Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bataskaana Ortodoksi Tawaahidootti Phaaphaasonni haaraa muudamuun maaliif deeggarsaafi mormii kaase?
Bataskaana Ortodoksiitti Dilbata darbe gaafa Amajjii 23 Phaaphaasonni haaran muudamuun isaanii dhagahamee ture. Kunis bakka abbootiin amantii gurguddoon argamanitti akka raawwateefi naannoo Oromiyaa dabalatee sabaafi sababaaf sab-lammoota garaa garaaf Phaaphaasonni 26 muudamuunis dhagahame.
Kana hordofee Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaafi caasaalee waldattii jala jiran dabalatee qaamoleen garaa garaa mormii isaanii dhageessisaa jiru.
Akkuma kana ammoo gaaffii bara dheeraa deebii argate akka ta'eefi tajaajila afaaniifi aadaa isaaniin nama isaaanitti dhiyaateefi isaan beekaniin argachuuf furmaata akka ta'e himuun 'baga gammaddan' waliin jechaa kan jiranis jiru.
Paatiraarkin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa ibsa Amajjii 23 kennaniin dabni mana amantaa irratti dalagamuu himuun Angafoonni Lubootaa ykn 'Liqa' Phaaphaasonni waldattiii biyya keessafi ala jiran kora ariifachiisadhaaf hatattamaan gara Finfinnee akka dhufan waamicha dabarsanii turan.
Haata'u garuu korri ariifachiisan yoom taa'amee dhimma muudama abbootii amantii kanarratti akka mariyatu ifa hin goone.
Kaayyon muudama phaaphaasotaa maalidha? Mormiin hoo maalif mudate? Ulaagaa seeraa maal guutee hundaa'e? gaaffilee jedhan irratti muudama gaggeeffame keessatti qindeessaa koree kan ta'e Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel Caalaa BBC waliin turtii taasiseera.
'Muudamni laatame gaaffii uummataa irraa kan maddeedha'
Muudama Phaaphaasota kanaaf sababni ijoon gaaffiin saboonnifi sab-lammoonni garaa garaa yeroo dheeraf afaaniifi aadaa isaaniitiin tajaajilamuuf gaafataa turan deebii dhabuu irraa akka ka'e dubbata Barsisaa Diyaaqon Daani'eel Caalaa.
"Uummata afaan garaa garaa dubbataniif abboonni haa muudaman gaaffii jedhutu ture.
Qulqulluu Sinodosiin garuu gaaffii kanaaf deebii laachuu hin dandeenye. Gaaffichi gaaffii baroota dheeradhaaf uummanni gaafataa tureedha," jedha Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel.
Akka qindeessan koree muudama haaraa taasifee kun jedhutti, hordoftoonni amantichaa afaan isaanitiin tajaajila mana amantichaatti kennamu waan hin arganneef namoonni miliyoonan lakkaa'aman waggoota muraasa darban keessatti mana amantichaa keessaa bahaniiru.
"Namni afaan beekuun, qooqa beekuun waan hin baranneef amantii isaa gadi dhiisera," jedha.
Amajjii 23 ibsa muudama Phaaphaasota haaraa ilaalchisee kennameen gaaffin uummataa waggoota 60 darbaniif gaafatamaa turus furmaata hin argatin akka hafe Angafa Lubaa Abuna Saawiros dubbatanii turan.
Itti dabaluunis, "Abbootin muudamni kennameef 26 dha. Sabaafi sab-lammoota garaa garaa keessaa kan walitti babahaniidhas.
Ammaaf kan arganne isaan kanadha, gara fuulduraatti ammoo [naannolee] akka Gambeellaa Benshaangul, Affaarifi Somaalee irraa namoota dhalattoota achii afaan saba isaanii beekan muuduf qophii qabna," jedhan Angafa Lubaa Abuna Saawiros ibsa karaa miidiyaa OBS kennaniin.
Gama biraan ammoo Paatiraarkin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas muudamni kenname Sinodosiin kan hin beekneefi fudhatama hin qabne ta'uu dubbatan.
Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel Caalaa garuu Sinodosiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa dhimma kana akka beeku dubbata. Kuni osoo hin ta'in dura irra deddeebin gaaffiin uummataa dhiyaataa akka ture hima.
'Uummanni maal fida, maqaa uummataatin nuun doorsisinaa nuun jedhan'
Murtee kanarra osoo hin gahin dura yeroo addaa addaatti uummanni afaanifi aadaa isaatin tajaajila mana amantichaa akka argatuuf gaaffin Sinodosii Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaatiif dhiyaatus deebii kennuu caalaa uummata tuffatanii akka dhiisan Angafa Lubaa Abuna Saawiroos Amajjii 23 ibsa karaa miidiyaa OBS kennaniin dubbatanii turan.
Gaaffii kana gaafachaa kan ture uummata Oromoo qofa osoo hin taane uummanni Kibbaas gaaffidhuma wal-fakkaataa gaafataa akka ture hima Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel.
Kanaaf ammoo sabaafi sab-lammoota uummatoota Kibbaa kan bakka bu'an Phaaphaasonni sagal muudamuun isaanis ibsameera.
Afaan ofiitin tajaajilamuu dhabuufi naannoo Oromiyaafi Kibba biyyattiitti tajaajiltoonni Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa harka 85 kan ta'an dhalattoota naannoo afaan saboota kanaa dubbatan osoo hin taane bakka biraa irraa kan dhufan ta'uunis dhimma ijoo furmaata dhabee ture ta'uu kaasanii turan Angafa Lubaa Abuna Saawiroos.
Barsiisaa Diyaaqon Daani'eelis uummanni "kan nuyi waaqessinu afaan nuti hin beekneni... wantuma isin jettan isin duuka jennee kufnee kaana malee wanta isin jettan takkaayyuu hin beeknu.
Amantaa jijjiirun keenya wanta isin jettan wanta hin dhageenyeef, wanta isaan jedhan gara dhageenyutti gara sanatti deemne," nuun jedhu
Haata'u garuu gaaffin uummataa kun xalayaaadhan koreen hundaa'ee si'a heddu gaafatamus, gaaffii sana deebisuu diduu bira darbee, "Uummanni maal fida, maqaa uummataatiin nu hin doorsisinaa," jechaa turan jedha.
Dabalataanis xalayaan gaafachuun alatti abbootin amantii muudama haaraa irratti hirmaatan kunneen qaama Sinodosii Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa gaafatanis hanga har'aatti deebii hin argatin akka hafan hima.
Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa gama isheetiin taateen uumame kun seeran alaafi daba mana amantichaa irratti hojjatamedha jechuun Phaaphaasonni haaraa muudaman naannoo itti muudamanitti amantoota biraa deeggarsi akka hin taasifamneef kan jedhu karaa fuula miidyaa amana amantichaa EOTC Broadcasting Service Agency jedhu irratti maxxanfamee jira.
Gama biraan ammoo naannoo Lallabaa Phaaphaasonni 26 irratti muudaman irraa xalayaan muudama kana mormu heddu fuula miidiyaa kanaa irratti maxxanfamee jira.
'Muudamni kan gaggeeffame ulaagaan hundi guuteeti'
Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel akka jedhutti, muudamni Phaaphaasotaa kun akkaataa seeraafi dambii, 'qanoonaa' fi seera 'Fita Nagastii' hunda guuteti kan raawwate.
"Akka seera, dambiifi Qanoonaa waldattiitti Phaaphaasii ykn abbootii amantii biroo muuduf Angafti Lubaa tokkoofi isaa ol jiraachuu qaba. Kun ammoo Angafoota Lubaa saditu ture.
"Angafoonni Lubaa sadii bakka jiranitti abbootin biroo muudamaniiru; kuni baruumsa mana Kiristaanati," jechuun muudamni gaggeeffame seeraafi dambii waldattii kan guute ta'uu ibse.
Gama biraan ammoo akkaataa Qanoonaa Bataskaana Ortodokosii Itoophiyaatti muudamni Phaaphaasota gaggeeffamuu kan qabu guyyaa Dilbataattidha.
Bifuma kanaan Phaaphaasonni 26 ta'an Amajjii 23 gaafa Dilbataa muudaman.