Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Korri waliigalaa Qulqulluu Sinodoosii Ortodooks Tewaahidoo Itoophiyaa waliigalteen xumurame
Korri Qulqulluu Siinodosii Ortodoksi Tewaahidoo Itoophiyaa waliigalaa gaggeeffamaa ture muudama phaaphaasotaa irratti waliigaluun xumurame.
Hangafni phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Kibba Lixaa fi Barreessaa Olaanaa Qulqulluu Sinodoosii Ortodoksii Itoophiyaa, Abbaa Saawiroos, BBCtti akka himanitti, Oromiyaa irraa phaaphaasotni torba, Naannoo Kibbaa irraa namootni lama akka muudaman waliigaluun korichi xumurame.
Muudama kana raawwachuuf koreen dhaabbachuu kan himan Abbaa Saawiroos Adoolessa sagal bara 2015 A.L.I muudamichi raawwata jedhan.
''Nama lama goonee dhiyeesSina isaan keessaa nama tokko muudu jechuudha,'' jedhan Abbaa Saawiroos.
Naannoo Oromiyaa keessaa bakka abbootiin hin Jirre dhiyyeeffadhaa jedhamuu dubbatu.
‘’Ammaaf bakka qullaa torba arganne. Bakka kaan kan akka Jimmaa fa’aa abbootiin jiru. Warra duraan achi jiraaniifiyyuu rakkanne,’’ jedhan.
‘’Kana dura bakka ministirri muummee jiranitti kan waliigalle namootni 15 akka muudamanidha. Iddoon hin jiru. Ammaaf ni gaha. Fuulduratti ammoo ni muudamu jedhan. Falmii guddaa gooneeti kanarras kan geenye,’’ jedhan.
Abbaa Saawiroosiif gaaffii afaan ofiin barsiisuu kana dura naannoo Oromiyaa keessa dhiyaataa tureef ‘’muudamni kun qofaan waan deebisu miti’’ jedhan.
Kolleejjotni dhimma amantaa barsiisan Afaan Oromoon akka banamanii fi meeshaaleen barnootaa Afaan Oromootti hiikamuun qophaa’uu qabu jedhamuun gaaffii kana dura dhiyaachaa ture ilaalchisee, qorannoon gaggeeffamee Onkoloolessa bara 2016 keessa akka dhiyaatu waliigaluu himan.
‘’Kolleejiin kun eessatti banama, akkamiin hojjeta kan jedhu Onkoloolessa keessa haa dhiyaatu jedhamuus himaniiru.
Kana dura ‘’Siinodosii Oromiyaa fi Sabaaf Sab-lammootaa’’ jedhamuun gareen hundaa’e abbootii amantaa muudee ture.
Erga wal dhabdeen mana amantichaa keessatti mudatee marii nagaan furamee sinodosiin kun akka hin jiraanne Qulqulluu Sinodosiin Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa beeksifteetti.
Abbaa Saawiroos ‘’namootni kana dura muudaman naannoo Amboo, Asallaa, Adaamaa fi Jimmaa fa’aa hin tuqaman, achuma jiru. Osoo isaan ka’an immoo bakki barbaannu, 20 ol taha ture, achumatti itti fufu,’’ jedhan.
Korri waliigalaa Qulqulluu Sinodosii Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa miilanaa waliigalteen xumurame
Qulqulluu Sinodosii Tewaahidoo Itoophiyaa gaaffii mirga tajaajila afuuraa afaan keenyaan argachuu nuuf deebisuu hin dandeenye jechuun abbootiin amantaa naannoo Oromiyaa irraa mormii kaasaa turan.
Dhimmi kun jabaachaa dhufuun hanga Sinodosii Oromiyaa fi Sabaaf Sab-lammootaa hundeessuutti isaan geesisee ture.
Haa tahu malee, bakka MM Itoophiyaa Abiy Ahimed jiranitti marii gaggeeffameen kora waliigalaa Qulqulluu Sinodosii irratti gaaffiiwwan ka’aniif deebii kennuun akka dubbichi qabbanaa’u tahe.
Qulqulluu Sinodosii Itoophiyaas murtee abbootii amantaa naannoo Oromiyaa fudhatan mormitee ture.
Abbaa Saawiroos akka jedhanitti gaaffii kana dura kaasaa turan tarkaanfii amma fudhatame qofaan kan hin deebine tahuu himuun adeemsa keessa kan deebii argatan tahuu BBCtti himaniiru.