namoonni miidhamuu irratti odeeffannoon hanga ammaatti qabu hin jiru” jedhan Obbo Tashaalen.