Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Masriin Liigii biyyoota Arabaatti fayyadamuun dhiibbaa taasisuuf jechuun Itoophiyaan himatte
Masriin Liigii biyyoota Arabaatti fayyadamuun dhiibbaa taasisuuf yaaliin taasisaa jirtu kan waliigaltee ulaagaalee fayyadama bishaan laga Abbayyaa irratti taasifame kan cabsuudha jechuun Itoophiyaan balaaleffatte.
Manni Maree Liigii Arabaa dhiheenya Itoophiyaan fayyadama Naayil irratti tarkaanfii qofaa fudhataa jirtu irraa akka of qusattuuf murtee dabarsuu hordofteeti Itoophiyaan deebii kennaa kan jirtu.
Yaa’iin hoggantoota biyyoota Arabaa ALI Caamsaa 11 murteen dabarse, kan mormii Masriin Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisuun dubbii barbaachaaf kaaftu kan cimse ta’uun Itoophiyaa gaddisiisuu ibsa baaseen himeera.
Ibsichi murteen liigichii dabarse kan qaamolee dhimma hidha guddichaa karaa nagaafi mariidhaan furuudhaaf yaalaa jiran Gamtaa Afriikaa fi biyyoota miseensaa tuffateedha jedheera.
Akkasumas kan michummaafi seenaa Afriikaafi biyyoonni Arabaa qooddatan faalleessuudhas jedheera.
Dureewwan biyyoota Arabaa yaa’ii Jiddaa keesstti taa’aniin, dhimma Hidha Guddicha Abbayyaa dabalatee dhimmoota biroo irratti murtee dabarsuun isaanii gabaafameera.
Liigichi nageenyi bishaan Masriifi Sudaan nageenya bishaan Arabaa ta’uu ibsuun, tarkaanfii mirga biyyoonni kunneen bishaanirratti qaban tuqu kamuu kufaa taasiseera.
Bishaaniin guutuufi hojiin hidha Haaroomsa Guddicha Itoophiyaa haala qofaa ta’een raawwatamunsaa itti fufuun yaaddoo akka itti uumee kan ibse liigichi, kan dambiiwwan idil-addunyaa mormuufi kan faayidaa bishaan Masriifi Sudaan miidhuudha jedheera.
Hidhichi bishaaniin guutuunis ta’e hojiinsaa osoo waliigaltee dirqisiisaa irra hin gahamne qofaatti tarkaanfii fudhatamu irraa akka of qusatamus akeekkachiseera.
Itoophiyaan gama isheetiin ijaarsi hidha guddichaa raawwataa jirtu haaluma waliigaltee walta’insa biyyoota sadanii bara 2015tti taasifamee kan hordofeedha jechuun ibsiti.
Hanga bishaaniin guutuu hidhichaafi tarreewwan gadi fageenyaa gara biraa ilaalchisee oggeessoonni biyyoota sadani waliigalteerra gahusaanii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa isaatiin eereera.
Adeemsa kanarraa addatti Itoophiyaan sodaa Masiriifi Sudaan keessummeessun karaa isheetin hojjataa akka jirtus ibsameera. Itoophiyaan bishaan Naayil bifa haqa qabeessan itti fayyadamuuf qajeeltoo itti walii galame kabajuun akka itti fuftus ibsameera.
Kanan wal-qabatee Itoophiyaan qophaa ishee deemaa jirti kan jedhu himata itti yaadamee dhiyaate ta’uus lafa kaa’a.
Hidha Guddicha Abbayaa dabalatee dhimmoota biroo irratti Itoophiyaan Masirii wajjin walitti dhiyeenyan akka hojjattuks ibsameera.
Masiriin dhimmicha hammeessuf tattaaffii taasistu mormuun akeekkachiisuu isaanif miseensota Liigii Arabaa Itoophiyaan ni galateeffatti Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa.
Keessumaa miseensonni Liigii Arabaa Afrikaa irraa ta’an murticha irraa akka of fageessan ittan amana jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.
Masiriin Liigicha akka hin taanetti itti fayyadamuu kan itti fuftu yoo ta’e michummaa Afrikaafi Liigii Arabaarratti miidhaa waan fiduuf kana ittisuu akka qaban Itoophiyaan biyyoota kanaaf ergaa dabarsiteetti.
Masiriin dhimma laga Abbaayaa olaantummaan to’achuun fedhii ishee kabachiisuu akka dhaabdu akkasumas gaaffii hin malle akka dhaabdufi walii galtee bara gita bittaa dhiistee garaa qajeelan marii hunda fayyadutti akka seentu Itoophiyaan waamicha dhiyeessiteetti.
Liigiin Arabaa murtee dabarseen, Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimmicha karaa nagaan akka furuufi itti gaafatamummaa isaa akka bahu jedheera. Dhimmichi hanga furmaata waaraa argatuttis ajandaa marii mana maree Liigii Arabaa ta’ee akka itti fufus murtaa’era.
Hidhi Guddichi Itoophiyaan ijaaraa jirtu Masirii, Sudaanifi Itoophiyaa gidduutti falmii erga uumee bubbuleera.
Bishaan laga Naayil harki 85 Itoophiyaarraa waan madduuf Itoophiyaan misoomaf itti fayyadamuuf mirgan qaba jettee ijaarsa hidha guddichaa itti fufteetti. Masiriifi Sudaan ammoo hanga bishaan dur argannu nu jalaa hir’isuun balaarra nu buusa jechuun sodaa qaban ibsu.
Dhimmi kun yeroo garaa garaatti ajandaa Gamtaa Afrikaa (AU), UN, Liigii Arabaa, fi biyyoota lixaa ta’ee ture. Itoophiyaan garuu ijaarsa isaafi bishaan guutuu itti fufteetti.