Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Amantii duudhaa ganamaa bu’uureffate galmaafi bakka awwaalchaa dhowwachuun qaaniidha'
Yeroo dhihoo as manneen dhuunfaa fi jaarmiyaalee adda addaa ''seeraan ala ijaaraman'' jechuun diiguun heddummaateera. Gochi akkanaa magaalaa Finfinnee fi magaalaa dhihoo hundaa'e- magaalaa Shaggar keessatti irra guddoo mul'ata.
Dhaabbileen amantii biyyattii jaarmiyaalee iddoon kadhannaa jalaa diigamuu himatan yoo ta'u, keessattuu hordoftoonni fi dureewwan amantii waaqeffannaa kanneen tibbana galmi jalaa diigamuu himatan keessaati.
Magaalaa Caancootti gaafa Caamsaa 15, 2023 qaamoleen nageenyaa mootummaa galma waaqeffannaa fi barjaawwan jalaa barbadeessuu, waaqeffattootas hidhuu dureewwan amantichaa ibsaniiru.
Manni Maree Waliigalaa dhimmoota Islaamummaas magaalaa Shaggar keessatti masjiidonni diigamuu fi yoo mootummaan tarkaanfii hatattamaa fudhatee hin sirreessine tarkaanfii akka fudhatu ibseera.
Naannawa Finfinneetti iddoon amantii ortodoksiis seeraan ala qabatame jedhamuun hedduun dhiheenya kana dhorkameera.
Komii galmaafi bakka awwaalchaa Waaqeffannaa
Obbo Lammaa Bahii duree Waldaa Hordoftoota Amantii Waaqeffannaati.
Magaalaa Caancoo Tulluu Buubaatti galmi amantii Waaqeffannaa Caamsaa 15, 2023 guyyaa Wiixataa galgala qaamolee nageenyaa mootummaan haleelamuu himan.
''Galgala sagantaa waaqeffannaa fi dabaree tika galmaarra namoota turan qaamni milishaa itti seenee reebuun namoota 19 hidhan. Sababni dhiheessan ifatti hin beekamu. Isin shaneedha, isin shakkine jedhu. Dhiibbaan jiru garuu amantiin Waaqeffannaa kun akka hin babal’anne gochuudha.''
Akka isaan jedhanitti namuma tokko lamatu aangoo da’oo godhachuun fi qabeenya qabutti fayyadamee galma diiguun namoota hiraarsa.
''Caancootti haala Kanaan galma waggaa sagal ture diigan. Qor-qalbii uummataa jeequuf jedhanii barjaalee fi suuraalee kukkutan.''
Obbo Lammaan guyyaa taateen kun mudaterraa eegalanii qaamolee mootummaa sadarkaan jiranitti xalayaadhaan iyyata galfachuu fi ergasiis namoota hidhaman gadhiisuurra kan darbe qabeenyi duraa barbadaa’e bakkatti akka hin deebine himan.
''Rakkoon kun mudatee bariitu isaa gaaffii keenya dhiheeffanne. Warri Godinarra jiran rakkoon kun maaliif akka mudate gaafachuu eegalan. Warri aanaas haalli kun dogoggoraan mudachuu ibsan. Namoot hidhan gadhiisan. Qabeenya fudhatames ni deebisna jedhan.''
Obbo Lammaan rakkoon akkanaa Sulultaa qofa osoo hin taane bakkeewwan garaagaraatti mudata jedhan.
''Fakeenyaaf Mogor Galmaa Malkaa Birratteetti 'isin shakkina' jechuun gaggeessitoota dabalatee namoota saddeet ji’a tokkoof hidhaniiru. Lafa tana humnaan namarraa fudhattan jedhan. Boodarrammoo odeeffannoo dogoggoraati jedhan.''
Harargee Bahaa, Sooddoo Daaccii fi iddoowwan afur caalanitti ji’a kana keessa galma Waaqeffannaa fi hordoftoota amantichaarra miidhaan ga’uus eeran.
Itoophiyaa keessatti dhaabbileen amantii maqaa amantichaan lafa seeraan ala humnaan qabatanii iddoo waaqeffannaa godhatu himati jedhu deddeebi’ee dhagahama, mootummaanis dhaabbilee amantii garii irratti wayita tarkaanfii fudhatu argaa turre.
Warri amantii Waaqeffannaa gaggeessanis himannaa kana keessatti wayita hammataman ni dhagahama.
Obbo Lammaan dhimma kanarratti akkas jedhu: ''Nuti magaalaa yookiin aanaa tokkotti galmaa fi iddoo awaalchaa wayita barbaannu karaa seera qabeessa ta’een dursinee gaafanna.''
''Nuti karaa seeraan alaa dhiisii karaa seeraatiinuu deemnee jiraachuun keenya gaaffii keessa jira. Yoo xiqqaate akkuma amantii warra kaaniitti qixa nu ilaalaa kan jedhuudha gaaffiin keenya. Nuti wayita lafti qonnaan bulaa keenyarraa fudhatamu qaama nutti dhagahamuudha malee qaama humnaan lafa saamu miti,'' jedhan.
Amantiin kaan iddoo waaqeffannaas bakka awwaalchaas ni argatu kan jedhan Obbo Lammaan kansaanii garuu iddoo waaqeffannaalee kadhannaan akka argatanii fi iddoo awwaalchaa ammoo argataniiyyuu akka hin beekne himan
Gareen amantii Waaqeffannaa baayyachuun dhiibbaa uume qabaa?
Obbo Lammaan jaarmiyaalee maqaa amantii Waaqeffannaan eeyyama qaban keessaa tokko kan ta’e Waldaa Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa kan jedhamu hoogganu.
Jaarmiyaan biraa maqaa amantii Kanaan eeyyama qabu Waldaa Amantii Waaqeffannaa Addunyaa jedhamu jiraachuu kan himan Obbo Lammiin, kun amantii keenya babal’isuurratti dhiibbaa uume hin qabu jedhan.
''Garaagarummaan eeyyamaa yoo jiraates lafarratti yookiin hawaasa keechatti miti. Taatus garaagarummaa akkaataa amantiirratti ta’a malee Waaqarratti miti,'' jedhan.
Faayidaa fi mirga amantiif heeraan kenname amantiin Waaqeffannaas akka argatuuf hojjenna kan jedhan Obbo Lammaan, ''ammatti amantiin kun jaarmiyaa qindaa’aa fi jabaa tokko waan hin qabneef gara sanatti deemuuf hunduu kara karaa yoo tumse dhibdee hin qabu,'' jedhan.
''Nuti guutuu Oromiyaatti galma Waaqeffannaa dur ture deebisuurratti hojjenna. Oromiyaan ala baanee Kombolchaa, Waldiyaa, Dassee ga’utti galma dhaabbannee hojjetaa turre.’’
Duudhaan Waaqeffannaa kun inni hin faalamne hawaasa barnootaa fi amantii ammayyaan hin bocamne biratti argama kan jedhan Obbo Lammaan, ''haala kana keessatti amantii kana babal’isuun qormaata ta’us itti cichinee duudhaa Waaqeffannaa keenya ganamaatti ni deebina,'' jedhan.
''Warra barnootaa fi amantii ammayyaa baratee fagaate waliinis wal-dubbisnee hojjenna,’’ jedhu.
''Waaqeffannaa jechuun of ta’uudha, of ta’uu jechuun kara fuula abbootii keenya ganamaatti deebi’uudha. Duudhaa abbootii keenyaatti jiraanna. Warri Gadaa, warra Waaqeffannaa kana uume – Ayyaantummaansaanii nu biraa haa jiraatu jennee amanna,'' jedhan.
Jaarmiyaa maqaa amantii Waaqeffannaan eeyyama qabu kan biraa- Waldaa Amantoota Waaqeffannaa Addunyaa jedhamu kan hoogganan Dr Qana’aa Lammi, amantii waaqeffannaa fi aadaa Oromoo adda baasanii ilaaluun hin danda’amu jedhan.
''Amantiin kun aadaa fi duudhaa sabichaa keessatti waan hundee qabuuf onnee uummatichaa keessa seene. Garuu biyyattii keessatti iddoon kennameef amantiiwwan kaan waliin walqixa miti,'' jedhan.
Dr Qana’aan amantiin Waaqeffannaa haala barbaadaniin babal’achuu dhabuu fi iddoo waaqeffannaas ta’e iddoo awwaalchaa dhorkamuu ilaalchisee wayita yaada kennan, ‘’Miidhaa bara mootii Minilik Oromoorra ga’etu ammallee nu biraa hin hafne,’’ jedhu.
''Bara mootii Minilik lafti awwaalchaa Oromoo labsiidhaan dhorkame. Awwaalchi bataskaanatti qofa jedhame. Ammallee seenaan sun harkifatee dhufee miidhaansaa nu biraa hin hafne,'' jedhan.
Amantiin kun osoo toora qabatee sirnaan hin babal’ate qaamni hoogganu lamatti ba’uunsaa dhiibbaa akka qabu himan Dr Qana’aa Lammii.
''Waaqa tokko, aadaa fi duudhaa tokkorratti bu’uureffachuu erga ta’ee iddoo lamatti ba’uun barbaachisaa miti. Kun qaawwa akka uumu gaaffii hin qabu.’’
Garaagarummaa warra kaan waliin qaban yoo ibsan, ''kan keenya duudhaa ganamaa keessaa waan hambisu yookiin waan gulaalu hin qabu,’’ jedhan.
Amantii Waaqeffannaa kaan kan hoogganan Obbo Lammaa Beehii ammoo qaamni biraa eeyyama qabu jiraatus hagas mara kan socho’e miti jedhan.
Jaarmiyaa Waaqeffannaa Dr Qana’aan hoogganaan waldhibdee akka hin qabne eeruun, jaarmiyaansaaniis duudhaa ganamaa kan gulaalu akka hin taane ibsan.
Dr Qana’aan akka jedhanitti garaagarummaan kan uumamu calaqqee amantii Waaqeffannaa kan ta’e Irreechi akkasumas Qaaluu fi ayyaantonni yoo keessaa baafamaniidha jedhan.
‘’Nuti wayyuu fi hayyuun bulla. Oromiyaa keessaa ayyaantonni bakka hunda jiru. Isaanitti ayyaanatu bu’a, ni dalagu, ni fagu. Nuttis ayyaanni ni bu’a, garuu hin dalagnu, hin fagnu,’’ jechuun gargaarummaan kanafaa ta’uu akka danda’u eeran.
Gartuu biraa amantii kana gaggeessu walin hanga yoonaa walitti bu’iinsi mudate akka hin jirre kan himan Dr Qana’aan, ‘’uummannis isa duudhaa keessaa hin hir’isne, isa guutuu ta’e filatee hordofuu fi babal’isuuf mirga qaba,’’ jedhan.
Dr Qana’aan akka jedhanitti kanneen maqaa amantii Waaqeffannaan eeyyama qabaniin alatti, akkaataa adeemsa waaqeffannaan gareen biraa sadaffaanis jira.
Isaan kunneen ayyaantuudhaan hoogganamu, ayyaanatu itti bu’a, wayita ayyaanni itti bu’u ni dalagu (ni fagu) jedhan Dr Qana’aan. Gartuun kunis beekamtii fi eeyyama akka qabu ibsan.
‘’Ayyaantummaan kan isaanii dalootaan darba. Galma waaqeffannaa isa ganamaatti cichanii jiru. Duudhaa Waaqeffannaa isa ganamaa qabatanii turuudhaan nu caaluyyuu.’’
Amantiin duudhaa ganamaa ta’e kun addunyaa ammayyaa waliin tarkaanfatee, adeemsi isaas amantiiwwan ammayyaa kaanii gadi akka hin taane gochuun warra garee kaanirraa adda nu taasisa jedhan Dr Qana’aan.
Amantiin Waaqeffannaa kun giddu-gala biyyaa keessaahuu godinaalee shawaa keessatti waan daangeffame fakkaata, galmoonni Waaqeffannaas magaalota handaara Finfinneetti diigamuu fi miidhaan irra ga’uu wayita komiin dhihaatu dhageenya.
Amantiin Waaqeffannaa jaarmiyaa jabaa jalatti gurmaa’ee haala Kanaan hin yayyabamne, akka amantiiwwan kaanii barsiisonni isaa yeroo guutuu fudhatanii kan lallaban ta’uurra hin geenye jedhu Dr Qana’aan.
‘’Kanaaf iddoowwan muraasatti namuma fedhii qabuun gaggeeffama. Naannoo godinaalee shawaa kanatti akka daangeffamu kan taasises sababi tokko kana,’’ jedhan.
Amantiin kun yeroo ammaa bakkuma namni waa’eesaa hubatee fi fedhii irraa qabutti daangeffamee jira kan jedhan Dr Qana’aan, ''akka amantiiwwan kaaniitti of danda’ee yaa tarkaanfatu yoo jenne, jaarmiyaa tokko jalatti beekamee, kitaabis qophaa’ee barsiifamuu qaba,’’ jechuun dhaaman.