Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qulqulluun Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii yaa'ii atattamaa eegaluuf
Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti aangoo olaanaa kan qabu Qulqulluun Sinoodoosii yaa'ii atattamaa taa'uuf guyyaa Roobii waaree booda sirna kadhannaa eegale.
Yaa'iin kuni erga Phaaphaasoonni Duree mana amantichaa addatti beekkamtii Mana Kiristaanaa malee phaaphaasota haaraa muuduu beeksisan booda kan waamamedha.
Paatiriyaarkiin mana kiristaanichaa Abuuna Maatiyaas adeemsa kana mormuun yaa’ii atattamaa akka taasifamu gaafa Dilbataa waamicha dabarsani.
‘’Walgahiin Qulqulluu Sinodosii yeroo eegalu yeroo hunda akkuma taasifamu sa’aatii 10 [Roobii] eegalee sagantaan kadhannaa ni jira,’’ jedhan dureen amantii mana kiristaanichaa ibsa kennaniin.
Walgahiin atattamaa guyyaa Kamisaa jalqabaa jedhamee abdatame.
Dabalataan Manni Kiristaanaa Roobii eegalee guyyoota sadiif hordoftoonni amantichaa kadhannaan akka dabarsan labsuu ishee beeksisteetti.
Gama kaaniin Barreessaa Olaanaa Qulqulluu Sinodoosii fi Paaphaasii Duree Kutaa Lallaba Biyyaa Niiw Yoork kan ta'an Abuuna Pheexiroos (PhD) humnooti poolisii 'kaafamuu' ibsani.
''Sababni isaa maaliif akka ta'e hin beekamu poolisonni kunneen kaafamaniiru. Kuni mootummaa waan ilaallatuuf ….nagaa akka kabachiiftan maqaa Mana Kiristaanaan ibsina,'' jedhan.
Haa ta'u malee, bakki kaafaman jedhame ifa miti.
Dhimma kana BBC'n kan gaafataman Dubbii Himaan Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Komaandar Maarqos Taaddasaa duruu eegumsi hin turre jedhan.
Ta'us, yaaddoon nageenyaa yoo jiraate eegumsi akka taasifamu ibsan.
Yaa'iin Qulqulluu Sinodosii kuni murtee hiree fuula duraa mana amantii ijoo biyyattiirratti dhiibbaa fiduu malu dabarsa jedhamee eegama.
Sochiin kuni mana amantii lamatti hiruu mala jedhanii yaaddoo kan ibsaniis jiru.
Phaaphaasiin Duree Kutaa Lallaba Biyyaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Abuuna Saawiroosiifi abbootii buleewwan lama biroo gaafa Dilbataa ture hoogganoota amantaa haaraa 'muuduu' kan beeksisan.
Sababas yoo ibsan Qulqulluun Sinoodosii amma jiru 'hunda galeessa miti', gaaffii ummati afaan dhaloota isaan akka baratu gaafataa ture 'deebisuu hin dandeenye' jechuun ibsani.
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa garuu taaten kun haleellaa mana kiristaaniirratti xiyyeeffateedha jechuun balaaleffatte.
''Waanti ta'e kuni waanta Qulqulluu Sinodosii hin beeknefi itti hin yaannedha,'' jechuun Abuuna Maatiyaas morman.
Sochii kuni hordoftoota amantichaafi kaan lamatti hireera.
''Kadhannaafi obsaan eegaa'' jechuun Abuuna Phexiroos hordoftoota amantichaaf ergaa dabarsan.
Akka ittiin bulmaata mana kiristaanaatti aangoo oolaanaa kana kan qabu Qulqulluu Sinodosiidha. Aabbooti amantaa muudama raawwatan garuu 'sirna mana amantaa hordofanii raawwachuu' ibsani.
Yaa'ii atattamaa kana irratti Abuuna Saawiroosiifi kaan hirmaatuun isaanii hin beekamu.
Kana dura Manni Kiristaanaa ibsaa turte naannoo guddicha biyyattii Oromiyaa keessa dabalatee lakkoofsi hordoftoota amantichaa xiqqaataa jira.
Kanaaf sababoota eeraman keessaa tokko ummanni afaan dhaloota isaan barsiifamaa hin jiru kan jedhudha.
Waggoota lama dura rakkoo kana furuuf kan kaayyeffate 'Manni Lubummaa Oromiyaa', akka hundaa'u abbootii amantaadhuma muraasaan sochiin taasifamaa ture.
Ta'us sochii kana Manni Kiristaanaa Ortodoksii mormitee turte.
Boodarra mariin Qulqulluu Sinoodosii waliin erga taasifame booda 'waliigalteerra gahamuu' ibsamee ture.
Haa ta'u malee, waliigaltee ibsame booda koreen qoratu biraa hundaa'e gaaffii deebisa jedhamus gaaffileen hin deebine jechuun aabbootiin amantii tarkaanfii kana fudhachuu ibsan.
Manni Kiristaanaa gama isheetiin ummanni afaan isaan akka baratu bakka leenjii dabalatee barsiisni akka taasifamaa jiru ibsiti.