Hidhattoonni bakka biraatii dhufan amantoota waaqeffachaa turan Saasiggaatti jumlaan fixan - WWMYI

Dr Luba Yoonaas Yigazuu

Madda suuraa, WWMYI

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaa ganda Gaallotti Sadaasa 6, 2022 amantonni osoo waaqeffannaarra jiranii hidhattoota bakka biraatii dhufan jedhamaniin jumlaan ajjeefamuu Waldaa Warra Wangeelaa Makana Yesuus Itoophiyaa (WWMYI) ibsite.

Ajjeechan kun kan raawwate Waldaa Mul'ata Geellaa jedhamutti ta'uu Sadaasa 11, 2022 kennaniin kan himan Pirezidaantin WWMYI Lubni Yonaas Yiggazuu, ajjeechaa jumlaa kanaan namoonni 15 ajjeefamanii, hedduun madaa'aniiru jedhan.

Akka pirezidantiichaatti, namoota ajjeeffaman kanneen keessaattis gaggeessaa, ittaanaan gaggeessaa waldittii fi hojjataan wangeelaa keessatti argamu.

Ajjeechaa jedhame kana ilaalchisee mootummaan kan jedhe hin jiru. BBC waajjira poolisii godinichaafi qaamoolee mootummaa dhimmisaa ilaalatu irraa qulqulleeffachuuf yaaliin taasisee hin milkoofneef.

Osoo ajjeechan kun hin raawwatin duras ta'ee erga raawwateen booda qaamni nageenyaa mootummaa tarkaanfii homaayyu fudhachuu dhabuun waldattiif gadda dabalataa akka ta'e himan Luba Yonaas.

"Ajjeechaa jumlaa hamaa fi gadisiisaa kana Waldaan Warra Wangeelaa Makana Yesuus cimsitee balaaleffatti," jedhan Pirezidantiin kun.

"Addumatti, kun hundi gaafa raawwatuu fi amantoonni kadhannaadhaaf walitti qabaman bifa suukaneessaan yoo jumlaan ajjeefama, qaamni mootummaa naannichatti argamu yakkichi osoo hin raawwatin dura ittisuus ta'ee, erga raawwateen booda hordofee yakkamtoota seeratti dhiiyeessuu irratti kan irraa eegamu bahuu dhaabun baay'ee nama gaddisiisa," jechuun komatan Luba Yoonas.

''Lammiileen bifa kanaan jumlaan yeroo ajjeefaman mootummaan argee ykn dhagahee callisuun isaa taatee kanaaf beekamtii kennuu dhiisuu barbaaduu ykn akka homtuu hin uumamneetti bira darbuu agarsiisa,'' jedhan itti dabaluun.

'...kan nama gaddisiisu waldaa keessatti qalamusaaaaniiti'

Obboleessi isaa quxisuun (eegoon) jalaa kan ajjeefame barsiisaa Suraafel Xilaahun, Dilbata ganama osoo waaqeffannaarra jiranii tajaajiltootaa, warra wangeela barsiisaniifi amantoota dabalatee ajjeefamuu isaanii dubbata.

Obboleessi isaa ajjeefame Kaasahun Xilaahun Dinagdeekan jedhamu ogummaan barsiisaa yoo tahu, gaggeessaa waldattii akka ta’e Suraafel BBCtti himeera.

Obboleessi isaa gaheessa waggaa 40 ta’eefi ''abbaa ijoollee afurii Kiristaana waldaa keessatti dhalatee guddate waan ta’eef wangeela lallabuu malee hamminaafi jallina tokko kan hin qabnedha'' kan jedhu barsiisaa Suraafel, qajeelummaa obboleessa isaa kana ammoo maatii, namoonni waliin hojjetuufi hawaasni ragaa bahuuf jedha.

Obboleessi isaa dhimma hokkaraa kamiyyu keessatti hirmaatee kan hin beekne ta’uu kan himu Suraafel, “wanti nama gaddisiisu ammoo waldaa keessatti albeedhaan qalamuu isaaniiti,” jedha.

Sinoodosii Gidduugaleessaa Makaane Yesuus Naqamtee irraa namni BBCn dubbiseefi nageenya isaaniif maqaan isaanii akka dhahamu hin feene ajjeeffamuu amantoota iddoo Waldaa Mul’ata Geellaa xalayaadhan Waldaa Makana Yesuus Itoophiyaatti beeksisuu isaanii himan.

Xalayaan Sinodosii Gidduugaleessaa irraa barraa’eefi amantoonni waldaa keessatti ajjeeffamuu ibsu kun jalqaba torban kanaa irraa kaasee miidiyaa hawaasaa gubbaatti bal'inaan qoodamaa ture.

''Caasaan waldaa keenyaa Finfinnee jiru, qaama ilaallatu haasofsiisanii nageenya amantoota keenyaafi hawaasa keenyaa akka eegsisaniif xalayaa sana barreessinee,'' jedhu namni kun.

Maaltu ta'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tajaajilaa Waldattii kan biraa nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne BBC gaafatan fi Sinodosii Giddu-galeessaa jalatti caasaa ‘Sabakaa’ irra kan hojjatan, akkuma ajjeechaan kun raawwateen namoonni lubbuun hafan bilbilaniifii waan ta’e akka itti himan dubbatu.

''Namoonni meeshaa sagalee qabuu fi hin qabne qabatanii waldaatti galanii geggeesitoota waldaa gara alaatti erga baasaniin booda mooraadhuma keessatti albeedhaan waraananii, qalanii ajjeesan,’’ jedhan.

Mooraa waldaa sanaa keessatti kan ajjeefaman namoota 11 yoo tahan, kaan afur ammoo garasitti osoo deemanii karaatti ajjeefaman jedhan.

''Kanneen ajjeechaa kana raawwatan namoota isaan hin beekneefi kan tasa a irra bahan ta'u dubbatan. Afaan Amaariffaa kan haasa’an akka ta'anis natti hiamniiru,’’ jedhan.

Gama biraan ammoo gaafuma ajjeechaan kun raawwatu Sadaasa 6, 2022 magaalaa Naqamtee keessa ganama barii irraa eegaluun dhukaasni guddaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo magaala galaniifi humna nageenyaa mootummaa gidduutti adeemsifamaa turu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Haata’u malee, bakki ajjeechan kun itti raawwate magaala Naqamtee irraa gara km 15 akka fagaatu dubbatu.

Guyyaa taateen kun raawwate waaree booda bilbilaan obboleessi isaa ''qaama 'Faannoo' jedhamaniin wareegameera'' jedhanii akka itti himan ibsa Sureefel kan obbooleessi taatee kanaan jalaa ajjeeffame.

Suraafel warra ajjeechaa kana irraa lubbuun hafan irraa akkka odeeffanne jedhanitti, ''namoonni ajjeechaa raawwatan kan afaan Amaariffaa dubbataniifi konkolaataa mootummaatiin dhufan'' jedhame itti himamu BBCtti hime.

Kana malees erga ajjeechaa amantoota waaqeeffannaarra turan kanneenii raawwatanii boodas wanta kiisii isaanii keessa ture kan akka maallaqaafi mobaayila fudhatanii akka deeman dhagahu dubbata Suraafel.

Naannoo sana rakkoo nageenyaa akka hin jirreefi wanti akkasiis mudatees akka hin beekne kan himu Suraafel, “namoonni ajjeeffaman kunneen afaan Amaaraamalee hin beekan. Osoo qaamni nageenyaafi milishaan agarsiisuu baatee bakka sana beekaniiyyu hin dhufan tures,” jechuun haala ture ibsa.

Bakka sana qaamni hidhate biraan akka hin jirree fi mootummaan bulchaa akka jiru kan dubbatu obboleessi gaggeessaa waldaa ajjeefame kanaa, ''erga wanti kun raawwateen boodas qaabmni mootummaa tokkollee maal taatan jedhee kan maatiifi firoota miidhamtootaa gaafate hin jiru'' jechuun komata.