Waldaan warra wangeelaa waraana Itoophiyaa keessatti 'qooda irraa eegamu hin baane' - Ogeeyyii

Madda suuraa, Dr Adiriiw De koortiifi Dr Naa'ol Bafiqaaduu
- Barreessaa, Galaanaa Balaay
- Gahee, BBC Afaan Oromoo
Waraana waliinii Itoophiyaa ji'oota 15 ol lakkoofsise keessatti Waldaan Warra Wangeelaa dirqama irraa eegamu hin baahanne jedhan ogeeyyiin barnoota sirna amantaa (theology).
Barsiistonni amantaa fi faarfattoonni tokko tokko qaama tokkorra goruun isa kaan yoo balaaleffatan, walii isaaniis yoo arrabsan marsaalee hawaasaa irratti ijoo dubbii ta'ee ture.
Waraana gochoonni gara jabinaa hedduun irratti raawwataman akkanaa keessatti qoodni mana amantaa maal ta'uu qaba ture? Wanti ji'oota 15 darban mul'achaa turewoo maal fakkaata? jennee ogeeyyii sirna amantaa dubbifneerra.
Dr Andiriiw De Koort barsiisaa sirna amantiiti. Itoophiyaa keessatti sirna amantaa barsiisuun cinaatti dhaabbata obbolummaafi waliif jiraachuu jabeessu ''Baalenjeraayee'' jedhu hundeessanii socho'u.
Wayita waraanaa fi jeequmsaa Kiristaanonni duudhaalee Yesuus Kiristoos hawaasa keessatti agarsiise calaqqisiisuu qabuu jedhu Dr Adriiw.
Duudhaalee kana keessaa ''inni tokko warra miidhame, warra saaxilamoo kan akka daa'immanii, warra fayyaa sammuu hin qabnee fi kaaniif dursa kennuudha.
"Kan lammataa nagaa fi araaraaf dhaabbachuudha, kan sadaffaa wal-jaalachuu fi nama isa biraa diinomfachuu dhiisuudha,'' jedhan.
Duudhaalee bu'uuraa tarreessan kana fakkeenya macaafa qulquulluu keessa jiruun kan ibsan ogeessi kun, bu'uura kanaan gochoota manneen amantaa fi namoota amantaa warra wangeelaa keessa jiran yoo laallu dubbichi ''baay'ee walxaxaa turee'' jedhu.
Ogeessi fayyaa fi barsiisaan qorannoo amantaa (theology) Dr Naa'ool Bafiqaaduu kan dhimma amantaa fi siyaasaa irratti miidiyaalee adda addaarratti barreessuun beekamus akkuma Dr Adiriiw, ergamni dhaabilee amantaa Waaqa ofii jaalachuu fi isaaf sagaduu akkasumas nama isa kan biraa akka ofiitti jaalachuudha jedha.
Hariiroo namaa fi Waaqa gidduu jiru jabeessuurratti wanti jiru gaarii ta'us namni walii isaa gidduu jaalallii fi walii yaaduu akka jiraatu wanti Kitaabni Qulqulluu gorsu seenaa mana amantaa kanaa keessatti gaarii akka hin turree fi inumaayyuu amma ammoo akka malee dadhabuu hima Dr Naa'ool.
Qormaatni guddaan manneen amantaa fi miseensota bira jiru ''ilaalcha Waaqni gama keenyaan jira, Waaqni aanga'oota keenya waliin jira, Waaqni ilaalcha siyaasaa fi eenyummaa keenya waliin jira, wanti goonu martuu Waaqaan kan eebbifameedha kan jedhudhaa'' jedhu Dr Adiriiw.
Haata'u malee fedhi Waaqaa kan gareen kun jedhuun faallaa warra jiranitti siiquu, waliin nyaachuu, obboloota godhachuu ta'uu malaa jedhu.


Luba Guddinaa Tumsaa ergama Waaqayyoo keessaa isa wangeela handaara lafaa maraan gahuu jedhuun cinaatti warra miidhaman, warra dagatamanii fi warra cunqurfamaniif dhaabachuun duudhaa barsiisa amantaa kanaa guutuun aarsaa lubbuu kaffaluu Dr Adriiwi fi Dr Naa'ool akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
''Haata'u malee ejjennoo fi gochi tokkummaa waldaalee warra wangeelaa kan aniis miseensa itti ta'ee, waraana kanaan walqabatee agarsiisaa jiran jireenya koo keessatti yeroo jilba koo buusedha'' jedha Dr. Naa'ool.
MM Abiy Ahimad gara aangootti erga dhufanii Manni Maree Amantoota warra Wangeelaa Itoophiyaa paarlaamaan raggaasifamee hundaa'uu kan himu Dr Naa'ool bilisummaa guddaa goonfachiisus kufaatii Waldaalee Kirsataanaa ta'eera jedhee akka amanu dubbata.
''Bara kufaatii mana amantaa Kirsitaanaa keessa jirra jedheen amana'' kan jedhu ogeessi kun hooggansi mana maree kana ilaalcha siyaasaa dhaaba biyya bulchuun qabamuun sababa isa tokkoo jedha.
''Gochi kun ergaa kitaaba qulqulluun faallaadha. Waldaa bara Guddinaa Tumsaa kan warra miidhamaniif, hiyyeeyyiif dhaabachaa turte bakka isheetii akka gadi buutu, ergama ishee dhiiftee isa qaama waldaas warra kaanis callisiisuuf aboo qabu wajjin akka michoomtu, warra miidhameefis sagalee akka hin taane godheera'' jedha.
Qaamni Waldaa warra wangeelaa kamuu wagga tokkofi ji'oota shanan darban waa'ee waraana kanaa ilaalchisee ibsa baase hin qabu kan jedhu Dr. Naa'ool, kun akkaan nama gaddisiisaa jedha.
Wangeela Badhaadhinaa (Prosperity Gospel)
Dr. Naa'ooliifi Dr Adiriiw barsiifni Prosperity Gospel (wangeela Badhaadhinaa) rakkoo amma manneen amantaa warra wangeelaa keessa jiraniif gahee mataa isaa qabaa jedhu.
Barsiifni haaraan amantii piroteestaantii keessatti keessumaa Afrikaa keessatti babal'achaa jiru kun yaada ''yoo Waaqatti amante fayyaa argatta, ni sooromta, injifannoos qabaatta jedhu' dhaa jedhu Dr. Adriiw.
Kun ammoo nama Waaqa walin hariiroo jabaa qabu kanneen akka lubaa fi raajii waliin hariiroo cimsachuu, maallaqaa fi amantaa guutuun itti dhiyaachuu gaafata jedhu.
Barsiifni kun maqaa Waqaatiin wanta gaarii barbaadde mara maqaa yoo dhoofte ni argatta kan jedhu ta'uufi ilaalcha mo'achuu fi sooromuu kan yaada dhaabni MM Abiy Ahimad, Badhaadhinni, leellisuun kan walfakkaatu ta'uu Dr Naa'ool ni dubbata.
Barsiifni kun amantootatti abdii kan horu ta'us, amantootni dandeettii waa xiinxalanii hubachuu, gaaffii sirrii ta'e kaasuu fi rakkooleef filannoowwan biroo dhiyeessuu quucarsaa jedhu.
Ilaalcha akkaan dabalaa dhufe kana keessatti ''namni yaada furmaataa haaraa fi gaaffii kaasu akka gantuufi nama eergama addaa qabuutti ilaalama'' jedhu Dr Adiriiw.
Dr. Naa'ool ''sababni waraana kana ilaalchisee mana amantaa warra wangeelaa keessatti sagaleen nagaa fi araaraa dhagaahamuu kan dhabeef ilaalchi wangeela badhaadhinaa warra hubatoo ta'aniifi gaffii barbaachisoo gaafatan waan callisiiseefi'' jedha.
Wangeelli Badhaadhinaa(Prosperity Gospel) ''ilaalcha waloo tokko kan tole jechuufi yaada mormuu dhiisuurratti hundaa'e'' waan ijaaruuf hawaasa isa rakkate, isa cunqurfameefi isa miidhame ilaaluun qaqqabuufi sagalee ta'uufiin safuu ta'aa jedhu Dr Adiriiw.
Yaadni kun Itoophiyaa keessatti gama amantaan qofa osoo hin taane jiruufi jireenya uummataa gama hedduun qabachaa waan jiruuf tarkaanfii fi ejjannoo hawaasa kiristaanaarratti dhiibbaa gochuun isaa waraana kana keessatti hawaasni amantaa kanaa waan irraa eegamu akka hin baane gochuu keessatti qooda qabaachuus kaasu.
Lallabni dhaaba biyya bulchuu dhugaa lafarra jiruun cinaatti dubbiiwwan nama hamilchiisan, kan gariin qabatamaan hin jirre ta'uun lallaba wangeela badhaadhinaan walfakkaata kan jedhu Dr Naa'ol, barsiisonni wangeela badhaadhinaa beekamoon ''bulchiinsa MM Abiy qeequun amantii kana mataa isaa akka qeequuti'' jedhanii sadarkaa dubbachuurra gahuu isaanii ragaan deeggaree ibsa Dr Naa'ol.
Barsiisonni amantaa yaada amma aadeffamaa jiru kana dura dhaabbatan akka callisan godhamee raajonniifi lubootni wangeela Badhaadhinaa leellisan dhiibbaafi olaantummaa argachaa jirus jedha.
Macaafa qulqulluu keessatti sabni mootummaa isaaf akka ajajamuufi akka bitamu barreeffamee jiraachuun ammoo akka hin taanetti hubatamee ykn hiikameera jedhaniis amanu barsiisonni sirna amantaa kun lameen.
Macaafa qulqulluu keessatti bakka biroo hedduutti isa miidhame, isa rakkattee fi cunqurfameef dhaabachuufi dubbachuunis barreefameeraa jedhuun luqqisiiwwan kitaaba qulqulluu keessa jiran akka fakkeenyaatti kaasu.
Dr Adiriiw waggaa lama dura barnoota (public lecture) Finfinneetti kennanii turaniin bu'uurawwan barsiisa amantaa sadii(state theology) kan aanga'oota siyaasaatti maxxanuu leellisu, barsiisa waldaalee(church theology) kan dhuunfaan soomuu fi kadhachuu akkasumas abdii Waaqayyo gidduu ni gala jedhurratti xiyyeefatuu fi kan sadaffaa barsiisa akka fedha Waaqayyootti namaaf tola gochuu irratti xiyyeefatuudha.
Qorannoo gaggeessaniin barsiisonni ''state theology fi Church theology'' Itoophiyaa keessatti akkaan guddachaa jiraachuu hubachuu himan.
Barsiisa akka fedha Waaqayyootti namaaf tolaa gochuu, cunqursaa fi haqa maleessummaa dura dhaabachuun ammoo gama waldaalee kiristaanaa pirootestaantiin laafaa ta'uu dubbatan.
"Sagaleen keenya jabaatee hin dhagaahamne"

Madda suuraa, Tsaadiquu Abdoo
Walitti qabaa Tokkummaa waldaa Amantoota warra Wangeelaa Itoophiyaa kan ta'an paastar Tsaadiquu Abdoo gahee dhaabni amantaa kun yeroo waraana qabu irratti yaadoliin haaraan Macaafa qulqulluu bu'uureffatan jiraatanis inni ijoon "shoora gidduu galuun araara buusuuf qabudha" jedhu.
"Kakuu moofaa keessatti qulqulloonni yeroo dheekkamsi jiru, waraanni ala jiru dhumaatiin akka hin mudanne gidduugaluun shoora jaarsumma taphatu" jedhan.
Garuummoo jalqabumayyuu waraanni akka hin jiraanne barsiisuun ni barbaachisa jedhu paastar Tsaadiquun.
Hirmaannaan amantoota warra wangeelaa waraana keessatti jiraatu akkuma gosa waraanichaa gargar ta'uu kan ibsan namni amantii kun, wayita weeraraa fi haqaaf falmachuu gaheen isaanii fuula duratti bahanii hanga loluu akka ture fakkeenya kaasuun dubbatu.
Haata'u malee waraana waliini amma Itoophiyaa keessatti mudate ilaalchisee yoo dubbatan, dhangala'uun dhiigaa akka hin mudanne barsiisuu fi dhiibbaa gochuutu eegamaa jedhan.
Macaafa qulqulluu keessatti bakki maddi lolaa/waraanaa maali? jedhamee gaafatame jiraachuu himanii cunqursuu, gama adda addaan irra aanuuf waraanni godhamu haqa waan hin taaneef mormuu fi waraanicha hambisuuf, darbees dhugaadhaaf dhaabachuutu barsiifama jedhan.
Komiiwwan waldaaleen warra wangeela Itoophiyaa keessa jiran waraana waliinii Itoophiyaa kana dhaabsisuuf gahee irraa eegame hin baane jedhan irratti deebii yoo kennan, akka dhuunfaattis ta'u akka dura taa'aa amantoota warra wangeelaatti waraanichi eegaluu duraa qabee mariin rakkoon akka furamu gaafachaa turuu paastar Tsaadiquun himaniiru.
"Waggaa afur shan dura waa'ee kanaa dubbachaa, barsiisaan ture. Dhiigni dhiiga waama, haaloon haaloo biraa fidaa dhaabachuu qaba jedhee yeroo lolli kun eegalus dubbadheera" jedhan.
"Tattaaffiin hin godhamne kan jedhu sirrii miti. Ibsayyuu baafneerra. Haata'u malee baay'yina keenyaa fi guddina rakkoo saniin yoo laalamu gahaa hin turre kan jedhu fudhatama qabaa" jedhan.
Waldaaleen amantoota wangeelaa hedduu ta'uu isaaniirraa kan ka'e akkasumas muuxannoo dhiibbaa mootummootni darban amanticharraan gahan irraa kana ka'ee fi sababoota biroon "sagaleen keenya jabaatee hin dhagaahamne" jedhan.
Gara jalqabaa yaada araara kaasuufi dubbachuun gartuu waraana keessa jiran keessaa isa tokkoof akka looguutti ilaalamaa turuun isaas haala rakkisaa uumuu ibsaniiru.
Garaagartummaan ilaalchaa fi deeggarsi amantoota warra wangeelaa gidduu gama hundaan mul'atu jiraachuus himaniiru.
Haala amma jiruun Marii biyyaalessaa amma gaggeeffamuuf jiru milkeessuu keessatti gaheen isaanii guddaa ta'uu fi mariin kun hunda hammatee akka milkaahu gahee isaanii taphachuun akka irra jiru himaniiru.
"Kana akka barnootaatti fudhannee wanni akkanaa lammata biyya kanatti akka hin uumamne uummata barsiisuu qabna. Mariin kunis siyaasaaf qofa ta'uu hin qabu. Paarlaamaarrattis dubbadheera. Onneerraa ta'uu qaba.
"Kaayyoon isaas ifa ta'uu qaba. Adda addummaa keenya kabajnee haala waliin jiraanurratti hojjechuu qabna" jedhu paastar Tsaadiquun.
'Maaltu ta'uu qaba?'
Ogeeyyiin lameen waldaaleen warra wangeela Itoophiyaa dhimma afuuraa kadhachuu, namoota wangeela barsiisuufi hordoftoota wangeela Waaqayyoo gochuurratti akkuma jabaatan, hanqina gama jaalala obbolummaa, miidhamaa fi rakkataa, cunqurfamaafi isa sagalee hin qabneef dubbachuurratti gochaan agarsiisuutti jabaachuu qabuu jedhu.
''Dhugaa macaafa qulqulluu keessatti barreeffame irra deebinee argachuutu nurra jira'' jedhu Dr Adiriiw.
Gaaffii siyaasni keessa jirru miidhaa geessisaa jiraa, nama shorokeessaa jiraa, hammeenyaa fi badii jajjabeessaa?'' jedhu gaafachuunis ni barbaachisa jedhu.
Dr Naa'ool gama isaan namootni amantii siyaasa keesatti gahee qabaachuun isaanii rakkoo hin qabuu jechuun, wanti xiyyeeffannoon itti kennamuu qabu garuu duudhaaleen barsiisawwan amantaa irratti bu'uureffaman nama isa kan biroo akka ofiitti jaalachuu, badaa sirra akka gahu hin feene nama biraarraan gahuurraa of eeguu fi isa cunqurfamaaf dhaabachuurraa gadi bu'uun irra hin jiraatuu jedha.
Itti dabaluunis ''Manni Maree Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa keessoo isaa gama siyaaasaa, gama afuuraa fi sirna amantaan ilaaluun of sirreessuun irra jiraataa'' jedha.
Itti dabaluunis dhaabbileen amantaa wayita jeequmsaafi rakkoo nageenyaa akkamiin tajaajiluutu irra jira maaltu irraa eegama kan jedhu bu'uura kitaaba qulqulluurratti hundaa'uun barnootnii fi leenjiiwwan qophaa'uu qabuu jedha.
''Sagalee araaraa fi nagaa hooggantoota fi waldaalee kiristaanaa keessaa dhagahuu dhabne, sadarkaa ciminaa lubni Guddinaa Tumsaa bara rakkisaa keessatti agarsiisan arguu dhabuun kun yaadan amma dura eereen sirrachuu danda'a'' jedha Dr Naa'ol.












