MM Abiy Ahimadfi Abdulfattaa al-Siisin dhimma hidha Abbayyaarratti mariin akka eegalu walii galan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimma hidha Abbayyaa akkasumas rakkoo biyya ollaa Sudaan keessa adeemaa jiru irratti Kaayiroo keessatti pirezidantii Masrii Abdal Fattaah al-Sisii waliin mari’atan.

Bulchaan Itoophiyaa marii dhimma Sudaan irratti Masrii qophaa’erratti hirmaachuuf guyyaa Roobii gara Kaayiroo imalaniiru.

Hoggantoonni lamaan dhimma hidha Abbayyaa, rakkoo Sudaan akkasumas hariiroo lameenii irratti mari’achuu Rooyitars Waajjira Pirezidantii Masrii waabeffachuun gabaase.

Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaas hooggantoonni lamaan wal arganii dhimma ‘’waloofi naannichaa’’ irratti mari’achuu ibseera.

Itoophiyaafi Masriin keessumaa hidha bishaanii laga guddicha Abbayyaarratti Itoophiyaan ijaaraa jirtuun hariiroon isaanii muddama seeneera.

Gaggeessitoonni biyyoota lamaanii dhimma hidha Abbayaa Itoophiyaan ijaaraa jirturratti mariin deebi'ee akka eegaluuf walii galaniiru.

MM Abiyfi Pirezidaant al-Siisin marii gaggeessan kanaan dhimma hidha Abbayaa bishanaiin guutuu irratti wal hubannoorra gahuuf waliigalaniiru. Kanaanis ji'a afur keessatti waliigalteen akka xumuramus walii galaniiru.

Biyyoonni lamaan Sudaan daangessan rakkoon biyya ollaa isaanii keessa jiru akka furmaata argatu gama ofiin carraaqaa turan.

Jalqaba torban kana walgahiin Walta’insa Misoomaa Biyyoota Gaanfa Afrikaa (IGAD) Finfinnee keessatti taasifame humni nagaa kabachiisu gama Sudaan akka ergamu yaada dhihesseera.

Guyyaa Kamisaa immoo mariin biraa Masriidhaan qophaa’eefi ‘’walgahii biyyoota ollaa Sudaan’’ jedhame Kaayirootti ni gaggeeffama.

Marii kana irratti walitti bu’iinsi Sudaan keessaafi dhiibbaa biyyoota ollaa irratti qabu karaatti dhaabatuu danda’u furuuf qaamoleen adda addaa marii gaggeessu.

Ministirri Muummee Abiy Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii waliin Kaayirootti wal arguu Ministirri Odeeffannoo Ertiraa ibseera.

Pirezidant Isaayyaas kan walgahii IGAD Finfinnee taasifame irratti hin hirmanne Roobii ture gara Kaayiroo kan imalan.

Bulchaan Itoophiyaa Pirezidant Al-Sisii waliin Kaayiroo keessa yeroo wal argan yeroo dheeraa booda yeroo duraatiifi.

Akkuma waggoota shan dura aangotti bahaniin biyyattii daawwatanii turan.

Itoophiyaan osoo Masriin waliigalteerra osoo hin gahamiin hidhi gama Lixa Itoophiyaa ijaaramaa jiru bishaan guutamu hin qabu jettus Itoophiyaan marsaa sadiif bishaan guutteetti.

Waggaa dura eegalee immoo humna elektirikii maddisiisaa jira.

Baranas yeroo afraffaaf akka guutuuf jettu bulchaan Itoophiyaa dhihoo parlaamaa yeroo dhihaatan himaniiru.

Mariin hidha Abbayyaa irratti taasifamu adda citeera. Itoophiyaan marii kanatti deebi’uf fedhii akka qabdu dhihoo ibsiteetti.

Masriin garuu osoo waliigalteerra hin gahamiin mariin adeemuu hin qabu jechuun durumaa gaafataa turte.

Dhimma hidha Abbayyaa irratti yeroo dheeraaf Itoophiyaa bira kan dhaabataa turte Sudaan, erga al-Bashiir aangoorraa ka’anii gara Masriitti caalsifachuun ishee ni yaadatama.